Somaaliyaan seera ''waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand kuffisu'' baaste

Madda suuraa, HASSAN SHEIKH MOHAMUD
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud seera waliigaltee Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliif mallatteessite kuffisu irratti mallatteessuun mirkaneessan.
Pirezidantichi ergaa karaa toora X isaanii dabarsaniin, ''har'a galgala kana seera sanada walhubannoo Itoophiyaa fi Somaalilaand irratti waliigalan kufaa taasisu mallatteesseera,'' jedhan.
''Seerri kun tokkummaa, birmadummaa fi daangaa biyya keenyaa kabajuuf murteessaadha,'' jedhan pirezidantichi.
Itoophiyaan waliigaltee wal-hubannoo ulaa galaanaa ittiin argattuufi misoomsuuf ishee dandeessisu Somaaliilaand waliin kan mallatteessite Amajjii 1, 2024 ture.
Bu'uura waliigaltee kanaan Itoophiyaan daangaa galaanaa kiilomeetira 20 dheeratu ni argatti. Bakkasaa ammoo Somaalilaand daandii qilleensaa fi Telekoomii Itoophiyaa keessaa akka fayyadamtu mootummaan ibseera.
Waliigaltee kana booda walga'ii hatattamaa kan waamte Somaaliyaan, ''gonkumaa fudhatama hin qabu,'' jechuun ibsa ejjennooshee mul'isu baaste.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniis ta'e Gamtaa Afrikaarraa beekamtii kan hin argatin jirtu Somaalilaand, Itoophiyaarraa beekamtii akka argattu dubbatamaa turus hanga ammaa wanti ifatti labsame hin jiru.
Somaalilaand akka qaama bulchiinsaa ishee tokkootti kan ilaaltu Somaaliyaan waliigaltee Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahamd fi Pirezidantiin Somaalilaand Muusee Bihii irra gahan mormuun ambaasaaddara ishee Finfinneedhaa waamteetti.
Kana hordofuun Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud gita isaanii kan Masrii fi Qaataar waliin dhimma kanarratti bilbilaan mari'ataniiru.
Masriinis ''Daangaan bulchiinsaa Somaaliyaa kabajamuu qaba,'' jechuun Somaaliyaa cinaa akka dhaabbatt ifatti dubbatte.
Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Ministira Muummee Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen waliigaltee kana hordofuun ''ibsi kenname waanuma nuti eegneedha,'' jedhan.
Ambaasaaddar Reedwaan gaaffii fi deebii TV biyyaalessaa waliin taasisaniin kana dubbatan.
Gorsaan kun, "Itoophiyaan karra galaanaa dirree idil-addunyaa waliin wal qunnamsiisu yoo argatte, miila ishee lamaan dhaabbachuu dandeessi jedhanii sodaatu," jedhan.
Ambaasaaddar Reedwaan namoota hanga ammaa ibsa kennan keessaa "namoonni kan keenya jennu warra kaanii olitti yeroo wirriiqqatan arguun nama gaddisiisa," jedhan.
"Dhugaadha karra galaanaa Itiyoophiyaan mataan ishee to'attee misoomsitu qabaachuun nageenyaa fi sochii daldalaa biyyattii keessatti gahee olaanaa qaba," jedhu gorsaan kun.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ambaasaaddarichi beekamtii Somaalilaandiirrattis yaada kennaniiru.
"Walhubannoon keenya waliigaltee guutuu isa dhumaarra ga'ee, lafa fudhannee adeemsichi yommuu xumuramu, carraaqqii isaan beekamtii argachuuf godhan ilaalchisee Itiyoophiyaan sadarkaa ejjennoo itti fudhatturra akka geessu haalonni agarsiisan jiru," jedhan.
''Kanaaf waliigaltee kana harkaan hin ga'anne, garuu walii galuu qabna jennee walii galleerra. Sanaafis waliigaltee walhubannoo mallatteessineerra.''
Mariin waliigaltee kun kan itti fufu ta’uu fi mariin biyyoota biroo waliin taasifamus akka jiraatu ambaasaaddarichi eeraniiru.
''Karra galaanaa Somaalilaand dhiheessitu naannoo Loghaya jedhamu kan Barbaraa fi Zayilaa gidduutti argamuudha,'' jedhan Ambaasaaddar Reedwaan.
Waliigaltee Ityoophiyaa fi Somaalilaandii hordofuun biyyoonni fi ardiileen yaada isaanii ibsataniiru.
Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa yaada kennaniin "daangaan bulchiinsaa Somaaliyaa eegamuu qaba," jedhan.
Gamtaan Afrikaa ammoo "dhiphinni" Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduu jiru akka hir'atu gaafateera.












