Kuul Surree: Weellisaa Afrobeat, Drill Afaan Oromoon Itoophiyaatti beeksisaa jiru

Kuul Surree

Madda suuraa, Kuul Surre

Gosti Muuziqaa Afrobeat gosa weelluu addatti aartistootni Naayijeeriyaa waltajjii addunyaatti beeksisanii badhaasota addaa ittiin gurrachaa jiraniidha.

Afrobeat istaayila muuziqaa biyyoota Lixa Afrikaa keessumaa kan Naayijeeriyaa ta'ee, makaa Ameerikaan Jaaz qaba. Walaloo saffisaan jedhamuufi yeedaloo walxaxaa ta'e qaba.

Weellisaan Naayijeeriyaa Boornaa Booy irra deddeebiin badhaasa guddicha ogeeyyii muuziqaaf kennamu Grammy irratti kaadhimamee injifateeras.

Weellisaa Kuul Surreen ammoo gosa Muuziqaa kanaa fi istaayiloota haaraa Afaan Oromoon indaastirii Muuziqaa Itoophiyaatti beeksisisuuf tattaafachaa jira.

Kuul Surreen sirboota qeenxee fi aalbama walakkaa Afaan Oromoon hojjete istaayila hanga ammaa muuziqaan Oromoo ittiin beekamu irraa adda.

Gaaffifi deebii addatti BBC waliin taasisee kan ture Kuul Surreen maqaan isaa inni gaanamaa Addisaalama Xibebe akka jedhamu hime.

Godina Booranaa aanaa Areeroo magaala Mataa Gafarsaa jedhamutti dhalatee guddate.

Maqaa waltajjii isaa Kuul Surreen erga aartiitti seenee Akkawoo isaa yaadachuuf ofii baafate.

''Akkoon koo maqaan isii Surree Caalaa jedhaniin. Gaafa ani duri ijoollee Kuul jettee na waamti. Anis asumarraa ka'ee maqaa waltajjii koo Kuul Surree jedhee.''

'Kaka'umsa kan naa ta'e Liil Waayin'

Magaalaa xiqqoo aanaa Areerootti xiqqeenyarraa muuziqaa kan hordofaa ture Kuul Surree, weelluuwwan biyya alaa gama East African TV daawwataa ture dhiibbaa irratti uumuu dubbate.

''Sirba biyya alaa baayyee dhaggeefadhu keessaa baayyee natti tolee hordofaa kaniin ture Liil Waayini.''

''Weelluuwwan isaa jireenya koo tuqaniiru. Hojii isaa nan fakkeessa ture. yaada qoonqoon (sagaleen) isaa hin bareedu bareedu jedhuufi hin danda'amu kan jedhu kan naa cabse Liil Waayini'' jedha.

''Kanaaf isatu muuziqaa akkan hojjedhu kaka'uumsa naa ta'e. Isatu Muuziqaatti na galche.''

'Elektirikaal fi Compitar Injinariingii baradhe'

Gurbaan Areerootti dhalate kun Barnoota kutaa 12 erga xumuree booda Yunivarsitii Dirree Dhawaatti ramadamee muummee barnoota Elektirikaal fi Koompiitar injinariingiitti seenee waggaa shaniif qara'e.

Damee Koompitar Injinariingiin erga eebbifamee boodas dhaabbata Itiyoo Telekoomitti qacaramee waggoota shaniif oogummaa barateen tajaajileera.

Yeroo dhiyoo as garuu hojii mootumaas dhuunfaa kan biraas dhiisee yeroo isaa guutuu hojii Muuziqaaf kennee hojjechaa jira.

Gosti muuziqaa addaa inni irratti hojjetu maal jedhamu?

Kuul Surree

Madda suuraa, Kuul Surre

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kuul Surreen Afaan Oromoon haa weellisu malee gosti (istaayiliin) muuziqaa isaa adda adda.

Walakkaa Aalbama tokko hojjetee dhaggeeffattoota biraan kan gahe weellisaan kun, gostii muuziqaa inni hojii isaa kana keessatti make Afrobeat, Drill kan gosa Hip Hop ta'es keessatti argama.

''Weelluuwwan koo ''jiruu deegaa'', ''maal jedhe?'' jedhan gosa Drill jedhaman keessa jiru. Sirbi Algaggaa jedhu ammoo gara gosa Afro house jedhamutti siiqa'' jedha.

