Baha Afrikaatti taateewwan tibbana eegaman: Kora IGAD fi Liigii Arabaa hanga daawwannaa Kaayirootti

Gaggeesitoota biyyoota Baha Afrikaa

Kutaa Afrikaa tibbana haalli waliigalaa toora siyaasaa isaa jijjiiramaa jiru kan ta'e Bahi Afrikaa guyyoota itti aanan taateewwan gurguddoo hedduu keessummeessuuf jira.

Walga'iin IGAD fi Liigii Arabaa akkasumas daawwannaan Kaayiroo kanneen eegaman keessaa isaan ijoodha.

Itoophiyaan bulchiinsa Somaaliyaarraa addatti baatee ofiin of bulchitu- Somaalilaand waliin waliigaltee walhubannoo carraa ulaa galaanaa fayyadamuu isheef argamsiisu mallatteessuu hordofee Baha Afrikaatti muddamni dhalateera.

Akkaataa waliigaltee mootummoota lameeniin Somaalilaand Ityoophiyaaf buufata galaanaa Galoo Galaana Aden irratti kan kennituuf yoo ta’u, Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii akka kennitu bal’inaan odeeffamaa jira.

Mootummaan Somaaliyaa, Somaalilaandii akka naannoo ykn bulchiinsa isaa tokkootti kan ilaalu yoota'u, waliigaltichi bu'uura seeraa kan hin qabnee fi hojiirra ooluu kan hin dandeenye ta'uu ibseera.

Waliigaltee kana hordofee walgahii fi mariin hoggantoota naannichaa gidduutti taasifamu baay’ateera, biyyoonni adda addaa waldhabdeen kun akka furamuuf waamicha taasisaa jiru.

Kora IGAD

Gareen mootummoota Baha Afrikaa- IGAD muddama Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti dhalate ilaalchisuun Kamisa dhufu Yugaandaa Kaampaalaatti walga'ii hatattamaa akka taa'u ibseera.

Ministeerri Dhimma Alaa Jibuutii xalayaa miseensota IGAD fi waajjira muummee IGAD Jibuutii jiruuf ergeen Yugaandaan akka walga'ii kana qopheessituuf Pirezidantiin biyyattii Yuweerii Museveenii tole jechuu ibse malee, waa'ee walga'ichaa miseensonni IGAD hanga ammaa homaa hin jenne.

Muddama Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti dhalate tasgabbeessuuf korri hatattamaa waamame kun, wayita aanga'oonni Somaaliyaa dhaadannoo waraanaa fi ergaa doorsisaa dabarsaa jiranitti taa'amuuf jedha.

Ministirri Muummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii Baaree Sambata darbe (Amajjii 13, 2024) Itoophiyaa waliin waraanatti seenuuf qophiidha jechuun wayita dubbatan dhagahamaniiru.

''Yoo hin dhiistan ta'e, akka dhiistan waan isin dirqamsiisu isinitti mul'isuu dandeenya. Daangaa Somaaliyaa taakkuu tokko seenuuf yoo yaalan reenfa guurratanii gara biyyasaanii deebi'u,'' jedhan ministirri muummee kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Muummee kun kana dubbachuusaanii guyyaa lama dursuun Pirezidantiin biyyattii Hasan Sheek Mohamuud Itoophiyaan ''diina'' Somaaliyaati jedhanii turan.

''Kanaan dura yaalii weeraraa isaan nurratti taasisan ofirraa qolanneerra. Mo'anneerras, ammas inuma mo'anna,'' jedhan Pirezidant Hasan Sheek Mohamuuud.

Walgahii hatattamaa yeroo ammaa dura taa’aa IGAD kan ta’an prezidantiin Jibuutii Ismaa’il Omar Gilee waaman kanarratti waraanni Sudaan ajandaa biraa ta’uun eerameera.

IGAD aanga'oonni waraanaa Sudaan lamaan garaagarummaa isaanii qaamaan waliin mari'achuun akka hiikan waamicha dhiyeessee ture, garuu hogganaan Sudaan walgahii kana irratti akka hin hirmaanne beeksiseera.

