Namtichi reeffa haadha warraa murmuree boorsaatti baate to'atame

Madda suuraa, DCI Kenya
Poolisiin Keeniyaa namticha reeffa haadha warraasaa murmuruudhaan boorsaa (korojoo) isaatti baatee imalaa ture to'annoo jala oolchuu beeksise.
Namni maqaansaa Joon Kiiyaamaa jedhame kun dargaggeessa umurii waggaa 29 yoo ta'u haatii warraasaa ammoo dubartii umuriin waggaa 19 akka turte dubbate.
Poolisiin biyyattii Naayiroobii bulchiinsa Hurumaatti osoo hojii eegumsaatiif socho'aa jiruu ture kan nama kana to'ate.
Pooisiin namtichi waan seeraan alaa ta'e akka baatee ture shakkuudhaan dhaabsisee boorsaa isaa wayita sakatta'utti ture reeffa namaa murmurame kan boorisicha keessatti arge.
Qorannoon yakka biyyattii ''dhimma baayyee naasisaa'' jechuun ture taatee kana kan ibse.
Keeniyaan biyya Afriikaa ajjeechaa fi miidhaa olaanaan dubartoota irratti raawwatamu keessaa tokkodha.
Poolisiin qorannoo nama kanarratti taasiseen reeffi boorsaa isaa keessatti argame kan haadha warraasaa Jooy Firiidaa Munaanii ta'u irra gahame.
Poolsiiin wayita qaama namaa murmurame boorsaa isaa keessa argeetti namtichi ''baayyee nahee akka hin turre'' ibseera.
Poolisoonni dhimmicha adda baasuudhaaf gara mana nama kanaa wayita deemaniitti halbee, uffata dhiigaan makamee fi qaama miidhamtuu dabalataa mana keessatti arguu beeksiseera.
To'annoon yakka Keenyaa gochaa ''suukanneessaa'' jechuun ibseera.
Shakkamaan kunis dhiheenyatti himannaa ajjeechaatiin mana murtiitti ni dhiyaata jedhameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keeniyaatti Adooleessa 2024 hanga Onkololeessaa qofatti dubartoota 97 irratti yakki ajjeechaa raawwachuu pooliin biyyalessaa biyyattii ibseera.
Baatii darbe keessatti ajjeechaa fi miidhaa dubartoota dhibbaan lakkaa'aman irratti raawwatamu mormuudhaan Naayiroobitti hiriirri gaggeeffamuunsaa ni yaadatama.
Poolisiin biyyattii garuu gaazii imimmaaneessaadhaan dubartoota bittinsee ture.
Kanaan duras atileetii Olompiikii kan turte Reebeekaa Cheepiteegee jaallallee isheetiin ajjeeffamu hordofee biyyattii keessatti dheekkamsi umamee ture.
Adooleessa keessa ammoo poolisiin nama duubartoota hordofee ajjeesu tokko to'annoo jala oolchuu beeksisuun isaa ni yaadatama.
Namni Kooliins Jumaasii Kaaluushaa jedhamuun ibsame kunis dubartoota sagal ajjeechuun reeffasaanii murmuree jedhamee ture.
Haata'u malee booda keessa mana sirreessaatii miliquun badeeraa jedhamuun ammalleen deebisee hin to'atamne.
Akkasumas dubartiin Riittaa Weeyinii jedhamtu ajjeefamuun reeffishee murmuramee argamuun ni yaadatama.












