Mirga ulfa baasuu tibbana UStti ijoo dubbii ta’e, seerri Itoophiyaa maal jedha?

Meeshaalee ittiin ulfa baasan

Madda suuraa, Getty Images

Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa mirga ulfa baasuu waggoota dheeraa lakkoofsise ‘Roe v Wade’ jedhamuun beekamu haquun isaa dhimmichi irra deebiin guutuu addunyaatti ijoo dubbii akka ta’u taasiseera.

Dhaabbileen akka Amnesty International mirgi amma dura gama ulfa baasuun argame of duuba akka hin deebine guutuu addunyaa irratti duula gochaa jiru.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti addunyaa irratti waggaatti adeemsawwan ulfa baasuu balaaf saaxilan miliyoona 25 ni gaggeeffama.

Roe v Wade’ maalidha?

Bara 1969 dubartiin maqaa masoo ‘Jane Roe’ jedhamuun beekamtu Ameerikaa Isteetii Teeksaas keessa jiraattu, seera ulfa baasuu yakku mormuun mana murtiitti iyyatte.

Dubartiin ganna 25 kun yeroos ulfa kan turte yoo ta’u, gudeedamtee akka ulfoofte eeruun mirgi ulfa san ofirraa baasuu akka eegamuuf falmite.

Mootummaa bakka bu’uun seera ulfa baasuu dhorku deeggaree ‘Jane Roe’ waliin kan falmaa ture ammoo abbaa alangaa ‘Henry Wade’ jedhamu ture.

Yeroos Isteetiin Teeksaas ulfa baasuu yakka heera cabsu godhee tumee ture. Ulfi baasuun kan hayyamamu yoo lubbuun dubartii ulfaa rakkoo keessa jiraate qofa.

Falmii dubartiin ganna 25 ‘Jane Roe’ abbaa alangaa ‘Henry Wade’ waliin goote booda manni murtii iyyannoo Jane Roe kufaa godhee ulfa baasuu dhorkuun akka deessu itti murteesse.

Falmiin isaanii kunis moggaasa ‘Roe v Wade’ jedhamu kennameefi ture.

Jane Roe waggoota afur booda bara 1973 ol-iyyannoon falmii kana gara mana murtii waliigalaa US geessite.

Manni murtichaa falmii gara lamaanii erga caqasee booda mootummaan aangoo ittiin ulfa baasuu dhorku hin qabu, mirgi ulfa baasuu dubartii tokkoo heeraan kan eegamedha jechuun murteesse.

Ergasii waggoota 50tti siqan darbaniif Ameerikaa keessatti mirgi ulfa baasuu seeraan kan eegame ture.

Haata’u malee torbanoota dura manni murtii waliigalaa US irra deebiin mirga kana uggure. Kana jechuun isteetonni Ameerikaa mata mataatti seera ulfa baasuu yakku tumachuu danda’u jechuudha.

Murtee mana murtii waliigalaa US tibbanaa hordofee Ameerikaa keessatti dubartoonni hiriira mormii bahan poolisiin yoo walitti bu’an mul’ateera.

Maaliif falmii kaasa?

Falmiin gama tokkoon ulfa baasuun mirga dubartii tokkooti gama kaaniin ammoo yakka lubbuu balleessuuti jedhu (pro-choice vs pro-life) addunyaa irratti falmii baroota dheeraa lakkoofsisedha.

Falmiin gareewwan kana lamaanii gaaffii ulfi ykn micireen nama moo nama miti ykn yoomirraa eegaleeti akka namaatti kan ilaalamuu kan qabu? jedhurraa ka’a jetti ogeettiin seeraa fi koorniyaa dhimmicha qoratte Hilliinaa Birhaanuu.

Gareen ulfa baasuun yakka jedhu (pro-life) salphaadhumatti ulfa baasuun daa’ima homaa hin beekne yakka isaa malee ajjeesuudha bu’uura jedhuun falmu jetti Hilliinaan.

Gareen kun sanyiin dhiiraa fi dhalaa wal-qunnamee battala micireen uumameerraa eegalee, micireen sun nama akka ta’etti kan lakkaa’udha.

Falmiin garee kanaa barsiisawwan amantii adda addaatiin waan deeggaramuuf bu’uura bal’aa akka qabu himti Hilliinaan.

Pro-choice warra ulfa baasuun mirga dubartiiti jechuun falman

Madda suuraa, Getty Images

Gareen ulfa baasuun mirga dubartii tokkooti jedhu (pro-choice) ammoo, ulfi ykn micireen qaamaa haadhaarraa adda bahee jiraachuu sadarkaa danda’urra hanga hin geenyetti akka namaatti ilaalamuu hin qabu kan jedhudha jetti.

Dabalataan ulfa baasuun dhimma bilisummaa dhuunfaa, ofiin murteeffachuu fi nageenya dubartii tokkooti ilaalcha jedhus qabu jetti.

Gaaffiin ulfi ykn micireen yoomirraa eegalee nama ta’a ykn akka namaatti lakkaa’ama jedhu ogeeyyii fayyaa birattis falmisiisaadha kan jettu Hilliinaan, akka ilaalcha isheetti gaaffiin xiyyeeffannaa argachuu qabu, micireen nama moo nama miti kan jedhu osoo hin taane, lubbuu dubartoota miliyoonaan lakkaa’amanii balaaf saaxilamedha jetti.

Biyyoota ulfa baasuun seeraan dhorkame keessatti dubartoonni dhoksaan ykn karaa lubbuu isaanii gaaga’uu danda’uun ulfa baasuuf dirqamu jetti.

