Chaayinaa hanga Awustiraaliyaatti namicha Isparmii arjoomee daa'imman 180 horerraa 'of eegaa' jedhame

Robeert Chaarles Alboon

Madda suuraa, Instagram | Robert Charles Albon

Ispeermii arjoomuun abbaa ijoollee 180 ta'uu namni himatu hammeenya arjoomni ispeermii hordoffii hin qabne qabuuf agarsiistuu ta'uu abbaan murtii tokko beeksisan.

Robeert Chaarles Alboon, Jo'e Dooner jechuun of waama. Chaayinaa hanga Awustiraaliyaatti ijoollee 180 ta'aniif abbaa ta'uu dubbata. Ispermii akka arjoomu oonlaayiniin beeksisa.

Haata'u malee maatiin arjoomasaan daa'ima godhatan rakkoo hamaaf saaximalaniiru. Sababni ammoo namni kun daa'ima dhalateef mirga abbummaa qabacahuuf maatii Mana Murtii dhaabuu isaati.

BBCn dhimma kana ilaalchisee Alboon dubbiseera.

Abbaan Murtii Jonaataan Faarnes dubartoota arjooma ispeermii qajeelfama hin eegnerraa keessumaa ammoo namoota akka Alboon irraa eeguun ni barbaachisa jedhaniiru.

Maatiin amma mana murtii dhaabatan dubartoota saala walfakkaataa qaban yoo ta'u daa'imti kan dhalatte ispermii Alboon siriinjiin fudhachuuni. Haata'u malee Alboon dubartii mucaa garaatti baatte waliin dhoksaatti saalqunnamtii raawwatee akka beeku hima. Abbaan seeraa garuu yaada kana kufaa godheera.

UK, Kaardiif keessatti dhimmi kun ilaalama kan ture yoo ta'u, namni ganna 50'oota keessa jiru kun mucaa dhalatteef keessummaadha, daqiiqaa 10f qofa argee jedhameera.

Alboon Mana Murtiitti kan gaafate gaafatama maatii ta'uu qabachuudha. Waraqaa dhalootaa(Birth certificate) irrattis maqaansaa akka galu, maqaan daa'imaas akka jijjiiramu gaafate.

Haati, mucaa dhalatteef guddiftuu qofa akka jedhamtuus Mana Murtii gaafateera.

Dubartootni hariiroo jaalalaan mucaa godhatan sababa dhiphina adeemsi himannaa waggoota lamaa uumeen hariiroonsaanii diigamuu ibsaniiru.

Haati mucaa isparmii ajoomaan deesse dhiphina guddoo hanga sadarkaa lubbuu ofii baasuu gahu keessa darbuu Manni Murtii hubateera.

Dhimma kana irratti murteen kan darbe bara 2023 keessa ture. Ammoo hanga ammaa osoo ifa hin godhamiin ture.

Manni Murtii Alboon nama dhalootnisaa Ameerikaa ta'e yoo ta'u UK keessa jiraata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan murtii ''dubartootniifi daa'imman isaaf akka shaqaxaati, isayyuu lakkoofsa daa'imman guutuu addunyaarraa qabuu dabaluu barbaada. Chaayinaa, USA, Arjantiinaa, Awustiraaliyaa fi UK biyyoota inni ijoollee itti hore keessaati'' jedhan.

Murtiin dhimma kanarratti darbe maqaa daa'imaa jijjiruun bu'aa akka hin qabne daa'imaafi isa gidduu hariiroo uumuunis daa'imaaf waan buusuu akka hin qabne ifa godheera.

Alboon waggaatti kaardii yookaan iimeelii qofa akka erguufi sunis wayita daa'imti umrii eenyurraa akka ergaman baruu dandeessurra geessu akka ilaaltu murtaa'e.

Alboon miidiyaalee hawaasaa gubbaatti kallattiin qunnamtii saalaa gochuufi maloota biraan isparmii akka arjoomu beeksisa.

Gaaffiifi deebii barruu The Sun jedhamu waliin godheen ammoo ijoollee dhalatan 180 keessaa 60 kan ta'an qaamaan arguu himeera.

''Hedduu isaanii ijaan arguu hin danda'u ta'a, hariiroo harmeesaanii waliin jirutu murteessa...Ani garuu osoon ijoollee waliin hariiroo qabaadhee jaaladha.''

Haati daa'ima kana ulfooftee deesse, gaaffiin Alboon dhiyeesse ''seenaa rifaasisaadha'' jette.

Abbaan Seeraa Farnees ammoo ''haati arjooma Isparmii qajeelfama hin hordofneen balaa dhufu addunyaan akka hubatu barbaaddi'' jedheera.

Robeert Chaarles Alboon

Madda suuraa, Instagram | Robert Charles Albon

Dubartootni ulfaa'uu barbaadan dhimma akkasiis akka hubataniifi balaa dhufurraa eeguun akka barbaachisus himan.

''Namni kun isparmii arjoomuu itti fufuu barbaada, dubartootni saaxilamoon tajaajila akkasii barbaadan nama kana waliin hariiroo uumuun balaa qabu hubachuu qabu'' jedhaniiru.

Haalli Alboon ispeermii itti arjoomu qajeelfama kan horde miti kan jedhameef UKn seera baafteen arjoomni kun kilinika hayyama qabutti, qorannoowwan fayyaa dabalataan akka ta'u ajajji. Daa'imniarjoomaa tokkon dhalatus 10 ol akka hin taane eera.

Alboon garuu luubbuu namaa haaraa uumuu keessatti gahee bahuu akka barbaadu hima. Saalqunnamtiif jedhee ykn maallaqaaf jedhee kana akkas godha jedhamuunsaa arraabsoo ta'uu hima.

Baasii geejibaa baasee biyyoota yoo qaxxaamurus maallaqa argachuuf akka hin taane dubbata.

Sarara

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.