'Badhaasni kun Afaan Oromoof illeen waan guddaadha’- Guutuu Abarraa

Guutuu Abarraa wallee qeenxee kilippiidhaan dhiyoo kana baase- Deemi kan jedheen guddoo jaallatame

Madda suuraa, Guutuu Abarraa/FB

Weellisaa Guutuu Abarraa badhaasa AFRIMA Dilbata darbe Senegaal magaalaa Daakaaritti gaggeeffame irratti sirba isaa 'Deemi’ jedhuun mo’ate.

Weellisaa Guutuu Abarraa sirba isaa Deemi’ jedhuun badhaasa Afrima [All African Music Awards] ramaddii “best african jazz group of the year" jedhuun mo’ate.

''Sirbi keenya deemi jedhu sadarkaa Afrikaatti badhaasa Afrima [All Africa Muzic Awards] mo’atee jira. Dhaabbanni guddaan hagas gahu dafqakeef beekamtii akkasii yoo sii kennu gammachuu guddaa sii kenna. Ani baay’ee gammadeera’’ jechuun BBC Afaan Oromootti himeera.

Sirbi bara 2022 keessa bahe Deemi jedhamu kun jaalatamummaa guddaa kan argate yoo tahu, rammaddii muuziqaa Jaazii keessatti ramadama.

Guutuun sirba isaa kana rukuttaa ykn ritimii Kamisee fi Walloo walitti makuun viidiyoo isaa ammoo kan Karrayyuun miidhaksuun hojjetan.

''Sirba kana qindeessuu (Compose) gochuun kan hojjettee fi na gargaarte Miiraa haadha warraakooti. Akka sirbaatti akka halluu godhatu kan gootee fi hojjettee as baste isheedha,'' jedhe Weellisa Guutuu Abarraa.

''Kun nuuf carraa guddaadha. Mana teenyee muuziqaa keenya waliin hojjenna. Hedduun ishee galateeffadha,’’ jechuun haadha warraa isaa galateeffateera.

Dabalataan leencoo Fiqiruu sirba Deemi jedhu irratti daariktera tahuun hojjeteera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guutuun sirbi Jaazii muuziqaa wal xaxaa fi ulfaataa jedhamuun beekama jedha.

Sirbi 'Deemi' jedhu kunis sirba miidhagaa Jaazii Afrikaa tahuun yoo filatamu sirboota Afaan Oromoof kan jalqabaa tahuu isaati.

''Sirbi Afaan Oromoo sadarkaa Afrikaatti badhaasa guddaa akka kanaa mo’atee hin beeku, inumaayyu kaadhimamee hin beeku. Akka Itoophiyaatti ammoo kan lammaffaa tahuu kooti. Afaan Oromoofis waan guddaadha,’’ jedhe Guutuun.

''Nama jalqabaa tahuukoof gammachuun koo daangaa hin qabu, garuu kaayyoonkoo galma gaheera jechuu hin danda’u. Ammayyuu hojii baay’ee hojjechuu waan qabuuf. Kun kan jalqabaati, muuziqaa adunyaa ajaa’ibsuusii danda’u hojjechuu dandeenya,’’ jedhe.

Guutuun sababa tikkeetiin erga yeroon darbee isa gaheef sirna badhaasichaa irratti hin argamne.

Tahus badhaasa geeba warqee irraa hojjetamee fi kaaraatii 24 tahe gatii guddaa baasu akka tahes himeera.

Guutuun ammas albama guutuu xumuruun yeroo dhiyootti akka dhaggeeffatoota isaan gahu himeera.

Artistootni biyyoota Baha Afrikaa hedduun badhaasa bara kanaa irratti sababa tikkeetiin xiyyaaraa yeroodhaan isaan hin geenyeef osoo hin argamiin hafaniiru.

Badhaasni Afrima waggaa waggaan kan gaggeeffamu yoo tahu ardii Afrikaa irraa muuziqaa babbareedaa hojjetaman dorgomsiisuun badhaasa.

Weellisaa beekamaan Naayijeeriyaa Burnaa Booy badhaasa Afrima artist cimaa jedhamuun mo’ate.

Artistiin rukuttaa Afrobeat’n beekamu kun badhaasa albama bareedaa waggaa kanaas mo’ateera.

Artistiin Ayivoorii Koosti Diidii B jedhamuun beekamu badhaasa weelluu bareedaa bara 2022 argateera.

Wiizkiid Badhaasa weellisaa cimaa Lixa Afrikaa yoo mo’atu, Deeviidoon ammoo badhaasa Muuziqaa gama dhiirotaan ‘Best Male Act in African Inspirational Music’ jedhu mo’ate.

Artistootni Itoophiyaa badhaasa AFRIMA’f kaadhimaman eenyufaa turan?

Badhaasa muuziqaa akka Afrikaatti wagga waggaan gaggeeffamuu fi tumsa Gamtaa Afrikaan qophaa’u irratti artistootni Itoophiyaa biyyoota Baha Afrikaa irraa kaadhimaman keessaa kan milkaa’e Guutuu Abarraati.

Artistoota Itoophiyaa afaan Oromoon weellisan keessaa Leencoo Gammachuu sirba isaa ‘Saglii’ jedhamuun Afrima irratti gama muuziqaa aadaan kaadhimamee ture.

Sagliin sirboota leencoon dhiyeenya hojjete keessaa jaalatamummaa guddaa horatee ture.

Dabalataan Guutuu Abarraa, Teedii Afro, Betty G, Hewwaan Gabreweldi,Addis laggasaa, fa’a kanneen Baha Afrikaa irraa kaadhimaman keessatti argamu.

AFRIMA[ All Africa Music Awards] badhaasa Koree Idil-Adunyaa AFRIMA fi Gamtaa Afrikaan qophaa’e yoo tahu, hojiilee muuziqaa babbareedaa akka adunyaatti jaalatamummaa argatan, dandeettii kalaqa aartii addaa kan qaban Afrikaa irraa dorgomsiisuun badhaasa.

Akka marsariitiin NotjustOk jedhamu gabaasetti, biyyootni Lixa Afrikaa kaadhimamtoota 134 filachiisuun yoo dursan, Baha Afrikaa artistoota 69’n itti aana. Biyyoota Kibba Afrikaa irraas kaadhimamtootni 68 adda bahanii ture.

Biyyoota Afrikaa Kaabaa irraa artistoota 49 akkasumas gidduugaleessa Afrikaa irraa artistootni 52 badhaasa AFRIMA bara 2022’f kaadhimamaniiru.