Itoophiyaan namoota TikTok fi YouTube irraa waggaatti birrii miiliyoona lamaa ol argatan gibira kaffalchiisuuf

Namoonni miidiyaa hawaasummaa kanneen akka TikTok fi YouTube irratti qabiyyee maxxansan irraa galii birrii miiliyoona lamaa ol argatan, hojiin isaanii ''akka daldalaatti'' fudhatamuun gibira akka kaffalan wixineen labsii qophaa'eera.
Wixineen Ministeera Maallaqaan qophaa'e kun fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaarratti qabiyyeewwan maxxansan galii ''beeksisaa fi ispoonsaroota'' irraa akkasumas maloota garaagaraan argatan kan agarsiisu ''galmee herregaa'' akka qabatan dirqamsiisa.
Galii qabiyyeewwan miidiyaa dijiitaalaa irraa argamu, kan dargaggoota Itoophiyaa hedduuf bu'uura jireenyaa ta'e, irratti gibirri akka kaa'amu fi haalli itti kaffalamu bal'inaan kan ibsame, Wixinee seeraa Gibira Galii Ministeera Maallaqaan qophaa'e keessatti.
Namoonni qabiyyeewwan adda addaa miidiyaalee dijiitaalaan dhiheessuun beekaman kaffaltoota gibira galii keessatti kan dabalaman bara darbe ALI Adoolessa 2017 ture.
Wixineen seeraa haaraan kun qajeeltoowwan labsicharratti eeraman bal'inaan kan qabatedha.
Labsiin ji'oota shan dura ragga'e kun namni dhuunfaa ykn dhaabbileen galii qabiyyee adda addaa miidiyaa hawaasummaarratti maxxansan irraa argatanirratti gibira kaffaluu akka qaban murteesseera.
Namoonni TikTok fi YouTube irratti ''qabiyyeewwan karaa viidiyoo darban,'' irraa akkasumas Facebook fayyadamuun kanneen galii argatan 'Kalaqxoota qabiyyee dijiitaalaa' jedhamuun kanneen labsamanidha.
''Namoonni Poodkastii hojjetanii fi tamsaasa kallattiin qabiyyee dabarsuun'' maallaqa argatanis kanneen gibira kaffalan keessatti akka hammataman labsiin kun ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gibirri kun kan kaffalamu qabiyyeewwan ''karaa onlaayinii darban'' kamirrattuu ta'uutu labsii kana keessatti eerame.
Galiin gibirri irratti kaffalamuuf dirqama ta'u kun maallaqaan ykn hammaan kan tilmaamu ta'uus ibseera.
''Beeksisoonni fi ispoonsarshiippiiwwan'' akkasumas ''kennaawwan maallaqaa fi sagantaaleen maallaqa hawaasarraan ittiin walitti qaban'' hundi maddoota maallaqaa gibirri irratti kaffalamuu qaban keessaati.
Kalaqxoonni qabiyyee beeksisa hojjechuun ;;tajaajiloonni ykn meeshaaleen aragatan'' akkasumas ''waliigalteewwan beeksisa oomishaalee fi deeggarsi'' taasifamu kamiyyuu gibirri kan irratti kaffalamudha.
Kalaqxoonni qabiyyee gibirri irra kaa'amu kanneen galii hagamii qaban irraa eegalee akka ta'es wixinee seeraa gibira galii amma qophaa'e kana keessatti eerameera.
Maallaqi kalaqxoonni qabiyyee dijiitaalaa argatan akka ''galii hojii daldalaatti'' fudhatamee gibira akka kaffalan kan taasisan haalota saditu jiru.
Inni jalqabaa galii wagggaa kalaqxoota qabiyyee waliin kan walqabatuudha. Galiin waggaa waliigalatti birrii miiliyoona lamaa ol yoo ta'e akka hojii daldalaati fudhatamuun gibira kaffaluuf dirqama ta'a.
Kalaqxoonni qabiyyee dijiitaalaa kunneen bifa jaarmiyaan yoo hundaa'anis'' gibira galii hojii daldalaa ilaallatu kaffaluuf dirqamu.
Haalli namoonni kunneen gibira akka kaffalaniif dirqamsiisu kan biraan ammoo namni tokko galmee herregaa qabaachuun dirqama yoo ta'e yookiin maallaqa irraa citu yoo qabaatedha.
Kalaqxoonni qabiyyee galiin waggaatti argatan birrii miiliyoona lamaa gadi ta'uun yookiin akka jaarmiyaatti hundaa'uu dhabuun gibira irraa walaba isaan hin taasisu.
Kanneen ulaagaa kana keessa hin jirre ammoo ''galiiwwan biroo'' kan jedhu keessatti hammatamuun ''galii waliigalaa keessaa dhibbeentaa 15'' kaffaluuf dirqama akka qaban ibsa labsii bara darbee irratti kennameen adda baheera.
Kalaqxoonni qabiyyee kunneen galii maallaqaanis ta'e haala biraan madda galii biyya keessaas ta'e biyya alaarraa argatan ilaalchisee ''galmee herregaa sirrii fi guutuu ta'e'' qabachuun dirqama irratti ta'a.












