Dubartiin daa'imman lama laga Weebitti darbuun ajjeeste hidhaa umurii guutuun adabamte

Godina Baale Bahaa aanaa Daawwee Qaachanitti dubartiin maqaan ishee Ibsituu Ahmad jedhamtu inaaffaadhaan kaka'uun daa'imman umuriin isaanii waggaa shan ta'e lama laga Weebitti darbuudhaan ajjeeste hidhaan adabamte.
Abbaan Alangaa Godina Baale Bahaa akka jedhetti, yakki kun kan raawwatame ALI Fulbaana 26, bara 2017 aanaa Dawwee Qaachaan bakka addaa Laga Weeb jedhamuun beekamutti.
Mana hojichaatti bakka bu'aa abbaa adeemsa qorannoo yakkaa kan ta'an Obbo Abbabaa Tolasaa BBC'tti akka himanitti, himatamtuun kun yakka kan akka raawwattuuf ka'umsa kan ta'e abbaan warraashee haadha manasaa duraa waliin araaramuu hordofeeti.
"Himatamtuun Aaddee Ibsituu Ahamad jedhamtu kun, abbaan warraa ishii kana dura haadha warraa biraa waliin jiraachaa ture.
Isheedhaan wallolee jennaan Aadde Ibsituu fuudhe. Amma ammoo abbaan warraashii kuni boodarra haadha warraa duraa waliin araarame," jechuun ka'umsa ta'uun kun mudate jedhan.
" Himatamtuun abbaan warraa ishee haadha warraa duraa waliin maaliif araarama jechuun haaloo itti qabatte. Kanaafis daa'ima waggaa shanii kan abbaan warraashii haadha warraa duraarraa argate bakka taphachaa jiruu fuudhuun Laga Weebiti darbitee ajjeesuuf murteesite," jedhan.
Daa'ima waggaa shanii kana laga Weeb geessuun yeroo laga guutee jirutti darbitu daa'imni obboleettii haadha warraashii kan umuriin waggaa afurii hanga shanii gidduu ta'us waliin waan tureef 'galee maatitti himuu danda'a' yaada jedhuun isas dabaltee lagatti darbuu galaafachu himan.
Daa'imman kunneen dhabamuun wayita baramee barbaachi taasifamuttis himatamtuun kun daa'imman lamaan qabattee gara lagaa yeroo deemtu namni arge eeruu waan kenneef poolisiin to'achuu himan Obbo Abbabaan.
"Borumtaa yakki kun itti raawwatametti qaamni seeraa fi poolisiin eeruu argataniin dubartii kana to'achuun qorannoon wayita taasifamu yakka kana raawwachuu amante," jedhan.
Qorannoo yakkaa taasifameen booda manni murtii seera Yakkaa 539/1Atin himatamtuu kun yakka ajjeechaa cimaadhaan himanni irratti banamee dhimmi ishee mana murtii aanaa Daawwee Qachanii fi mana murtii Olaanaa Godina Baale Bahaatti ilaalamaa ture.
Isaan boodas Manni murtii Olaanaa Godina Baale bahaa dhaddacha Amajjii 15, bara 2017 ooleen himatamtuu daa'imman lama lagatti darbuun ajjeeste hidhaa umurii guutuutiin akka adabamtu murteessuu himan Obbo Abbabaan.
Lagni Weeb kun laga guddaa ta'uusaatiinii fi yeroon yakki kun itti raawwatames yeroo lagni guutuutti waan tureef reeffi daa'imman lamaan kanaa osoo hin argamin hafuunis dabaluun himame.












