Abbootiin seeraa ulfa torban saddet boodaa baasuu dhorkamu morman

Madda suuraa, Getty Images
Abbootiin seeraa USA kutaa biyyaa Mizuwuurii keessatti seera ulfa baasuu hundaa torban saddetii guute baasuu dhorkuuf bahe akka hojii irra hin oolleef morman.
Seerri haaraan kun har'a irraa eegalee hojii irra akka ooluuf kan qophaa'e yoo tahu ulfa torban saddet guute baasuu hunda kan dhorkudha.
Yoo ragaan yaalaa ulfichi akka bahuuf dirqisiisu hin jiraanne ulfa baasuun hin danda'amu jedha seera haaraan kun.
Haa tahu malee abbaan seeraa Distiriiktii US Howaardi Saach guutummaatti hojii irra oolmaa seerichaa dhorkuuf osoo hin taane hanga ajaja mana murtii dabalataa argannutti haa turudha kan jedhame jedhan.
Ji'a darbe kutaa biyyaa Mizuwerii kun kan himatamte yoo tahu seerii isaan baasan heera biyyattiin kan dhimma maatii irratti bahee ture fi murtii mana murtii ol-aanaa biyyattii ulfa baasuu ajaju kan faallessudha jedhamuuni.
Kutaaleen biyyaa Ameerikaa hedduun seera cimaa ulfa baasuu dhorku baasuun murtee mana murtii fuuldura dhaabbachuuf yaalaa turan.
Seerri karoora maatii biyyichaa garuu ulfa baasuu waan eeyyamuuf namootni hedduun ammoo seericha akka deeggaran himaniiru.
Dhaabbaticha keessa kan hojjetan Dr Kooliin Maakinikoolaas sababiin hundinuu namni kamiyyuuulfa baasuuf dhiyeessu fudhatama qabaachuu qaba jedhan.
Ulfa baasuun kan danda'amu yoo sanyummaa, saala ykn dhukkuba daddarbaa waliin wal qabate qofa jedha seera haaraan.
Dubbii himaan Abbbaa Alangaa Waliigalaa kutaa biyyaa Mizuweerii, Erik Shimidit tarkaanfii itti aanu osoo hin murteessiin dura irra deebiin ni ilaalla jedhan.
Seera haaraan maal jedha?
Seerri kutaan biyya Mizewurii baase daa'ima hin dhalatiin sababa kamiin iyyuu baasuun seeraan ala jedha.
Addatti sababoota mana yaalaan mirkanaa'an irraa kan hafe jedhee garuu dirqiin gudeedamuun as keessatti hin ilaalamu jedha.
Hakiimni ulfa ji'a saddetii olii baase hidhaa cimaa waggaa shanii hanga 15 adabamuu akka danda'us ibsa.
Kutaan biyyaa kun seera cimaa kan qabdu yoo tahu ammallee kilinikii tokko qofatu hojii ulfa baasuu kan hojjeta.













