Mucaa ganna 10 gudeedamuun ulfoofte ulfa baasuu dhorkamte

Madda suuraa, FRANKLIN COUNTY JAIL
Ameerikaa bulchiinsa Ohaayootti Intala umurii ganna 10 erga gudeedamteen booda ulfa uumame akka hin baasneef bulchiinsichi dhorkamun ishee dheekkamsa kaasee.
Mucaan waggaa 10 tunis namichi umurii ganna 27 gudeedamuun ulfooftulleen ulficha akka hin baafneef waan dhorkamteef gara bulchiinsa biraatti imaluuf dirqamteetti.
Namtichi intala tana gudeedee, Gershoon Fuyeentees, Kolambas keessatti Roobii kaleessaa mana murtiitti dhiyaateera.
Wanti mucaa eenyummaan ishee hin ibsamne mudate kunis ijoo dubbii addunyaa ta'aa jira.
Pirezdaantiin US Joo Baayden dhimma kana Waayit Haawusitti kaasuun dhorkii ulfa baasuu irratti kaa’ames mormeera, namootni muurasi garuu oduun mucaa kana oduu sobaa ta’uu danda’a shakkii jedhu kaasaniiru.
Dubartoonnii fi ijoolleen dubaraa miiliyoonaan lakkaa’aman, Waxabajjii keessa murtee Manni Murtii Waliigalaa US dabarseen booda mirga ulfa baasuu yeroo dheeraaf heeraan eegamee ture dhabaniiru.
Jimaata darbe murtee kana mormuun haasaa taasisan irratti, Pirezdaant Baayden dhimma intala kanaa kaasuun, aariidhaan ‘utuu mucaa xiqqoo kana taatanii yaadaa’ jedheera.
Manni Murtii Waliigalaa murtee kana dabarsee sa’aatii muraasa booda, seera tumtoonni Ohaayoo ulfa umurii torban ja’aa darbe baasuu dhorkaniiru.
Dhorkiin kun ulfa sababa yakka gudeeddiin ykn saalqunnamtii namoota firummaa dhiigaa qaban gidduttii qabaniin uumames of keessatti qabata.
Mucaan kun ulfa torban ja’aa fi guyyaa sadii ture, akka gaazexaan Indianapolis Star gabasetti.
Oggeessa fayyaa miidhaa daa’immanii Ohaayoo jiruun gorfamtee, mucaan kun kilinika Indiyaanapolis, Indiyaana jiru deemuun wal’aansa ulfa baasuu Waxabajjii 30 irratti argatteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsa Indiyaana keessatti ulfa baasuu dhorkuuf yaaliin taasifamaa jiraatus, achitti ammayyu ulfa baasuun ni eeyyamama.
Murtee Mana Murtii Waligalaa booda, bulchiinsoti (states) US 26 ulfa baasuu irratti dhorkii cimaa kaa’aniiru ykn torbanootaa fi ji’oottan dhufan keessatti ni dhorku jedhamee eegama.
Akka abbootiin alangaa jedhanitti, mucaan kun yeroo gudeedamte umuriin ishee ganna sagal ta’uu mala.
Mucaan kun sababa Fuweentes ishee gudeedeef ulfa’uu ishee poolisiitti himuu ishee IndyStar gabaaseera.
Poolisiin akka jedhutti himatamaan kun, kana Kibxata Kolombas jeessatti to’annoo jala oole, mucaa kana gudeeduu isaa amaneera, jechuun Columbus Dispatch gabaaseera.
Fuweentes lammii Guwaatemaalaa fi karaa seeraan alaan US kan seenee ta’uu isaa, maddi Abbaa Taayitaa Gumrukaa fi Baqattoota Fox News’tti himeera.
Haatii murtii Sintiyaa Eebner, himatamaa Fuweenetes biyyaa baqachuu ykn mucaa kanarra miidhaa dabalataa geessisuu waan danda’uuf hidhaa keessa akka turu gochuun, mirgi wabiii isaa adabbii doolara miiliyoona 2 akka ta’u murteessiteetti.
Yoo yakkamaa ta’uun isaa mirkanaa’e hiidhaa umurii guutuun adabamu mala.
Dhimmi kun odeeffannoo muraasaa waliin jalqaba kan gabaafame IndyStar irrattidha. Miidiyaaleen oduu biro yeroo odeeffannoo mirkaneessuuf yaalanitti, namootiin konservatiivii ta’an dhugummaa odeessichaa irratti gaaffii kaasuu eegalani.
Namoota gaaffii akkanaa kaasan keessaa tokko Rippaablikaana Ohaayoo miseensa kongiresii Jim Joordaan yoo ta’u, Kibxata irratti odeessi kun ‘soba biraadha’ jechuun Tiwiitara irratti barreeseera.
Yeroo odeeffannoon mana murti Roobii irratti ba’etti, Aab Joordan isa Tiwiitara irratti barreesse san kan haqeera
Sana booda shakkamaan “ seera guutuun adabamuu qaba” jechuun waan haaraa maxxanseera.