Seerri Itoophiyaa maal jedha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waa’een mirga ulfa baasuun hanga yeroo dhiyootti Itoophiyaa keessatti qabxii falmii ture.

Seenaa keessatti seerawwan Itoophiyaa ka’uumsa amantii waan qabaniif ulfa baasuu akka yakka guddaatti fudhata.

Fakkeenyaaf seerri ‘Fitihaa Nagast’ jedhamu dubartiin ulfa ofirraa baaste akka tumamtuu fi ari’atamtu, dhiirri dubartii irraa ulfa baasise ammoo akka mana amantii fi hariiroo hawaasummaa keessaa moggifamu tumee ture.

Seerri yakkaa Itoophiyaa bara 1930 Fitihaa Nagast bakka bu’es fayyaa fi lubbuu dubartii ulfaa osoo ilaalcha keessa hin galchiin ulfa baasuu guutummaatti yaakka godhee tume.

Seerri kun dubartii ulfa ofirraa baastes ta’e namni ykn ogeessi fayyaa ulfa baase hidhaa cimaa fi adabbii maallaqaan akka adabamu tume.

Seerri yakkaa bara 1957 fooyya’ee bahes ulfa baasuu yakka godhee tume. Haata’u malee lubbuu dubartii ulfaa kan gaaga’u ta’ee yoo argamee fi karaa dhibii lubbuu ishee oolchuun hin danda’amu yoo ta’e qofa ulfa baasuu hayyame.

Bara 1994 mootummaan jijjiiramee biyyattiin heera haaraa raggaasisuu booda dhimma ulfa baasuun wal-qabatee tumaan seera yakkaa bara 1957 akkuma jirutti itti fufsiifame.

Haata’u malee waggoota itti aanan seerri kun akka fooyya’u dhiibbaan godhamu cimuu fi dhimmi ulfa baasuu falmii guddaa kaasee akka ture himti ogeettiin seeraa fi koorniyaa Hilliinaa Birhaanuu.

Yeroo kanatti ulfa baasuun seeraan haa dhorkamuyyuu malee dubartoonni dhoksaan ulfaa baasaa akka turan, kunis salphaatti kan seera kabachiiftonni bira gahan akka hin turree, haala of eeggannoo hin qabneen raawwatamaa turuu hordofee lubbuu dubartoota hedduu gaaga’aa akka ture himti.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa ulfa baasuu hin uggurre keessaa tokko

Madda suuraa, Amnesty International

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan biyyoota Afrikaa ulfa baasuu hin uggurre keessaa tokko

Bara 2003 waldaaleen hawaasaa akkasumas falmitoonni mirgaa hedduun wal ijaaruun mirgi ulfa baasuu akka kabajamu dhiibbaa gochuu eegalan. Faallaa kanaanis namoonni amantaa, ogeeyyiin seeraa fi fayyaas seerri kun akka kabajamu dhiibbaa gochuu himti Hilliinaan.

Falmii kana hordofee Seera Yakkaa bara 2004 fooyya’e bahe keessatti akka waliigalaatti ulfa baasuun yakka godhamee tumame. Haata’u malee seerri yakkaa kun haal-dureewwan bal’aa ulfa baasuu hayyamus kan hammate ture.

Seerri yakkaa bara 2004 keewwata 552 jalatti haal-duree balaa lubbuu haadhaa gaaga’u jedhu seera yakkaa bara 1957 jalatti tumameen alatti, haal-dureewwan dabalataa dubartoonni ulfa baasuu akka danda’an gargaaru dhiibbaa waldaalee hawaasaa akka ‘Waldaa Ogeeyyii Seeraa Dubartootaa Itoophiyaa’ godhaniin hammatamuu ogeettiin seeraa Hilliinaa Birhaanuu ni himti.

Keewwata kana jalatti dubartiin tokko gudeedamtee kan ulfoofte yoo ta’e, ulfi itti fufuun lubbuu daa’imaa ykn kan haadhaaf yaaddessaa yoo ta’e ykn ammoo dhalachuun daa’ima sanii lubbuu haadhaa kan gaaga’u yoo ta’e, daa’imti dhukkuba ykn naaffachuu qaamaa fayyuu hin dandeenye yoo qabaatte ulfa baasuun akka hayyamamu tumameera.

Dabalataan, dubartiin ulfaa umuriin ishii kan hin geenye yoo ta’e, ykn rakkoo qaamaa fi sammuu qabdurraa ka’ee daa’ima dhalatu guddisuuf qaamaanis sammuunis gahuumsa hin qabdu yoo ta’e ulfa baasuun akka hayyamamu tumeera.

Seerri yakkaa Itoophiyaa akka waliigalaatti ulfa baasuu kan dhorke ta’ullee, haal-dureewwan baal’aan akkanaa kaa’amuun dubartoonni mirga ulfa basuu akka goonfatan gochuu, kana hordofees duuti dubartootaa sababa ulfa baasuun wal qabatuun uumamaa ture daran hir’achuu himti Hilliinaan.

Dabalataan Itoophiyaan ‘Maputo Protocol’ jedhamuun kan beekamu Chaartara Mirgoota Dubartootaa Afrikaa kan ulfa baasuu akka mirgaatti tumee jiru mallatteessuun kan raggaasifte yoo ta’u, kunis dubartoonni Itoophiyaa mirga ulfa baasuu akka goonfatan gumaachuu himti Hilliinaan.

Haata’u malee yeroo ammaa amantaa fi mootummaan akka malee harka wal-keessa naqachuurraa kan ka’e mirgi dubartoonni gama kanaan goonfatanii jiran of-duuba deebifamuu mala yaaddoo jedhu akka qabdus himti.