Sudaan hidha haaromsa Itoophiyaa guddicha irratti mormii akka hin qabne ibsite

MM Abiy Ahimadiifi Janraal Al Burhaan

Madda suuraa, @PMETHIOPIA

Sudaan ijaarsa hidha haaromsa Itoophiyaa guddicha ammaan tana ijaarsi isaa xumuramaa jiru irratti mormii akka hin qabne Dura Taa’aan Mana Maree cee’umsa Sudaan, Jeneraal Abdal Fattaah Al- Burhaan dubbatan.

Al- Burhaan kana jechun saanii kan ibsame, dowwannaa Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa tokkoof Kaartuumitti taasisan hordofee ibsa kennaniin.

Dureewwan biyyoota lamaanis dhimma hidha haaromsa Itoophiyaa guddicha irratti marii taasisuun isaanii kan ibsame yoo ta’u, ‘‘Sudaaniifi Itoophiyaan dhimma hidhichaa ilaallatu hunda irratti akka waliigalaniifi akka wal deeggaran… Al- Burhaan cimsuun dubbataniiru,’’ jedha ibsichi.

Hidha haaromsa Itoophiyaa guddichi kan erga ijaarsi isaa eegalamee waggoota kudhanii ol lakkoofsisee marsaa sadaffaaf erga bishaan guutameen booda anniisaa maddisiisuu eegalun ibsamuunsaa ni yaadatama.

Adeemsa kana keessatti Masrii fi Sudaan hanga bishaan Abbayyaa irraa argatan irratti dhiibbaa waan qabatuuf dhimma hidhicha bishaaniin guutuu fi bulchiinsa hidhichaa irratti waliigalteen seera dirqiisiisaa akka taasifamuuf waamicha taasisaa turan.

Pirezidantiin Sudaan duraanii Omaar Hasan Al-Baashir erga aangoorraa kaafamaniin booda, ejjannoon biyyattiin dhimma hidha guddichaa irratti qabdu jijjiramuun Masrii waliin hiriirtee gaaffii kaasaa turte.

Fonqolcha mootummaa Onkolooleessa darbe keessaa gaggeeffameen booda aangoo kan qabatan Janaraal Al- Burhaan taateewwan adda addaatiin MM Abiy waliin wal argunsaanii kan yaadatamu yoo ta’u, dhimma daangaafi hidha haaromsa guddichaa irratti marii taasisuun isaanii ibsameera.

Xumura dowwannaa MM Abiy irratti ibsa waloo baasan irrattis dhimmoota hidha guddichaafi daangaa ilaalchisee haala dantaa ummatoota keenyaa kabachisuun mariifi waliigalteedhaan furmaata kennuuf waliigalusaanii beeksiisan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaa fi Sudan daangaa isaanii haalaan adda baasuu fi naannoolee falmisiisoo ta’anif furmaata kaa’uf komishinii waloo hundeessuun barootaaf marii taasisaa kan turan yoo ta’u, waggoota lama dura ammoo Tigraay keessatti wayita waraanni eegaleetti Sudaan loltoota ishee bobbaasuun lafa gabbataa naaf ta’a jettu to’achunshee ni yaadatama.

Mootummaan Itoophiyaas tarkaanfii Sudaan mormudhaan loltoota ishee akka baaftuufi furmaanni karaa mariitiin akka barbaadamu gaafataa turus, naannoon qonnaan bultonni hedduunirraa buqaafaman ammalleen harka Sudaaniitti argama.

Tarii haasaan amma dureewwan biyyoota lamaanii jidduutti taasifame komishiniin daangaa ture akka hojiisaa deebiisee eegaluu fi gaaffiilee daangaatiif furmaati kennamu ni dandeessisa ta’a.

Sudaan gaaffiifi mormiishee hidha haaromsa guddicha ilaalchisee qabdu yoo kaafte, ittaansee mariin adda cite ture Masrii dabalatee itti fufuu ni danda’a ta’a.

Sudaan biyya wagga waggaadhaatti lolaadhaan miidhamtuuf hidhi haaromsa guddichaa akka ishee fayyadu amantulleen, haala bishaan itti guutamuufi haala bishaan waqtiiwwan hir’inni bihsaanii mudatutti hidhicha keessa itti gadhiifamu danda’urratti waliigalte irra gahuudhaaf gaafataa turte.

Masriifi Sudaan osoo waliigalteen seeraa dirqisiisaa ta’e hin raawwatamiin Itoophiyaan hojii hidhicha bishaaniin guutuu akka hin raawwanneef irra dededbiin gaafataa turanis, osoo fudhatam hin argatiin hidhichi bishaan akka kuufatu taasifamuun bara darbe keessa hojii annisaa oomishuu jalqabaa eegaleera.

Hidhi haaromsa Itoophiyaa guddichi kan biyyattiin baasii doolaara biiliyoona afur itti baste kunis anniisaa meegaa waattii kuma shanii ol maddisiisuun Sudaan dabalate biyyoota biraatifilleen anniisaa ni dhiyeessa jedhamee eegama.