Dhaabbati oduu Sudaan Suna jedhamu akka gabaasetti ajajaan waraanaa Sudaan Letenaant Jenaraal Abdul Fattaa al-Burhaan walgahii kana irratti akka hin hirmaanne ibseera.

Faallaa kanaatiin hogganaan humna addaa Sudaan (RSF) Letenaant Jenaraal Mohammad Hamdan Dagalo (Hemeti) walgahii kana irratti akka hirmaatu fuula X isaa irratti beeksiseera.

Walgahii hoggantootaa waamame kanarratti argamuu Hemeti kan hin jaal'anne Jenaraal Al-Burhaan, walitti bu’iinsi Sudaan keessatti uumame dhimma biyya keessaa waan ta’eef, jaarmiyaan naannichaa dhimma biyyaalessaa keessa seenee birmadummaa Sudaan sarbuu akka hin qabne dubbataniiru.

Liigii Arabaa

Taatee guddaan eegamu kan biraan ammoo marii Liiigiin Arabaa dhimma muddama Itoophiyaa fi Somaaliyaarratti taasisuuf jiruudha.

Korri Roobii dhufutti waamame kun akka gaggeeffamu kan ta'e gaaffii Somaaliyaan dhiyeessiteeni.

Dhaabbanni oduu Tarkii Anadoluun, miidiyaa biyya Masrii kan ta'e Meenaa wabeeffachuun akka gabaasetti, waliigalteen ''seeraan alaa'' Itoophiyaan Somaalilaand waliin mallatteessite naannichatti miidhaan fiduu malu ajandaa marii kora Liigii Arabaa taa'amuuf jiruuti.

Liigiin Arabaa kanaan dura waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaalilaand mallatteessan mormuu fi Somaaliyaa cinaa akka dhaabbatu ibsaa ture.

Liigichi ibsa Roobii Amajjii 11 baaseen, waliigaltee birmadumaa Somaaliyaa sarbu kamiyyuu ''hin fudhannu'' jedheera.

Dubbi himaan liigichaa Gamaal Roshdiin, ''Liigiin Arabaa ibsa kaabineen Somaaliyaa, 'waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaaliyaand dhimma buufata galaanaa irratti waliin hojjechuuf mallatteessan fudhatama hin qabu' jechuun kenne guutummaatti ni deeggara'' jedhan.

Daawwannaa Kaayiroo

Taateewwan torbee kana eeggaman keessaa kan biraan daawwannaa hoggantoonni Somaaliyaa fi Ertiraa Kaayirootti taasisanidha.

Hoggantoonni kunneen guyyaa kam gara Kaayiroo akka imalan wanti ifatti dubbatame hin jiru.

Garuu waamicha pirezidant Abdel Fattaa al-Sisiin taasifame hordofuun guyyoota itti aanan keessatti preezdaanti Hasan Sheek Mohamuud fi giti isaanii kan Ertiraa Isaayaas Afaworqii gara Kaayiroo imaluu akka danda’an gabaasaaleen ba'aa jiru.

Guyyoota muraasa dura Ministirri Dhimma Alaa Masrii Saamii Shukurii gara Asmaraa wayita imalanii turanitti, Pirezidant Al-Sisiin akka Kaayiroo daawwataniif affeeruu Pirezidant Isaayaas Afaworqiitti himaniiru.

Akkasumas dhiheenya kana jilli aanga'oota mootummaa olaanoo of keessaa qabu Kaayiroo irraa gara Somaaliyaa imaluun Moqadishootti Pirezidant Hasan Sheek Mohamuud waliin mari'atee ture.

Jilli kun Pirezidant Al-Sisiin gita isaanii Sheek Mohamuud affeeruu itti himaniiru.

Pirezidantonni lameen yoom akka gara Kaayiroo imalan, akkasumas waliin imalumoo dhunnfaadhaan ka jedhu hin beekamne.

Erga Itoophiyaa fi Somaalilaand dhimma misooma ulaa galaanaa irratti waliigaltee walhubannoorra ga'anii mufannaa hamaa keessa kan jiran Hasan Sheek Mohamuud Ertiraa daawwatanii turan.