Akkaawuntii Facebook fi Instagram keessan mirkaneessuuf waan gochuu qabdan

Akkaawuntii Facebook Mark Zakarbarg

Madda suuraa, Getty Images

Dhihoo kana dhimmi akkaawuntii miidiyaalee hawaasummaa kan dhaabbata Meta ta'an, keessattuu kan Facebook fi Instagram mirkaneessuu (verification) ajandaa ta'eera.

Tibbana ammoo namoonni hubannoo qabna jedhan namootaaf tajaajila akkaawuntii mirkaneessuu (Meta Verification) akka kennan ibsaa jiru. Kunis miidiyaa hawaasummaa, Facebook, irratti bal'inaan qoodamaa jira.

Garuu adeemsa armaan gadii kanaan akkaawuntii keessan ofumaan mirkaneessuu (verify) gochuu dandeessu.

''Meta Verified'' jechuun maal jechuudha?

Duraan namoota miidiyaa hawaasummaarratti dhiibbaa uumuun beekaman, kanneen eenyummaansaanii sirriitti beekamuu fi qabiyyeen isaan maxxansan qajeeltoo itti bulmaata Meta hin faallessineef kennama ture.

Innis erga namoonni akkaawuntii dhuunfaa isaanii eeruun akka kansaanii qofa ta'uun isaaniif mirkanaa'u eeyyatanii booda raawwata ture.

Haala kanaan namoonni beekamtii guddaa qaban eenyummaasaanii kan mirkaneessu mallattoo ykn baajii ''blue ticks'' jedhamu argachaa turan.

Kubbaaniyyaan Facebook fi Instagram of jalatti qabu Metan bara 2023 irraa eegalee namuu maallaqaan faayidaa kana argachuu akka danda'u ibseera.

Garuu kaffaltiidhaan kan argamu akkaawuntii biizinasii osoo hin taane kan dhuunfaa qofa.

Faayidaa akkamii qaba?

Namni akkaawuntii Facebook ykn Instagram kan dhuunfaatiin kaffalee maamila ta'e ykn sabiskiraayib godhe mallattoo eenyummaasaa isa dhugaa mul'isu- Verified Bagde argata.

Kunis maqaa akkaawuntii fuulduratti mallattoo ''blue tick'' jedhamuun mirkanaa'a.

Akkaawuntiin haala kanaan mirkanaa'e kan nama biraatti akka hin fakkeeffamne ykn namni biraa fakkeessee akka ittiin hin dhihaanne Metan eegumsa taasisa.

Namni akkaawuntiisaa akkanaan mirkanaa'e namoota kaan birattillee ni amanama.

Ammoo qabiyeewwan namoonni kaan argachuu hin dandeenyes argata.

Fakkeenyaaf immoojiiwwan Istoorii fi Reel waliin fayyadaman kan akkaawuntii mirkanaa'aa qabutu warra kaan caalaa argata.

Maaltu barbaachisa?

Facebook fi Instagram irratti akkaawuntii mirkaneeffachuu (verify godhachuuf) yoo xiqqaatee ulaagaaleen armaan gadii guutamuu qabu:

  • Umriin waggaa 18 ol ta'uu qaba, kanaaf ammoo umrii ofii isa sirrii, kan waraqaa eenyummaan walsimu, galchuun dirqama
  • Pirofaayiliin nama dhuunfaa ykn garees ta'uu danda'aa maqaa isa sirriidhaan wal simuu qaba ykn ulaagaa maqaa Meta guutuu qaba.
  • Waraqaa eenyummaa kan mootummaarraa argame suuraa kan qabuu fi suuraan sunis kan pirofaayiliirra jiruun kan walsimu qabaachuun dirqama
  • Eegumsa dabalataa qabaachuu qabda, kunis erga kaffaltiin raawwatameeti
  • Qajeeltoo ittiin bulmaataa Facebook fi Instagram kabajuu
  • Biyya keessatti akkaawuntiin mirkanaa'e ykn verify ta'e keessa jiraachuu
  • Adeemsa eenyummaa mirkaneessuu eegaluuf jalqaba kaffaltiin dirqama
  • Qaama eenyummaa mirkaneessuu (verify gochuu) keessaa waraqaa eenyummaa seera qabeessa qabaachuun, bakka barbaachisutti ammoo eenyummaa kee sirrii mul'isuuf viidiyoo of waraabuun isaan ijoodha
  • Akkaawuntiin kee altakkaa mirkanoofnaan maqaa akkaawuntii fi maqaa pirofaayilii, guyyaa dhalootaa ykn suuraa akkaawuntii keen walqabatu geeddaruuf tokko jettee adeemsa walfakkaataa keessa darbuu qabda
  • Odeeffannoo dogoggoraa ykn sobaa dhiheessinaan maallaqa osoo hin deebi'in adeemsi akkaawuntii mirkaneessuu haqamuu danda'a, akkaawuntii akkasiirrattis tarkaanfiin fudhatamuu mala
  • Akkaawuntii dhugaa yoo ta'ee fi sa'aatii 48 keessatti mirkanaa'uu baate garuu kaffaltiin ni deebi'a

''Facebook Verification'' yoom eegale?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Facebook jalqaba akkaawuntii mirkaneessuu kan eegale bara 2015 ture. Peejiiwwan paabilik ta'an mirkaneessuurraa eegale.

Onkoloolessa 2015 US, Kanaadaa, UK, Awustiraaliyaa fi Niwu Ziilaand keessatti eegale.

Bara 2018 ammoo peejii paablikii fi kan dhuunfaa mirkaneessuu (verify gochuu) eegale. Kun guutummaatti addunyaatti ture.

Yeroo sana namoota maqaa guddaa qaban ykn dhiibbaa uumuu danda'antu argataa turan.

Bara 2023 Onkoloolessa keessa Metan adeemsa kana jijjiire. Kaffaltiidhaan tajaajila kana kennuu eegale.

Namoonni kaffaltii ji'aan kaffalaniin mallattoo akkaawuntii isaanii isa dhugaa mirkaneessu ''blue tick'' argachuu eegalan. Doolaara 11.99 irraa eegaluun marsariitii irratti kaffaluun tajaajila kana argatu.

Namuu akkaawuntii dhuunfaa ykn peejii isaa banachuun kaffaltiidhaan tajaajila kana argachuu danda'a.

Kaffaltii raawwachuuf kaardii maallaqaa sadarkaa idiladdunyaatti hojjechuu danda'u qabaachuun dirqama.

Altakkaa sabiskiraayib goonaan ji'aan kaffalaa deemu. Itoophiyaatti haalli kaffaltii mijataa waan hin taaneef namoonni ofiin tajaajila kana argachuuf rakkatu.

Garuu adeemsa kana abbaa akkaawuntiitu raawwachuu qaba jedha Metan. Yoo qaamni sadaffaan itti seene rakkoo odeeffannootu uumama.