Algoorizimiin miidiyaalee hawaasaa akkamiin qabiyyee isin bira gahan akka to'atan quba qabduu?

Akkaataa algoorizimiin hojjetu

Inistagiraam gubbaatti viidiyoowwan gaggabaabaa gosa tokko yeroo lama bantanii ergasii viidiyoowwan isinii dhiyaatan irra hedduun isa duraan bantan waliin kan walfakkaatu qofa ta'ee gaaffii isinitti uumeera?

Feesbuukii gubbaattoo qabiyyeen haaraan isinii dhufuu didee waanuma walfakkaatu argaa jirtuu?

Deebiin keessan eyyee kan jedhu akka ta'e beekuun salphaadha. Sababnisaas isin qofaa osoo hin taane addunyaa guutuutu akkasi.

Sababnisaa ammoo hojii algoorizimootaati.

Miidiyaaleen hawaasaa algorizimoota hojiirra oolchuun qabiyyee isin bira gahu daangessuun, wanta isin barbaddan isinii murteessaa jiru.

Algoorizimiin miidiyaa hawaasaa kunniin erga hojiirra ooluu eegalanii waggaa 15 ta'eera.

Akkuma Feesbuukiin dhufeen wajjin dhalate. Kaayyoonsaas fedha fayyadamaa miidiyaa hawaasaa adda baasuun qabiyyeewwan fayyadamaa sanaaf ta'u baayyisee dhiyeessudha.

Kun akkaataa fayyadamtootni qabiyyee miidiyaa hawaasaa itti argataniifi itti fayyamanirratti jijjiirama guddaa fide.

Hojiin algoorizimii kun yaaliif qofa miti. Dhiibbaansaas dabalaa dabalaa dhufeera.

Bara kana qofa mootummootni hedduun addunyaa kanaa dhiibbaa qabiyyeewwan hamoon qabaniifi tamsa'ina odeeffannoo dogoggoraa sababa algoorizimiin hammaate to'achuuf tattaafachaa jiru.

Biraaziil, X qabiyyeewwan fudhatamummaa bu'aa filannoo darbee qeeqan ugguruuf bakka buutota qabiyyee to'atan biyyattii keessatti hanga hin qabaannetti miidiyaa hawaasaa kana uggurteetti.

Gamtaan Awurooppaas miidiyaaleen hawaasaa adeemsa filannoo keessa gidduuseentummaa mudatu hin ittisan yoo ta'e akka isaan ugguru beekiseera.

UKn miidiyaaleen hawaasaa to'annoon qabiyyeewwanii akka cimu qajeelfama haaraa baafteetti.

Adam Kaandeeb piroofeesara seeraa fi gorsaa pirezidantii duraanii Doonaald Tiraampi. ''Miidiyaan hawaasaa moggaatti kan namaa dhiibu, to'achuuf kan rakkisu kaka'umsa kan hin daballe, ardaa marii ta'uuf rakkisaa kan ta'eedha'' jechuun BBCtti himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Adam filannoon kan biraan jiru yaada mootummootni to'annoon hawaasaa fi siyaasaa akka irra jiraatu hayyamu ta'uu kaasuun, sunis balaadha jedhu.

Yaadni Adam qabiyyeewwan miidiyaa hawaasaan balaan hamaafi ammatti ifatti mul'atu hin jiru yoo ta'e, miidiyaan hawaasaa ardaa mariifi gabaa yaada bilisaa ta'uu qaba kan jedhudha.

Yaadni ''gabaa yaada bilisaa'' jedhu, gahee miiidiyaaleen hawaasaa bakka hunduu walqixa ta'ee yaadasaa dhiyeessu ta'uun sagaleen hunduu qixa ta'ee haa dhagaahamu jedhu jajjabeessa.

Haati seeraafi barsiistuu global affairs Ashaa Raangaappaato'annoowwan qabiyyee jiran mara dhabamsiisuun dimookarsiif hin fayyadu, inumaa miidhaa qabaa jetti.

Ogeettiin kun miidiyaaleen hawaasaa bakka dhiibbaa mootummaafi qaama kamuu yaadni bilisaan waliin dorgomu ta'uun osoo irra jiruu waltajjiin akka tiwiitar kan amma X jedhamuu gahee san bahaa hin jiruu jetti.

''Jalqabumarraayyuu bifiyyeen miidiyaalee hawaasaa yaadni bilisaafi haala haqa ta'een akka dorgomu kan hayyamu miti...bu'aan yaada miidiyaa hawaasaarra jiruu kan ilaalamu bu'aa inni qabuun osoo hin taane algoorizimiidhaani.''

