Addunyaarratti hormaatni maaliif 'haala hin eegamneefi nama yaaddessuun' hir'ate?

Qorannoo namoota kuma 14 irratti gaggeeffame keessatti namoota shan keessaa tokko daa'imman hanga fedhan hin arganne ykn hanga fedhan arganna jedhanii hin eegan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qorannoo namoota kuma 14 irratti gaggeeffame keessatti namoota shan keessaa tokko daa'imman hanga fedhan hin arganne ykn hanga fedhan arganna jedhanii hin eegan

Namrata Nangiyaa fi abbaan warraashee erga waggaa shan dura daa'ima jalqabaa godhatanii booda daa'ima lammataa godhachuuf yaadaan bu'anii ba'aa turan.

Garuu hunduu naanna'ee gara gaaffii tokkootti dhufa: ''Jiraachisuu dandeenyaa?'' kan jedhu.

Isheen Mumbaayi jiraatti. Warshaa qorichaa keessa hojjetti. Abbaan warraashee ammoo kaampaanii gommaa keessa hojjeta.

Garuu daa'ima jalqabaa godhataniyyuu jiraachisuun itti cimeera. Kaffaltii barnootaa, baasii geejjibaa, kaffaltii shaakala bishaan daakuuf kaffalamu, darbees doktara bira deemuuunuu ulfaataa ta'eera.

Yeroon guddina Namrata fi kan daa'ima ishee garaagarummaa guddaa qaba.

''Mana barumsaa qofa deemna turre. Barnoonni dabalataa hin turre. Amma garuu daa'ima kee bishaan daakuu, ogummaa fakkii kaasuu fi waan biraa isaan hojjechuu danda'an barsiisuu qabda,'' jette.

Namrata Nagia yeroo ammaa daa'imman guddisuuf rakkoo guddaan diinagdee akka ta'e himte

Madda suuraa, Namrata Nangia

Ibsa waa'ee suuraa, Namrata Nagia yeroo ammaa daa'imman guddisuuf rakkoo guddaan diinagdee akka ta'e himte

Jaarmiyaan UN dhimma fayyaa walhormaataa irratti hojjetu- UNFPA, wanti mana Namrata keessatti mul'ate kun addunyaa maratti baramaa dhufeera jechuun gabaasa isaa keessatti eereera.

Jaarmiyaan kun uummata addunyaa keessaa miiliyoonaan kan lakkaa'aman daa'imman hanga fedhan godhachaa hin jiran jechuun kanaanis yaadda'uu ibse.

Kanaaf ammoo sababi ijoon maatiin diinagdee ga'aa dhabuu fi akkasumas yaadi abbaa warraa fi haadha warraa walta'uu dhabuudha.

UNFPA biyyoota 14 keessatti namoota kuma 14 irratti qorannoo gaggeessuun gabaasa kana baase.

Namoota shan keessaa tokko lakkoofsa daa'imman godhachuu fedhanii hin arganne ykn ni arganna jedhaniis hin eegan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon kun biyyoota akka Kooriyaa Kibbaa, Taayilaand, Xaaliyaan, Hangarii, Jarmanii, Siwiidiin, Biraaziil, Meeksikoo, US, Indiyaa, Indoneezhiyaa, Morookoo, Afrikaa Kibbaa fi Naayijeeriyaa keessatti gaggeeffame.

Kunneen baayyina uummata addunyaa keessaa tokko sadaffaa qooddatu.

Biyyoonni xiyyeeffannaa qorannoo kanaa ta'an kanneen galii olaanaa fi gadi aanaa akkasumas daa'imman hedduun keessatti dhalatanii fi rakkoo hormaataa qaban of keessaa qabu.

Qorannoo ga'eessotaa fi namoota gulantaa walhormaataa keessa darban irratti gaggeesse booda yaaddoo qabu kan ibse UNFPA, ''addunyaarratti walhormaati haala hin eegamneen hir'ataa jira,'' jedhe.

Hooggantuun UNFPA Dr Nataaliyaa Kanem ''namoonni qorannoon irratti gaggeeffame hedduun daa'imman lamaa fi isaa ol godhachuu fedhu. Garuu hedduun maatii fedhan horachuu waan hin dandeenyeef hormaati akkaan gadi bu'aa jira. Kun addunyaaf balaa guddaadha,'' jedhan.

Jaarmiyaan kun hanga yoonaatti dubartoota ijoollee barbaadaniin ol godhachuun waliin rakkatan irratti xiyyeeffatee hojjetaa ture.

Amma garuu dhalooti hir'achaa jiraachuun kan eegameen ol ta'ee isa yaaddessuu ibsa.

''Yeroo ammaa kan argaa jirru waan baayyee nama rifaasisu. Haalli jiru baayyee walxaxaadha. Bakka gariitti kan dhalatan ni heddummaatu. Bakka kaanitti lakkoofsi daa'imman dhalatanii akkaan gadi bu'eera. Kanaaf deebii kennuunis nama dhiba,'' jedhan Dr Kanem.

Qorannoon akka mul'isutti namoonni hedduun daa'imman muraasa godhachuuf dirqamaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Qondaalli UN kun addunyaan dhaloota hir'isuu fi dabaluu gidduutti burjaaja'uuf deemti jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Waggaa 40 dura biyyoonni akka Chaayinaa, Kooriyaa, Jappaan, Taayilaand fi Turkii baayyinni uummata isaanii humnaa ol ture jedhan Dr Kanem.

Biyyootumti kunneen bara 2015 walhormaati akka dabaluuf xiyyeeffannaan hojjechuu eegalan jedhan.

Qorannoon UNFPA akka agarsiisetti diinagdee caalaa daa'immanii fi maatii gidduutti rakkoo kan uumu dhimma yerooti. Dhugaan kun jiruu fi jireenya Namrata keessatti ifatti mul'ata.

Guyyaa guyyaan bakka hojiishee geessee deebi'uun yoo xiqqaate sa'aatii sadi itti fudhata.

Wayita mana geessu ni dadhabdi, garuu ammoo daa'ima ishee waliin turuu barbaaddi. Maatiin ishee hirriba ga'aa hin rafan.

''Hojii ooltee yeroo galtu, of yakkita- kun beekamaadha. Haadha ta'uu jibbita. Haadha daa'imashee waliin yeroo ga'aa hin qabaanne ta'uun hiika siif hin qabaatu,'' jette.

''Kanaaf, daa'imuma tokkorratti xiyyeeffanne. Haalli jiru akka daa'ima biraa godhannuuf hin eeyyamu.''