Manni murtii Olaanaa Ameerikaa mirga heeraa ulfa baasuu dhorke

Madda suuraa, AFP
US keessatti dubartoonni miiliyoonni mirga heera motummaan kenneefii ture, ulfa baasisuu dhabuuf jiru.
Kunis kan ta'e erga Manni Murtii Olaanaan biyyatti murtee Roe v Wade kan waggaa 50 ture geeddareen booda.
Murtichis tokkoo tokkoon bulchiinsaa akka adeemisicha dhorkaniif daandii kan baneedha.
Walakkaan isaanii dhorkaawwan haaraa akka baasan eegamu. Kudha sadan isaanii durumaa seera ulfa baasuu dhorkuuf isaan dandeessisu baasaniiru.
Pirezidaantiin biyyattii Joo Baayidan ''dogongora hamaa'' jechuun ibsuun, bulchiinsoonni seera adeemsicha hayyamu akka baasaniif gaafatan.
Murtee mana murtii Olaanaatiin boodas, dubartoota umurii dahumsaa keessatti argaman miiliyoona 36 ta'aniif tajaajilli ulfa baasisuu akka dhaabbatu, dhaabbanni kunuunsa fayyaa tajaajila ulfa baasisuu hojjatu tokko hime.
Wayita murtichi darbuttis gareewwan lamaan irraa iyyuu ala mana mutichaatti namoonni hiriiraaf bahanii kan turan yoo ta'u, poolisiinis gaheesaaniin eegumsa taasisaa turan.
Rogeettiin ulfa baasisuu mormitu tokko BBCtti akka himteetti, murtee darbetti gammaddee jirti.
''Seera kana seera biyyaa gochuun qofaan gahaa miti. Ta'uu kan qabaatuu ulfa baasisuu yaaduun akka hin danda'amne gochudha,'' jette.
Gama biraatiin ammoo kanneen murticha morman, ''fudhatama hin qabu'' jechuun mormii qaban agariisaa turan.
Gabaaftuun BBC wayita murtichi darbutti kilinikii tajaajila ulfa baasuu kennu Litiil Rook, Arkaansaas irraa gabaasaa turtes, osoo akka baatuu hin gaafatamiin dura karri naannoo wallaanamtootaa cufamuufi sagaleen bo'ichaa dhagahamaa akka ture himte.
Bulchinsi sun kanneen seera haaraadhaan irratti xiyyeefatame keessaa tokko.

Madda suuraa, Getty Images
"Oduun badaan kun onnee keenya cabseera''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Narsiin maqaanshee Ashilii Hanit jedhamus, ''oduu badaa kanaan onneen keenya cabeera'' jette. Seerri Roe v Wed haqameera jechuun maamiltoota keenyatti himuun ulfaatadha'' jetti.
Arkaansaas wayita manni murtichaa seericha haqeetti bulchiinsoota kanneen kallattiin seera isaanii haqan keessaa tokko.
Kilinikiin ulfa baasuu wayita cufamuutti, narsoota tajaajilamtoota dabaaluun mormiif bahan keessa tokko kan taate Miis Kaaran, ''biyyi tun waa'een namaa kan gadduu jedheen amana ture. Mirga dubartootaas ni kabajna jedhee eegeen ture'' jette.
Gama biraatiin murteen mana murtii waliigalaa deeggaruun hiriira kan bahanis naannichatii mul'atanii ture.
Murtichaan booda kilinikiin hin cufamiin tokko hiriira naannichatti ta'aa jiruu ''lafa cubbuu kana dhiisaa bahaa. Bakki kun kan abaarameedha'' jechaa wayita namoota naannicha ture dubbiin xuqan dhagahame.
Niiw Orliinis fi Luwiiziyaanaan murtee mana murtichaa hordofuun bulchiinsoota battalumatti tajaajila ulfa baasuu akka dhaabbatu dhorkan keessaayi.
Kiliniikiiwwan sadii bulchiinsichatti argaman keessa tokko kan ta'e 'Women Health Care Center'' jedhamuu cufamuun hojjattoota isaas bittinseera.
Kilinikicharraa BBC kan dubbise tajaajila tola oltummaa kennaa kan jirtu Liindaa Kochar karaa seeraatiin ulfa baasuun erga dhorkamee, ''ammas taanaan dubartoonni qabeenyaa qaban ulfa baasisuu ni danda'u. Dubartoonni hiyyeeyyiin garuu daandiirratti kufuu'' jetti.
Faallaa kanaatiin ammoo kan ulfa baasiisuu mormaa ture Paastariin Biil Shaankis ''har'i guyyaa gammachuu kooti'' jedhan.
Murtee daa'ima hin dhalatinis nama akka ta'e agarsiise
Magaalaa Teeksaas- Saan Antooniiyootti ulfa baasuu kan mormiitu Teer Haardiingi ''lubbuun namoota hundaa eegamu qabaata'' jetti BBCtti wayita dubbateetti.
Teer jidduugala dubartoonni itti dahan kan qabdu yoo ta'u, murteen mana murtii olaanaa kunis, ''daa'ima hin dhalannee akka namaatti kan ilaaleedha'' jetti.
Pirezidaantiin biyyattii Joo Baayidan garuu murtichi kan fayyaa dubartootaa balaa irratti kufiisuudha'' jechuun qeeqan.
''Murtichi bu'aa ilaalcha mankaraarreesitootaati. Murtee gaddisiisaafi dogongoraadha'' jedhan.
Pirezidaantichi dabalunis dubartoonni gara bulchiinsoota ulfa baasu hayyamanii imaluun tajaajila argataniif dhorkaan akka hin taane akka hojjatan himan.
Torbanoota 10 keessattis qoricha ulfa baasuuf ooluu akkasumas dhiyeessitiin qorichoota ittisa ulfaa walitti fufiinsaan akka jiraatu pirezidaantichi dubbatan.












