Maatii daa'imman lakkuun 'milkii badaadha' jechuun ajjeesuun shakkaman to'ataman

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaa bulchiinsa Marsabeetitti daa'imman lakkuun du'uu hordofee maatiin daa'imman kanaa ajjeechaansaanitiin shakkamanii to'annoo jala oolfamuun ibsame.
Bulchiinsichatti bakka Nootiwor jedhamutti daa'mman lakkuun erga dhalatanii guyya lamaa guutan booda kan du'uunsaan dhagahame.
Komishinara ittaanaan Kaawuntii Dukkanaa, Naziriin Jukii, daa'imman lakkuun kun haatii hospitaalatti erga deesseen booda gara manaatti akkuma deebiteen ''ajjeefaman'' jedhan.
Maatiin garuu daa'imman kunneen ofumaan akka du'an himuudhaan ajjeechaa jedhame akka hin raawwanne waakkachusaanii dubbatu qondaalli kun.
Naannichatti maatiin dhala jalqabaarratti daa'imman lakkuu horachuun akka milkii gaarii hin qabnetti akka ilaalamu kaasa aanga'aan kun.
''Duriirraa kaasee aadaa fi duudhaa uummata Gabraa keessatti dhala jalqabaarratti lakkuu da'uun du'a dabalatee milkii badaa fida jedhanii amanu. Kanaaf maatii kun gara manaatti erga galanii booda daa'imman kana kan ajjeessan,'' jedhan Komishinara ittaanaan Kuwuntichaa.
Daa'imti lakkuu jalqabarratti yoo dhalatan akka eebbatti otoo hin taane, akka abaarsaatti lakkaa'uuni daa'imman miidhuun baratamaa jedhan.
''Bara durii ukkamsuudhaan daa'imman akkanaa akka ajjeesaa turan warri gandicha natti himaniiru. Kanaaf isaanis akkanumaani ajjeessan jennee amanna,'' jedhan.
Daa'imman halkanuma sana ajjeesanii waan awwalamaniif akka itti ajjeeffaman qorachuun akka hin danda'amnes dabaluun himan aanga'aan kun.
''Gaafa dhalatan haalaa fayyaa gaariirra turan akka hakiimonni nutti himanitti. Achumatti maqaanis moggafameef. Isaanis dubaraa fi ilma dhiiraa turan'' jedhan.
Guyyaa tokko erga hospitaala turaniin booda hakiimni akka gara manasaanitti deebi'an hayyameef jedhan.
Sana booda ambulaansiin hospitaalichaa hanga ganda isaanii Doloolloo Boojii jedhamtuu gaggeeffamu eeran.
Garuu akkuma daa'imman dhalataniin, bulchaa gandicha dhageennan, shakkuun abbaa ijoollee kanaaf bilbilee ture jedhan.
Innis ijoolleensaa nagaa fi fayyaa akka qaban itti hime. Garuu bulchaan kun, namoota biroof bilbillaan akka du'anii awwalaman itti himame jedhan Naziriin Jukii.
Sana booda bulchaan gandichaa poolisii wajjin ollaa sana deeman. Gaafa achi gahan da'imman ''ajjeefamanii'' mana keessatti awwalamuu mirkaneessan jedhan.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchaan araddaa Dukkaanaa jedhamu Aab Duyee Kateloo, daa'imman lakkuu dhalachuu hordofee ajjeesu malu jedhanii hordofaa turuu dubbatu.
Garuu abba ijoollee wayita bilbilaan gaafatamaniitti ijoolleen isaa fayyaa gaariirra jiraachuu itti himuu ibsan.
''Gosti Gabraa sun mootummaa jalaa dhoksitee qarayyuu daa'imman ijjeefti'' jechuun aadaan akkasii hawaasicha keessa kan ture ta'u himu.
Kanaan durallee daa'imman haala kanaa dhalatan ajjeeffamuu akka quba qaban Aab Duyee Kateloo kan dubbatan.
''Waanni akkasi waan wallaalummaarra dhufte, daa'imma lakkuu Waaqatu kenne, ilmaan kana ajjeesuun sirrii mitii,'' jedhan.
Yeroo dheeraaf ajjeechaan akkasi akka hin raawwatamne barsiifamaa akka ture ibsuun, garuu namoonni dhoksaatti ajjeechaa akkasi raawwatan jiraachu dubbatan.
''Namoota barnoota hin qabnetu aadaa kiyya jedhee kana raawwata'' jedhan maanguddoon kun.
Waggoota 20'n darban barsiifanni dogoggoraa kun akka hafuuf dhimma kanarratti qaamoleen mootummaa, miti-mootummaa fi amantii hubannoo uumaa akka turan Aab Duyee Kateloo dubbatan.
Akka seera fi heera Keeniyaatti nama ijjeessun yakkaa hamaa dha. Namni kamuu mirga jiraachu qaba.
Sababa kanaaf haadhi da'immanii, akkoo fi akaakkayyuun to'annoo jala oolaniiru. Abbaansaanii baqatee garuu ergasii to'atame.
Erga jarri to'atameen booda poolisiin biraa bakka daa'imman itti awwalaman akka eegan achitti dhiifamuu Komishinara ittaanaan Kaawuntii Dukkanaa Naziriin Jukii BBCtti himan.
Kunis akka reeffi daa'immanii isaanii hin bakka sana hin baafamnef jedhan.
Mana murtii akka sababa du'a isaanii mirkaneesuuf akka qoratamu akka eeyyamu eegaa jiraachuu dubbatan. Qondaalli kun aadaa lubbuu nama balleessu akkasii hafuu qabu dhaaman.
Daa'imman dubaraa yoo dhalattu ajjeesuun biyyoota akka Indiyaa fi Chaayinaa keessa dur akka turetu himama. Amma biyyoonni kunneen seera ajjeecha akkasii dhorku labsaniiru.
Amantaan Kiristaanummaa, Islaamummaa, Hinduyizimii fi Judizimii ajjeechaa daa'immaniirratti raawwatamu ni balaaleffatu.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












