Mirga ulfa baasuu: Lubootni Kaatolikii Ameerikaa Joo Baayidan waliin wal dhabuuf

Madda suuraa, Reuters
Lubootni Kaatolikii Ameerikaa pireezidant Joo Baayidan sirna mana amantichaa murteessaa ta'e 'Irbaata Gooftaa' jedhamurraa ugguruuf adeemsa eegalanii jiru.
Kunis erga Kora Luboota Kaatolikii Ameerikaa irratti dhimma namoota siyaasaa ulfa-baasuu deeggaran irratti wal-dhibdeen uumameen booda.
Pireezidant Joo Baayidan amantaa Kaatolikii kan hordofan yoo ta'u, tajaajila mana amantichaa irratti argamuun ni hirmaatu.
Sirna mana amantichaa murteessaa ta'e kanarraa ugguramuu isaanii ilaalichisee, "kun dhimma dhunfaati, ni ta'a jedhee hin yaadu," jedhan.
Korri Luboota Kaatolikii Ameerikaa akka jedhutti adeemsi pireezidanticha sirna kanarraa ugguruu sagalee deeggarsaa 168, kan mormii 55 fi sagalee kan hin kennine 5 argate.
Lubootni hedduun dhimma ugguramuu pireezidantichaarratti walii hin galle. Gariin kun sirna amantaa kana akka meeshaatti itti fayyadamuudha jechuun qeequ.
Gariin ammoo pireezidantii Kaatolikii ta'e garuu barsiifannaa mana amantichaa faallessu qabaachuun manni amantichaa 'haala rakkisaa keessa galcheera' jechuun adeemsicha deeggaru.
Iyyata Vaatikaan
Sanada pireezidanticha sirna amantaa kanarraa dhorkuuf qophaa'e koree doktiriinii mana amantichaan wixinaa'ee imaammata mana amantichaa biyyaalessaa ta'ee qophaa'a.
Haa ta'u malee lubni mana amantaa tokko dhunfaatti namni tokko sirna amantaa kana raawwachuu akka danda'uu fi hin dandeenye murteessuuf aangoo qaba.
Sanadni kun erga wixinaa'een booda deebi'ee falmiin irratti godhama.
Falmiin namootni siyaasaa ulfa-baasuu deeggaran sirna amantaa kana raawwachuu qabu moo hin qaban jedhu erga Joo Baayidan filamanii booda deebi'ee ho'e.
Teessoo Phaaphaasii mana amantaa Kaatolikii addunyaa kan taate Vaatikaan falmiin yeroof akka turu gaafattee jirti.
Barsiifannaa Kaatolikii keessatti dhimmi ariifachiisaa harkaa qabnu waa'ee ulfa-baasuu qofa miti jedhan lubni olaanaan Vaatikaan tokko xalayaa barreessaniin.
Dhaabbanni mirga ulfa-baasuuf falmu 'Catholics foe Choice' jedhamu murtee luboota Kaatolikii Ameerikaa kana mormeera.
"Biyyaa fi mana amantaa durumaanuu walqoqqoodinsi keessatti hammaate keessatti, lubootni garee tokkoof looguun filachuu hin qaban, akka Yesuus hunda qixa ilaaluu qabu," jedhe dhaabbatichi.
Joo Baayidan pireezidantii Kaatolikii isa lammaffaadha. Kan duraanii Joon F Kenedii turan.
Sirna mana amantaa murteessaa ta'e kana dhorkamuun seenaa biyyattii keessatti pireezidantii isa jalqabaa ta'u.
Manni amantaa Kaatolikii Ameerikaa amma dura namoota siyaasaa ulfa-baasuu deeggaran garagaraa adabaa turteetti.















