Meta'n qaamolee walabaa qabiyyeewwan Facebook fi Instagram to'atan dhiise

Abbaa qabeenyaa Meettaa

Madda suuraa, Getty Images

Meta'n qaamolee walabaa qabiyyee Facebook fi Instagram hordofaafii turan ofirraa dhiisuun bakkasaanii akka X kan mataasaa ''community notes'' jechuun bakka buufate.

Kana jechuun sirrummaa qabiyyeewwanii irratti yaada kennan fayyadamtoota jechuudha.

Hundeessaa fi hoogganaa olaanaan Meta Mark Zuckerberg qaamoleen sadaffaan qabiyyee hordofaa turan ''loogii siyaasaa qabu,'' jedhe.

''Kanaafuu kun yeroo itti duudhaa bu'uuraa keenyaa kan ta'e mirga yaada ofii bilisaan ibsachuutti deebinuudha,'' jedhe.

Hoogganaan dhimmoota addunyaa (global affairs) Meta Joel Kaplan kubbaaniyyichi qabiyyeesaa akka hordofuuf qaama sadaffaa irratti hirkachuun waan itti yaadamee godhameedha jechuun yaada kenne.

Garuu qabiyyee yaada fayyadamtootaa gulaaluun yeroo keessa rakkoo uumaa dhufe jedhe.

Tarkaanfii Meta kana hordofee qaamoleen duula farra haasaa jibbiinsaa gaggeessan mufannaasaanii ibsaniiru.

Jijjiiramni amma Meta keessatti uumame kun kubbaaniyyaan kun toora Doonaald Tiraamp fedhurra qajeeluusaa agarsiisa jechuun himatu kanneen duula kana gaggeessan.

Akka jaarmiyaattis yaada kana kan morman jiru. Jaarmiyaan duula kana gaggeessu fi dhaabbata kana seeraan gaafachuuf dhaadataa jiru- Global Witness jedhamu isaan keessaa tokko.

Dhaabbata kanarraa kan taate Ava Lee ''wanti Zuckerberg labse kun bulchiinsa Tiraamp tumsuuf kan kaayyeffatedha. Kun yaada qaanessaadha. Miidhaa guddaas hordofsiisa,'' jette.

''Yaada walabaan ibsachuu hacuuca'' maqaa jedhuun qabiyyeesaa hordoffii qaama sadaffaa jalaa baasuun siyaasa. Haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa tamsaasuu [kan daabbatichi jajjabeessu] irratti itti gaffatamummaa fudhachuurraa dheessuu mul'isa.''

X (Twitter duraanii) akkeessuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Metan sagantaa qabiyyeesaa mirkaneessuu kan eegale bara 2016 yoo ta'u, odeeffannoo sobaa yookiin nama dogoggorsan sakatta'anii akka gabaasaniif jaarmiyaalee walabaatti kennee hojjechiisaa ture.

Maxxansi tokko yoo qajeelaa ta'uu baate fayyadamtootaaf odeeffannoo dabalataa waa'ee maxxansa sanaa waliin ibsamaa, isa booda qabiyyeen akkanaa baayyinaan akka hin ilaalamne taasifama.

Hojimaati kun amma waan biraan bakka buufama jedhe Metan. Yaada fayyadamtoonni kennantu tajaajila kana bakka bu'a.

Innis ''dursa Ameerikaaf'' jechuun hojiitti hiikama.

Metan karoorri qaamolee sadaffaa kana ofirraa dhiisuu kun UK fi Gamtaa Awurooppaa keessatti ''ammumarraa hojiirra oola'' yaada jedhu akka hin qabne himeera.

Hordoffii qabiyyeewwan maxxanfamaniif yaada hawaasaa (fayyadamtootaa) irratti hundaa'uun kun X irraa fudhatame.

Miidiyaan kun erga Elon Maskiin bitamee fi maqaanis itti geeddarameetu karoora kana fide.

Akka sagantaa X kanatti maxxansa falmisiisaa ta'e soroorsuuf yaadota fayyadamtoonni gamasii fi gamanaa kennantu murteessaadha.

''Kun baayyee namatti tola,'' jedhe erga Metan mala kanatti fayyadamuu eegaluusaa ibseen booda.

Haata'u malee jaarmiyaan UK Molly Rose Foundation jedhamu sagantaa haaraan Metan labse kun ''nageenya onlaayiniif akkaan yaaddessaadha,'' jedhe.

''Tarkaanfiin kun hagamitti akka deemu itti dhiheenyaan hordofaa jirra. Lubbuu ofii balleessuu, miidhaan ofirratti raawwachuu fi qabiyeewwan mukaa'uun walqabatn kan ilaallatu ta'uu hordofaa jirra,'' jedha hoogganaan jaarmiyaa kanaa Ian Russell.

''Adeemsi kun dargaggootaa fi daa'imman irratti miidhaa hamaa qabaata.''

Metan qabiyyeewwan lubbuu ofii balleessuu fi miidhaa ofirratti raawwachuun walqabatan akka ''miidhaa addaatti'' ilaaluun karoora kana keessatti akka addaatti akka keessummeessu BBCtti himeera.

Dhaabbanni qabiyyeewwan Awurooppaa keessatti darban hordofu- Full Fact, karoorri haaraan Meta kun, isa dhaabbatichi loogii fi keessa seentummaa siyaasaan qaamolee sadaffaa komatu faallessa jedhe.

Hoogganaan dhaabbata kanaa Kiriis Mooriis jijjiirama Meta kanaan ''gaddisiisaa fi boodatti hafummaa kan agarsiisu, balaawwan mudatan ittisuurraa of duuba kan deebi'e,'' jedha.

Metan seerotaa fi imaammatoota qabiyyeewwan akka ''godaansaa, koorniyaa fi walqixxummaa koorniyaa'' daangessan haquu jedhu akka dhiisus ibseera.

Sababni isaa qabiyyeewwan kunneen marii fi falmii siyaasaa dhaluu danda'u waan ta'eef jedhe jaarmiyaan kun.

''Qabiyyeewwan TV yookiin Kongiresii irratti ifatti dubbataman miidiyaa keenyarraa dhorkamuun sirrii miti,'' jedhe.

Jijiiramni kun yeroo hoogganoonni olaanoon dhaabbatichaa sirna kakuu seenuu Doonaald Tiraamp Amajjii 20 raawwatamurratti hirmaachuuf qophiitti jiranitti labsame.

Tiraamp duraan Meta akkaan qeeqaa ture, keessattuu akkaataa jaarmiyaan kun itti qabiyyeewwan to'atu baayyee qeeqa.

Caamsaa 2024 Facebool ''diina uummataati,'' jedhee ture Tiraamp.

Ergasii garuu hariiroon isaan gidudu jiru fooyya'eera. Metan sirna kakuu seenuu Tiraampiif doolaara miiliyoona tokko arjoomeera.