UKn namoota sanyii dhiiraafi dubaraa arjoomaniif durgoo dabaluu beeksifte

Nama arjoomaaf kilinika jiru

Madda suuraa, Getty Images

UK keessatti namoota sanyii dhiiraafi dubaraa arjoomaniif durgoon kaffalamu sababa qaalayinsa jireenyaatiin dabaluu mootummaan beeksise.

Amma dura nama sanyii dhiiraa(ispeermii) arjoomuuf durgoon guyyuun kaffalamu £35 ture. Amma fooyya'insa godhameen £45 gaheera.

Dubartoota anqaaquu arjooman kana dura baasii itti kilinika deemanii tajaajila arjoomaaf baasan bakka buusuuf durgoon argatan £750 irraa gara £986 dabaleera.

UK keessatti nama ispeermiifi anqaquu arjoomuuf kaffaltii rawwachuun ykn bittaa raawwachuun dhorkaadha. Ammoo maallaqni amma kaffalamu tajaajila kanaaf jecha kilinikatti irra deddeebiin marmaaruun barbaachisaa waan ta'uuf baasii geejibaafi isa fakkaatan qofa bakka buusuuf kennama.

Waajirri dhimma hormaataa hordofu biyyattii keessatti hanqinni arjoomtota ispeermiifi anqaaquu mudachuu ibseera.

Adeemsi arjooma kanaa walxaxaadha kan jedhu waajirichi, daa'imman arjooma kanaan dhalatan umrii 18 erga gahan booda maatii baayolojikaalaa isaanii beekuuf mirga qabu jechuun akeekkachiise.

Abbaan Taayitaa hormaata dhala namaa fi Imbiriyoolijii durgoo dabaluun kan barbaachise qaalayinsi jireenyaa tibba kana dabalaa jiraachuu isaatiinii jedheera. Dabaluunis, Ispeermiifi anqaaquu arjoomuun maallaqa argachuuf yaaluun sirrii miti jechuun akeekkachiise.

''Arjoomaa ta'uuf murteessuun jabaadha, nama arjoomuufi maatii sana irratti dhiibbaan dhufu ni jiraata, mucaa dhalatu irrattis akkasuma'' jedhan dubbii himaan waajirichaa.

''Arjoomtotni qorannoo meedikaalaa baayyee keessa darbu, arjooma isaaniitiin daa'imman dhalatan waggaa 18 erga guutanii booda isaan qunnamuu waan danda'aniif kun isaanitti toluu dhiisuu hin qabu.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

UKn hanqina arjooma ispermii ishee mudateef furmaatni keesse tokko baankii ispeermi biyyoota akka US fi Denmaarkirraa biyyattii galchuudha.

Nikool Neel Baankii Ispermii London keessatti hooggantu damee oppireeshiniifi laaboraatoriiti, hanqinni biyyattii mudate sababa namootni fedha arjoomuu qaban waan hin jirreef mitii jetti. Rakkoon isaa sadarkaa ciminaa arjoomtotaati jetti.

Dabaluunis ammaan tana haalli namootni jireenyasaanii itti jiraatan cimina ispeermiirratti rakkoo uumaa jira jetti. Sababa kanaattis namoota arjoomuuf galmaahan keessaa muraasa isaaniirraa qofa arjooma fudhachaa jiraachuu himte.

Biyyattii keessa ilaalchi arjooma ispermiirra jiru jijjiiramaa jiraachuus dubbatte.

UK keessatti namni ispermii arjoomuu danda'u kan umriinsaa waggaa 18-45 gidduu jiruudha.

Namni ispermii arjoomu ji'a sadii hanga ji'a jahaa kilinikatti torban torbaniin deddeebi'uun kan irraa eegamu yoo ta'u, qorannoowwan adda addaa booda guyyaa isa tokkotti sanyiin dhiiraa fudhatamee qabee istiiriyaalaayiz godhame keessa kahamee akka cabbaa'u ta'ee taa'a.

Eenyummaan nama arjoomuu osoo ifa hin godhamiin arjooma raawwachuun hin hayyamamu, namni arjoomu kamuu arjooma isaarraa daa'imni dhalatu waggaa 18 yoo guutu mirga isa qunnamuu akka qaban akka beeku godhama.