Pirezidantiin Somaaliyaa daawwannaa hojiif gara Ertiraatti imalan

Madda suuraa, @HAWELTI
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud daawwannaa hojiitiif gara Ertiraatti imalan.
Akka ibsa Waajjira Pirezidantii Somaaliyaa jedhetti, daawwannaa kanaan Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud gitasaanii Ertiraa Pirezidanti Isaayyas Afa-warqii waliin dhimmoota hariiroo biyyoota lamaaniirratti ni mariyatu.
Daawwannaan Pirezidanti Hasan Sheek Mohaammud Ertiraatti taasisan kun Itoophiyaafi Somaalilaand haala Itoophiyaan ulaa galaanaa Somaalilaand itti fayyadamuu dandeessurratti waliigaltee wal-hubannoo erga mallatteessanii torban tokkoon boodadha.
Itoophiyaan waliigaltee wal-hubannoo ulaa galaanaa ittiin argattuufi misoomsuuf ishee dandeessisu Somaaliilaand waliin kan mallatteessite Amajjii 1, 2024 ture.
Waajjirri Pirezidantii Somaaliyaa, Xilla Somalia, imala hojii Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud iaalchisuun fuula X irratti, "dhimmoota biyyoota obbalaa lamaan ilaallatan irratti mariyatu," jechuun barreesseera.
Itoophiyaan akka biyya walabaatti kan of ilaaltu Somaaliland waliin akkaataa ulaa galaanaa fayyadamuun danda'urratti waliigaltee wal-hubannoo mallatteessuu hordofee Pirezidant Hasan Sheek Mohaaamud hooggantoota biyyoota gara garaa waliin bilbilaan haasaa taasisaa turaniiru.
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud seera seera sanada walhubannoo Itoophiyaafi Somaalilaand irratti waliigalan kufaa taasisu Amajji 6, 2024 mallatteessaniiru.
''Seerri kun tokkummaa, birmadummaa fi daangaa biyya keenyaa kabajuuf murteessaadha,'' jedhan Hasan Sheek Mahmuud ergaa mallatteessuun booda X irratti qoodaniin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidanti Hasan Sheek Mohaamud hoogantoota biyyoota qaxanaa sana keessa jiran akkasumas Gamtaa Awurooppaa waliin bilbilaan dubbataniiru.
Waliigaltee sanada walhubannoo Itoophiyaafi Somaaliland mallatteessan hordofee mormii Somaaliyaatti dhagahamee guyyoota muraasa booda Pirezidatiin Somaaliyaa kun Pirezidantii Masirii, Yugaandaa, Turkiifi Qaataar waliinis bilbilaan dubbataniiru.
Pirezidantichi haasaa pirezidantii Masirii waliin taasisaniin, “Masiriin Somaaliyaa cinaa dhaabbachuuf ejjennoon qabdu cimaadha” jedhan Abdul Fattaa al- Siisiin.
Marii pirezidantii Yugaandaa Yuweerii Museeveenii waliin taasisaniin ammoo hoogantoonni biyyoota lamaanii dhimma nageenyaaf wal tumsuurratti dubbachuu isaanii Waajirri Pirezidantii beeksiseera.
Pirezidant Hasan haasaa Pirezidatii Turkii Resiip Tayib Erdohaan waliin taasisaniin deeggarsa walirraa hin cinne mootummaan Turkii walabummaafi tokkummaa daangaa Somaaliyaatiif qabaniif waajirichi galateeffateera.
Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud haasaa Amiirii Qaaxaar Tamiim Biin Hamaad waliin taasisaniin ammoo dhimmoota waloofi hariiroo qaxanichaa keessatti fedhii biyyoota lamaaniirratti mariyachuun isaanii ibsameera.
Haasaa bilbilaan aanga’aa olaanaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Boorel waliin taasisaniinis Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud Gamtichi deeggarsa walabummaafi tokkummaa daangaa Somaaliyaatiif qabuuf galata dhiyeessuun isaanii dhagahameera.
Mootummaan Itoophiyaa handaara galaanaafi buufata humna galaanaa qabaachuuf waliigalteen Somaalilaand waliin mallatteesse muddama uumuu hordofee deebii kenneen, ''waliigaltee kanaan amantaan cabes, seerri sarbames hin jiru'' jedhe.
Amajjii 1, 2024 mootummaan Itoophiyaa Somaalilaand waliin waliigalteen waliin hojjechuu malleetteefamuu hordofee biyyi Somaalilaand qaama kooti akka biyyaatti beekamtii hin qabduu jettu Somaaliyaan ''tokkummaa daangaa lafa kootti bu'ameera'' jechuun mormii dhageessifteetti.
Waliigaltee kanaan gocha ''weeraraati'' kan jette Somaaliyaan, ambaasaaddarashee Finfinneerraa ofitti waamteetti. ''Raawwiin waliigaltichaa seera idila-addunyaa kan cabse, fudhatama kan hin arganneedha'' jechuunis ibsite.
Somaalilaand biyya kamiinuu akka biyya walabaatti beekamtii kan hin arganne ta'uufi Somaaliyaan ammoo qaama kooti jechuusheetiin muddamni dhalate.
Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa ibsa Roobii har'aa baaseen ammoo waliigalteen waliin hojjechuu Itoophiyaafi Somaalilaand gidduutti mallatteefame ''qaama ykn biyya kamuurratti dhiibbaa kan hin uumnedha,'' jedhe.












