Waaqayyo si’a tokkoon lakkuu sadiin nu eebbisee, jireenyi ammoo ittiin nu qoraa jira- Abbaa

Ijoollee lakkuu sadii

Madda suuraa, Tolasaa Raggaasaa

Seenaan maatii kanaa Wallagga Lixaa aanaa Ayiraatii jalqaba. Dargaggoo Tolasaa Raggaasaa fi Aadde Eebbisee Taaddasaa waggoota muraasa dura bultii erga ijaarratanii Wallaggarraa gara Finfinneetti jireenya fooyeffachuuf godaanan.

Haati warraafi abbaan warraa kun magaala Finfinnee kutaa magaalaa Qirqoos keessatti jireenya magaalaa guddoo kana tokko jedhanii eegalan.

Ta’ulleen lamaan isaanituu hojii galii gaarii argamsiisu yeroo sanatti hin qaban. Hojii humnaafi waanuma argame hojjetanii mana kireeffatanii magaaluma kana waggoota lamaaf jiraatan.

Jireenya Finfinnee kan maatii reefuu hojii dhaabbataa hin qabne kana dhiisii warra hojii qabuufuu hin naane waggaa lama caalaa dandamatanii turuu hin dandeenye.

Yoo fooyyeen argameef jecha Finfinnee dhiisanii bahanii naannoo Sabbataa, Alamganaatti galanii Finfinneef ollaa tahan.

Tolasaan gaaffiifi deebii BBC waliin taasiserratti akka dubbatetti, erga bultii ijaarratanii dafanii dhala godhachuu dhiisuuf kan murteessan sodaa ulfaatina jiruutiin kan ka’edha.

Erga gara Alamganaa galanii haati warraasaa mucaa jalqabaa ulfaa’uu gaafa baran ulfaatina jiruu dura isaanii dhufaa jiru baranillee dhala isaanii arguuf jiraachuun garuu maatii kanaaf gammachuu kan uume ture.

“Haadha warraa kiyya waliin teenyee mari’annee jireenyi ulfaatullee kana caalaa dhala osoo hin godhanne turuu hin qabnu jennee murteessine. Waaqni nu gargaarees mucaa jalqabaa ulfoofte. Garuu sababa ulfaatiin dhiibbaa dhiigaa dhufuun ulfi suni nuuf hin milkaa’in hafe” jedha.

Bara 2015 A.L.I haati warraasaa yeroo lammaffaaf kan ulfoofte taatee gammachuu addaa garuu gatiittiin dinagdee maatii kanaa waan qoru qabatee dhufe.

“Haati warraa kiyya yeroo altiraasawundiidhaan ilaalamtu lakkuu sadii akka garaa qabdu itti himame.

Isheen baayyee rifatte. Gaafa dhuftee anatti waan kana himtu baayyeen nahe. Garuu ishee rifachiisuu hin qabu jedheen jabaadheema of qabee ishee jajjabeessaa ture,” jedha

Gatiittiin keenya daa’ima tokkoyyuu hin danda’u …

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Tolasaas ta’ee haati warraasaa erga Alamganaatti galaniis hojii humnaa hojjetu malee lamaan isaanituu hojii ogummaa hin qaban.

Aadde Eebbiseen erga ulfooftee ji’a saddeetiifi walakkaa yeroo ta’u dhibeen dhiibbaa dhiiga ulfa jalqabaa jalaa gufachiise olka’aa dhufee jennaan yaalii baqaqsanii wallaanuutiin ijoolleen kunneen sadan akka dhalatan taasifame.

“Hospitaala Diimaa irraa gara Hospitaala Alertitti nu erganii achitti si’a tokkoon ijoollee dhiiraa sadii deesse. A L I gaafa Bitootessa 24, bara 2016 jechuudha. Ijoolleen sadanii fayyaa gaariirra jiru. Haati dhiibbaa dhiigaa sana yaalamaa waan turteef torbee tokko booda hospitaalaa baate,” jedha.

Akka Tolasaan jedhutti, haalli jireenyaa isaan lamaaniifuu jireenya itti fufsiisuun akka itti ulfaachaa ture kaasa.

“Nuti manuma haati daa’imaa keessa jiraachuu dandeessullee hin qabnu. Manuma xiqqoo tokko keessatti nyaatas bilcheesina ishuma keessas jiraanna. Manichi qorqoorroodha, qorra galcha.”

“Ijoollee argachuutti gammachuu guddaan qaba. Garuu gaafuma dhalatan sanayyuu aannan xaasaa tokko birrii 3,500 bite. Aannan kun ijoollee sadan kanaaf torbeeyyuu hin gahu. Maalin godha kan jedhu gaafasumaa sodaa guddaa keessan gale” jedha.

Amma erga dhalatanii reefuu torbee lama kan tahan lakkuuwwan sadan, yeroo kana, keessattuu aannan isaan barbaachisu namootuma isa beekantu gargaaranii bitaniif.

“Akkamittin guddisa kan jedhu dhiphina keessan jira. Amma nu lachuu hojiima humnaa hojjennu sanayyuu dhiisne. Fuulduratti maal taha kan jedhu sodaan guddaa natti dhagahama.”

Haala jireenya isaanii ilaaluuniifi daa’imman sadii si’a tokkoon dhalatan kana guddisuu akka hin dandeenye namootni yaadan daa’imman kana guddifachuuf akka gaafatanilleen hima Tolasaan.

Inni garuu lakkuuleesaa sadan reefuu ji’ayyuu hin guunne kana nama biraatti dabarsee kennuuf hayyamamoo akka hin taane dubbata.

“Waaqayyo erga ijoollee kana naaf kennee, haatis lubbuun naaf ooltee ijoollee kana guddisuu hanga humnakoo nan yaala. Yaalii booda maalin godha kan jedhu garuu naaf hin galle,” jedha Tolasaan.

Maatiin daa’ima tokko guddisaa jiruyyuu ‘Daayiperii binna, aannan binna, daa’ima guddisaa jirra’ jedhanii dubbatu kan jedhu Abbaan ijoollee lakkuu kun, ijoollee sadii takkaa guddisuunimmoo hangam akka ulfaatu tilmaamuun nama hin rakkisu jedha.

“Sadii jechuun haadhan alattillee nama lama barbaada qabuuf. Taa’een waan waaqayyo godhu ilaala jedheeman jira. Ani abbaa hin qabu. Haatikoos rakkattuudha. Nama duubaa nagargaarullee hin qabu”

Nama waan taaneef ilmoo godhachuuma qabna jennee dhala godhachuuf murteesine malee akka jireenya keenyaatti tokko guddisuufuu warra humna qabu hin turre jedha Abbaan kuni.

Haati warraafi abbaan warraa ofiifuu hojii humnaatiin of jiraachisaniifi mana kiraa keessatti jiruun itti ulfaate kun, amma si’a tokkoon ijoollee sadii godhachuun dhiphina hamaa keessa waan isaan galcheef namni humna qabu nu gargaaree ijoolleenkoo guddatanii arguun hawwa jedha Tolasaan.

Obbo Tolasaan Ijoolleesaa lakkuu sadii si’a tokkoon dhalatan kanaaf maqaa. Falmataa, Falmiifi Falmaa jechuun sadan isaaniif moggaase.

“Haalli isaan ittiin dhufan humnakoo gararraatti falmii guddaan tureera. Waaqayyo falmeera kan jedhuufan gara Falmii kanatti baay’ise” jechuun maqaa kanaa akka moggaasef dubbata.