'Nuti ilmeen Booranaa waa kadhachuu ni qaanfanna turre'- Aayyoo hongeen miidhaman
'Nuti ilmeen Booranaa waa kadhachuu ni qaanfanna turre'- Aayyoo hongeen miidhaman

Oromoon Boranaa kan kibba Oromiyaa jiraatu ta'e kanneen kaaba Keeniyaatti argaman sababii roobni waggoota muraasaaf walitti aansee roobuu dideef hongee cimaan miidhaman.
Keessattuu kanneen kaaba Keeniyaatti argaman loonsaanii hunda dhabuun akka namni argee dhaqqabuuf jecha qarqara daandiitti qubachu himan.
Jiraattoonni tibbana gaazexeessitoonni BBC dubbisan akka jedhaniitti, kadhachuun ummata Booranaatiif qaanii ta'ulleen dhoksaatti duunee reeffii keenya dhabamurra jennee daandiitti as baanee jedhan.
Mee jiruufi jireenya hawaasni kun keessatti argamu hubachuuf viidiyoo kana dowwadhaa.