Algaggaan gosa tapha ijoollee Booranatti beekamuudha. Afro house gosa Muuziqaa Afrikaa Kibbaa keessaa baheedha.

Sirbi isaa Amala jedhu ammoo gara gosa Afro Pop jedhamuutti kan makamu akka ta'es Kuul Surreen ni hima. Gosti Muuziqaa kunis gara Lixa Afrikaa irraa kan maddu yeroo ta'u gara gosa Afro Beat jedhamuttis ni dhiyaata.

Weelluuwwan torba, walakkaa aalbamaa godhee baase kan eegale bara sadii dura yeroo weerarri Koronaa dhalate akka ta'e dubbata.

Kuul Surreen hojiilee isaa kana YouTube fi Spotify gubbaa gadhiisee galii irraa argachaa jira.

Hojiileen isaa amma gadhiise galii bor abdatuuf bu'uura kaahuuf akka ta'e dubbata.

Algaggaa tapha ijoollee Booranaa

Kuul Surreen weelluwwan baase keessaa tokko tapha aadaa ijoolleen Booranaa marti taphachaa guddattuu Algaggaa mata duree jedhu qaba.

Weellisaan Algaggaa kana gosa muuziqaa Afro house jedhuun miidhagsee weellise. BBCn waayee tapha kanaa Kuul Surree gaafate.

''Algaggaa anis ijoollummaan taphadhee guddadhe. Yeroon itti taphatan galgala erga horiin galee booda. Kaayyoon tapha kanaa ijoollee obsa barsiisuudha. wanna hin godhiinaa jedhaman tokko akka hin goone barsiisa.''

Taphni kun kutaalee Oromiyaa gara gidduugaleessaa fi Lixa biyyaatti ''jimmaa jimmitee'' jedhamuun beekamu waliin walfakkaata.

''Sirbootan hojjedhe keessaa algaggaaf fulaa guddaan kennaaf. Sababni isaa ammoo waan eenyummaa kiyya ibsuufi'' jedha.

Taphni kun dhaloota amma jiru biratti hedduu baratamaa miti kan jedhu weellisaan kun, ''dhaloota kana barsiisuuf akkasumas aadaan akka hin banne yaadachuuf qarqaara'' jedha.

Gosti Muuziqaa haaraan kun fudhatama argatee?

Sirbootni Kuul Surree albama walakkaa erga gadhiifamanii ji'oota muraasa ta'eera. Qabiyyeen sirboota isaa jiruufi jireenya irratti, hamilee namatti horuu fi aadaa fa'a irratti xiyyeeffatu.

''Erga sirboonni koo bahanii waan dansaa dhagahuuttin jira. Namni hedduun sirbootni kee baayyee nutti tole jedhanii natti himuutti jirani'' jedha.

Sirbooni isaa hanga uummata bira gahuu qabu hin geenye yaada jedhus argachuu dubbate.

''Hanqina beeksisaa irra kan ka'e uummata jirurra hanga gahuu qabu hin geenye komii jedhus na gaheera'' jedha Kuul Surreen. ''Of beeksisuuf dalagaan jira'' yaada jedhus kenneera.

Karoora fuulduraa

Kuul Surreen ammatti hojiilee kophaatti hojjetuun cinaatti aartistota afaan biraan weellisan waliin qindaa'uunis hojjechaa jira.

Fuula durattis hojiilee muuziqaa amma hojjechaa jiru, aadaa bifa ammayyaan dhiyeessuu dabalatu jabeessee itti fufuu akka yaadu hima.

''Gosa muuziqaa ammayyaa bahan hordofaa, amma ammoo istaayilii haaraa amaapiyaanoo jedhu jira isarratti hojjechuu fedha'' jedha.

Weellisaan kun ''gosa muuziqaa haaraa addunyaarratti dhufuu jiran eenyummaa kee ittiin ibsuun hin danda'ama jedheen amana'' jedha.

''Kanaaf fuula duratti isataayiloota muuziqaa haaraa dhufaniin eenyummaa koo ibsuu barbaada. Wanta aadaa, wantan ittiin guddadhellee istaayila haaraan hojjechuurrattin jabeessa.''

Viidiyoo amma dura chaanaalii Youtube mataa isaa (Kuul surre) gubbaatti dhoobeen kaayyoon isaa Boorana addunyaatti mul'isuu akka ta'e hime.

Fuula durattis artiistii intarnaashinaala ta'ee akka of ilaalu hime.