Itoophiyaatti dubartoonni dhiirota caalaa miidiyaa hawaasaarratti haasaan jibbaa irra gaha - Qorannoo

Miidiyaa hawaasaa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Itoophiyaa keessatti Feesbuukii, Telegiraamii fi Tiwiitara irratti dubartoonni dhiirota akkasumas eenyummaa sabaafi amantii caala haasaa jibbaaf saaxilamoo tahuu dhaabbanni mirga namoomaaf falmuufi teessoonsaa UK tahe Center For Information qorannoon taasise akka agarsiisu hime.

Miidyaa hawaasaa Telegiraam jedhamu irratti haasaa jibbaa mul'atu harki 96.9 dubartoota irratti kan qiyyaafate tahuu qorannoon dhaabbatichaa agarsiisa.

Caamsaa 1 2016 A.L.I qorannoo lama kan baase dhaabbati Center For Information kuni sarbama mirga namoomaa, odeeffannoo sobaa fi haleellaa onlaayiniin taasifamu irratti xiyyeeffachuun hojjeta.

Dubartootaafi shamarran irratti haasaan jibbaa kara miidiyaa hawaasa taasifamu dhiirotarra kan gahurraan adda akka taheefi baay'inaanis akka caalu qorannoon taasifame akka mirkaneesse gudunfaa gabaasa kanaarratti taa'eera.

Haasaan jibbaa dubartoota mudatu,''gadaantummaa kan himu, dimshaashaan kan maqaa kennuu, kan ciguufi kan itti baacu fa'i,'' akka keessa jirus gabaasichi akeekeera.

Dhaabbatichi haleellaa dubartoonni miidiyaa hawaasaa irratti isaan mudatu qorannoo kan jalqabaa jedheen, dubartoota miidiyaa fi dhaabota siviilii keessa hojjetan 14 waliin af-gaaffii taaiseera.

Gabaasichi qorannoosaa isa lammataan bu'aa qorannoo isa jalqabaa bu'uura godhachuun haleellaa saalaa dubartoota irratti kara Feesbuukii, Tiwiitaraafii Telegiraamiin gahu wal dorgomsiiseera.

Wal-dorgomsiisee ilaaluufis saala, saba, amantii fi miidhama qaamaa irratti haasaa jibbinsaa xiyyeeffatu 2,058 ogeessoti jechootaa afaan Amaariffaa, Afaan Oromoo, Tigriffaa fi Ingiliffaan akka aada baasan godhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Eenyummaa biroo irratti jechoota haasaa jibbaan faayidaarra oolan qorannoo keessa kan galche, haleellaa dubartoota irra gahu eenyummaa kaan irraa kan gahu wajjin birqabaan ilaaluuf akka gargaaruuf tahuu BBC'n qorattoota irraa odeeffannoon argate mul'isa.

Miidiyaa hawaasaa irratti barreeffamoota maxxanfaman keessa kuma torbaa ol walitti qabamuun xiinxalli akka irratti taasifame gabaasichi ibsa.

Bu'aan qorannoo miidiyaalee hawaasaa sadeen irratti taasifame akka agarsiisutti dubartoonni dhiirota caalaa haasaa jibbinsaaf akka saaxilaman gabaasni kuni agarsiisa.

Telegiraamii irraa haasaa jibbaa walitti qabame keessaa kan 96.9 tahu dubartoota irratti kan xiyyeefate tahuu gabaasichi ibsa.

Sadarkaa lammaffaa irratti haasaan jibbaa dubartoota irratti xiyyeefachuun taasifamuu miidiyaa hawaasaa X irratti dha.

Maxxansa X irraa walitti qabaman keessaa dhiirota irratti kan xiyyeefatan harka 17.7 qofa, harki 82.3 dubartoota irratti kan xiyyeefatanii dha.

Haasaan jibbinsaa guddaan dhiirota irratti xiyyeefate Feesbuukii irratti yoo tahu innis harka 40.1 dha jedha gabaasichi.

Tahus miidiyaa hawaasaa kanarrttis haasaan jibbaa saala bu'uura godhachuun taasifamu harki 59.9 dubartoota irratti xiyyeefata.

Qorattoonni eenyummaa sabummaafi amantii caalaallee haasaan jibbinsaa dubartoota irra gahu kan caalu tahuu gabaasa qorannichaa irratti taa'era.

Eenyummaa wal-bira qabaaf dhiyaatan keessaa, ''dhiira, dubartii, Musliima, Ortodoksii fi gurraacha,'' kan jedhan keessatti argamu. Gosooti eenyummaa Amaaraa, Oromoo, Tigree jedhanis wal-birqabaaf dhiyaataniiru.

Miidiyaa hawaasaa irratti eenyummaa sagal haasaan jibbinsaa irratti xiyyeefatu keessaa kan dubartoota irra gahu harka 21.1 qabachuun sadrakaa jalqabaarra kan jiru yoo tahu, sadarkaa lammataa irratti eenyummaan Oromoo haasaa jibbinsaa kan keessummeesse yoo tahu, sabni Amaaraa harka 16.8n itti aana jedha gabaasichi.

Gabaasni abbaa fuula 64 haasaa jibbaa dubartoota irra gahan akaakuufi sadarakaadhaanis kaa'eera. Haasaa jibbinsaa miidiyaalee hawaasaa sadeen irratti dhiyaatan keessaa 46.2 kan tahan jibbisiisaa(offensive) kan jedhuun ramadeera. Kan 26.3 tahan ammoo dimshaashaan maqaa itti keenuutti ramadamuu jedha gabaasichi.

Bu'aan qorannoo kanaa akka agarsiisuutti haasaa jibbaa dhiirota irra gahuu keessaa 72.7 kan tahu jibbisiisaa kan jedhu jalatti kan ramadamu dha. Haasaan jibbaa dubartootaafi dhiirota irra gahus garaagarummaa akka qabuus agarsiiseera.

Garaagarummaan kuni hubannoo haasaa jibbinsaa irratti qabnu kan saaxile yoo tahu kunis haasaan jibbaa gariin akka xiyyeeffannoon hin kennamneefii taasiseera jedha.

Gabaasichi yeroo golabamus, ''saalaan looguun maqaa kennuu, arrabsoo, afaan nama salphhisu akkasumas dubartootaafi shamarran saala isa kaanirra gadaanaa akka tahan ibsan yeroo baayyee haasaa dorsisaafi lola kaasan wajjin biqabaan yoo ilaalaman miidhaa xiqqaa akka qabanitti fudhatamu ykn akka haasaa jibbaattiyyuu hin ilaalaman.

Haasaa jibbaa eenyummaa irratti xiyyeeffachuun taasifmu hubachuun imaammata furmaataa kaa'uuf akkasumas dubartootaa fi shamarran miidiyaa hawaasaa irratti tiksuuf qorannichi yaada gargaaru qabaachuu kaa'eera.