Akkaataa algoorizimiin itti hojjetu

Achii dhufte algoorizimii

Algoorizimiin amala keenya hordofa, achii ammoo wayita miidiyaa hawaasaa keenya banannu wanta arginu murteessa.

Kanarraa kan ka'e namootni kaan algoorizimoota kanatu intarneetii gubbaa yadni bilisan akka hin naannofne danqaa uuma jedhu.

Yunivarsiitii oof Siidniitti Mana Barnootaa Biizinasaa keessatti barsiiftota kan ta'an Kaayi Rimeer fi Saandiraa Piitar '' yeroo duraa miidiyaaleen hawaasaa dirree dijitaalaa yaadni bilisaan irratti qoodamu turan'' jechuun BBCtti himan.

''Haata'u malee algoorizimootni miidiyaalee hawaasaa bilisummaa yaada ibsachuu jijjiiraniiru, wanta jedhamu irratti daangaa kaahuun qofa osoo hin taane, eenyu qabiyyee akkamii akka argatu murteessuudhaan'' jedhu.

Barsiisonni kunniin qo'annoo hojjetan keessatti maaliif bilisummaa yaada ibsachuu miidiyaa hawaasaarra jiru irra deebi'anii yaaduun akka barabaachisu ibsan.

''Qabiyyeewwan, bu'aa buusan irratti hundaa'uun waldorgomaa jiru osoo hin taane algoorizimiin qabiyyee wayii filatee dhaadhessu, kaan ammoo nama bira akka hin geenye daangessa'' jedhu ogeeyyiin lamaan kun.

Gidduuseentummaan hin baratamne kun yaadni bilisaan nama hunda bira akka hin geenye danqaa uumeera kunis xiyyeeffannoo hin arganne jechuun falmu.

Feesbuuk miidiyaal hawaasaa jiran keessaa dursee algoorizimii hojiirra oolchuu eegale. Addunya aguutuutti fayyadamtoota biliyoona sadii kan qabu Feesbuuk, Feed qabuniis isa guddicha.

Feesbuuk waggaa 15 dura algoorizimii qabiyyeewwan sadarkessu fayyadamuu eegale. Ergasii maamlitootni qabiyyeewwan tartiiba itti maxxanfamaniin arguun hafee, wanta Feesbuuk akka isaan argan barbaadu arguu jalqaban.

Poostiiwwan akka argan godhamuuf deebii maamlitootni kennan hordofuun qabiyyeewwan walfakkaatoon baayyinaan fayyadamaa saniif dhufu.

Akkaataa algoorizimiin hojjetu

Kanaafuu akkuma miidiyaaleen hawaasaa mootummoonni bilisummaa yaada ibsachuurratti dhiibbaa uumaa jiruu jedhanii himatan, isaanumti mataan isaaniis karaa algorizimoota isaanii yaaddoo walfakkaataa uumaa jiruu?

TikTok keessatti hogganaa imaammata ummataa duranii kan turan Tiyoo Bartiraam Recommendation engines(sirna qabiyyee seecca'u) dhaabbatichaa osoo hin taane qajeelfama hawaasaatu qabiyye daangessuun bilisummaa yaada ibsachuu daangessa'' jedhan.

''Recommendation engines wanta nuti arguu qabnu irratti dhiibbaa guddaa qabuu? eyyen, sirriitti. Ammoo gabaa keessatti gurra argachuufi bilisummaa yada ibsachuu qabaaachuun gargari.''

Bilisummaan yaada ibsachuu mirga dubbachuu qofa ilaallatamoo mirga yaadni ofii dhagaahamuu of keessaa qaba?

Yunivarsiitii Piriistanitti barsiisaa saayinsii kompiitaraa kan ta'an Arviind Naraayaanaan ''Onlaayinii gubbaa wayita dubbannu-wayita yada keenya qoodnu, barruu wayii katabnu , suuraafi viidiyoo yoo maxxansinu- eenyutu nu dhagaha? deebiinsaa harki caalu algoorizimootaan murtaaha'' jedhan.

Remeeriifi Piitar gama isaaniin ''miidiyaaleen hawaasaa qabiyyee maxxanfame tokkoof dhaggeeffataa murteessuun miidiyaaleen hawaasaa hariiroo kallattii dubbataa fi dhaggeeffataa gidduu jiru hammeessaniiru'' jedhu.

''Yaadni kan qindeeffamu nama dubbatuufi isa dhaggeeffauun qofa osoo hin taane algoorizimiidhaanis ta'eera.''

Kun ammoo haala amma dura mula'tee hin beekneen bilisummaa yaada ibsachuu irratti dhiibbaa uumeea jechuun muggutu.