Haati seeraa US mirga ulfa baasuuf falmaa turte duute

Sarah Weddington. File photo

Madda suuraa, Getty Images

Ulfa baasuun seera qabeessa ta'uu qaba jechuun mana murtii waliigalaa US'tti falmitee bara 1973 kan mo'atte ogeettiin seeraa Teeksas Sarah Weddington, umriishee waggaa 76'tti du'aan addunyaa kanarraa boqotte.

Barattuu fi waahila hojii ishee kan taate Susan Hays, dubartiin kun ''dhukkubbii yeroo dheeraaf deddeebiin isheerra tureen booda'' Dilbata kaleessaa lubbuun darbuu himte.

Adeemsi falmii mana murtii waliigalaa US kun Roe v Wade jedhamuun beekama.

Sagalee deggarsaa torbaa fi sagalee mormii lamaan kan darbe seerri kun, bu'uura kanaan mootummaan biyyattii ulfa baasuu dhorkuu hin danda'u.

Sarah Weddington Teeksas keessatti mana maree bakka bu'oota uummataa keessatti marsaa sadiif hojjatteetti.

Bara bulchiinsa Pireezidantii duraanii Jiimii Kaaratar ammoo gorsituu dhimma dubartootaa ta'uun tajaajilteetti.

Duuti Weddington wayita manni murtii seera ulfa baasuun torbanoota 15 booda akka raawwanne dhorku fudhachuuf akeekaa jirutti dhagahame.

Akka dhimma manni murtii qabatee jiruu kanaatti ulfi tokko, yoo gudeeddiidhaan ta'ellee, torbanoota 15 geenyaan baasuun seeraan ala.

Murteen Waxabajjii dhufu darbuuf jedhu kun dubartoonni hedduun carraa ulfa baasuu akka dhaban godha.

Rogeeyyiin gocha ulfa baasuutiin falman ''manni murtii daa'imman hin dhalatin jiraniif eegumsa gochuu qaba,'' jechuun iyyataa jiru.

Ogeeyyiin kaan ammoo ulfa baasuun yoo daangeffame du'aatiin haadholii akkaan hammaata jechuun yaaddoo qaban ibsan.

Murtiin manni murtii waliigalaa bara 1973 dabarse heera biyyattii yeroo 14ffaaf fooyya'e, kan dubartiin tokko maatiishee keessatti waan fedhashee murteeffachuu akka dandeessu iyyamuuf bu'uura kan godhatedha.

Akkaataa kanaan dubartiin tokko mirga ulfa ofirraa baasuu akka qabdu murtaa'e.

Falmii kana jalqaba kan kaaste dubartii waggaa 25 Norma McCorvey - kan maqaa masoo "Jane Roe" - jedhamuun beekamtuuni.

Dubartiin kun yeroo sana gaa'ila hin godhanne, garuu Seera Yakka Ulfa baasuu-kan yoo fayyummaa haadhaa balaaf kan saaxilu ta'e malee ulfa kamuu baasuu dhorkuun falmuu eegalte.

Yeroo sana Abbaa alangaa Teeksas kan ture Henry Wade seera farra-ulfa baasuuf falmaa nama tureedha.

Kanaaf falmiin yeroo sana ture Roe v Wade jedhamee moggaafame.

Ms McCorvey jalqaba himata kan dhiyeessite bara1969 ture.

Yeroo sana daa'imashee sadaffaaf ulfa turte, garuu akka gudeedamte himachuun ulfa ofirraa baasuuf mana murtiitti wayita iyyattu, manni murtiis dhimmicha waan kuffiseef da'uuf dirqamte.

Bara 1973 mana murtii waliigalaatti ol iyyannoo gaafachuun dhimmichis haadha seeraa Sarah Weddington fi hiriyaashee Linda Coffee jedhamtuun qabamee boodarra ishee deeggaruun murtii argate.

Weddington jalqaba wayita dhimmicha mana murtiitti falmuu eegaltu dubartii waggaa 26 turte.