WHO'n kan Tiraamp deeggarsa irraa dhaabuuf doorsise maal hojjata?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp adeemsa Ameerikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa baasuu jalqabuuf ajaja hojii raawwachiiftuu mallatteessaniiru.
Tiraamp yeroo lammataaf Ameerikaa jaarmiyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma fayyaa fi nageenya namoota addunyaa hordofu fi dhukkuboota ittisuurratti hojjetu keessa baasuuf kan yaadan.
Yeroo rakkoon fayyaa addunyaarratti mudatu biyyoonni, ogeeyyiin fayyaa fi namoonni qajeelfamaa fi deeggarsa argachuu barbaaadu.
WHO'n ergamni isaa tajaajila fayyaa fooyya'aa hundaaf kennuudha, akkasumas "nama hundaaf, bakka hundatti jireenya nageenya qabuu fi fayyaa ta'e argachuuf carraa walqixa" akka argatu hojjechuudha jedha.
Dhaabbanni idil- addunyaa kun bara 1948 kan hundeeffame yoo ta'u, teessoo isaa biyya Siwiizarlaand.
Bara 2017 irraa eegalee dippilomaatii fi ministirri fayyaa duraanii Itoophiyaa Teediroos Adihaanoomiitu hooggana.
WHO'n US dabalatee biyyoota 194 miseensummaan kan qabu yoo ta'u, duula talaallii dabalatee sagantaa hedduurratti hirmaata, namoonni balaa fayyaa atattamaa akka dandamatan gargaaruu fi eegumsa fayyaa biyyootaa deeggarurratti hojjata.
WHO'n qajeelfama addunyaa waa'ee nageenya nyaataa, hojimaata yaalii qorichaa, fi gulantaa wal'aansaa fayyaaa kaa'uurrattis hirmaata.
Dhaabatichi fandii maallaqa biyyoota miseensotarraa, akkasumas arjoomaan argata. Baajanni dhaabbatichaa bara 2024-2025 Doolaara biiliyoona 6.83 ta'uun eerameera.
Amajjii darbe kana WHO'n lubbuu baraarsaaf deeggarsa doolaara biiliyoona 1.5 gaafate.
Dhaabbatichi ibsa baaseen, "waldhabbii, jijjiiramni qilleensaa baramaa, weerarri dhibee, fi buqqaaatiin namootaa walitti ida'amee rakkoo fayyaa addunyaa hamaa uumuuf jira,"jedhe.
"Bara 2025tti namoonni miiliyoona 305 gargaarsa namoomaa atattamaa barbaadu" jedhe jaarmiyaan kun.
Balaa tasaaf deebii kennamu

Madda suuraa, Getty Images
WHO'n mootummoota biyyoota waliin wantoota balaawwan fayyaa atattamaa hordofsiisan kanneen akka balaa uumamaa, rakkoo namoomaa fi weerara dhibee ittisuurratti hojjeta.
Yeroo baay'ee namoota waraanaa keessa jiran gargaaruu dabalata, fakkeenyaaf Gaazaa keessatti namoota gargaarsa barbaadaniif dhiyeessu dabalata.
Biyyoota guddachaa jiran keessatti karaan WHO'n fayyaa namootaa fooyyessuuf hojjetu tokko namoonni biyyasaanii keessatti narsootaa fi hojjettoota eegumsa fayyaa akka ta'an leenjisuudha.
Akkasumas waa'ee dhukkuboota jajjaboo ilaallatu odeeffannoo fi sanada imaammataratti dhiibbaa uumuu danda'an maxxansa.
Sagantaa talaalli
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
WHO'n dhukkuboota daddarboo hordofuu, ittisuu, adda baasuu, yaaluu fi kunuunsa, akkasuma dhibeewwan hin darbine fi fayyaa sammuurratti hojjeta.
Dhaabbatichi duula fayyaa addunyaa hedduu hoogganuudhaan dhukkuboota balleessuurratti hojjeta. Fakkeenyaaf, bara 1974tti WHO'n Sagantaa talaallli (EPI) jalqabe.
Jalqaba sagantaan kun daa'imman addunyaa guutuutti argaman dhukkuboota : tetanasii, pooliyoo, gifira, dhibee sombaa(TB) fa'aa ittisuuf kaayyeeffate.
Dhukkuba maariyyee jaldeessaa dhabamsiisuunis bu'aa guddaa WHO'n galmeesse keessatti eerama.
Dhukkubni maariyyee dhukkuba hamaa yoo ta'u, osoo hin badiin dura namoota miliyoonaan lakkaa'aman ajjeese.
WHO'n bara 1967tti dhukkuba maariyyee dhabamsiisuuf tattaaffii cimaa kan jalqabe yoo ta'u, kunis waggoota hedduuf sagantaa talaallii fi hordoffii addunyaa guutuutti gaggeessaa ture.
WHO'n waggoota kudhanii ol booda bara 1980tti dhukkubni maariyyee baduu labse.
Dhukkuba daddarbaa adda ta'en bade tokkicha yoo ta'u, kunis "seenaa keessatti milkaa'ina fayyaa hawaasaa beekamaa fi gadi fagoo ta'e keessaa tokko" ta'ee jira jedha WHO.
Tattaaffii sadarkaa addunyaatti fudhatameen, biyyoota baay'ee keessatti pooliyoon badeera, haata'u malee ammallee Paakistaan fi Afgaanistaan keessaa hin badne.
Garuu jalqabbii kanaan dura dhukkuba busaa dhabamsiisuuf bara 1955 eegalame bara 1969tti kan hafe yoo ta'u, gara fuulduratti hedduu hin tarkaafanne.
Bara 2015 irraa eegalee biyyoonni 12 dhukkuba busaarraa bilisa ta'uu isaanii WHO'n mirkanesseera.
Galmi ijoon WHO yoo xiqqaate biyyoota 30 keessatti bara 2030tti dhukkuba busaa dhabamsiisudha.
Bara 2021tti talaalliin busaa jalqabaa daa'imman irraa dhukkuba busaa ittisuuf WHO'n gorfame.
Hanga bara 2025tti talaallii busaa yeroo jalqabaaf ta'e doozii miliyoona 18 biyyoota Afrikaa 12f kennuuf sagantaa talaallii bara 2023 eegale.
Qeeqa dhaabbaticharratti dhiyaatu
WHO'n bara 2014 weerara Iboolaa Lixa Afrikaatti mudateef deebii kenneen kan qeeqame yoo ta'u, dhimmicharratti qunnamtii sirrii dhabuu fi hojjettoonni gahumsa dhabuun, weerara vaayirasii sanaaf deebii saffisaan otoo hin kenniin hafuun komatamu
Deeggartoonni dhaabbatichaa qeeqni yeroo sanatti ka'aa ture muraasni haqa kan hin qabnee fi waanti eegame galmaan gahuuf rakkisaa ture jedhu.
WHO'n ragaa fi xiinxala dhiyeessuu danda'a, garuu tarkaanfii walabaa fudhachuuf aangoo hin qabu. Biyyi miseensa ta'e tokko gargaarsa erga gaafattee booda qofa hojjechuu danda'a.
WHOn weerara Covid irratti akkaata deebii kennerrattis qeeqa guddaatu irratti dhiyaate.
Bara 2020 Pirezedantiin Yunaayitid Isteet Doonaald Tiraamp biyya isaanii dhaabbaticha keessaa akka baasan beeksisanii turan.
Tiraamp dhaabbatichi tamsa'ina Covid-19 dhaabuuf hojii gahaa hin hojjenne jechuun, weerara vaayrasii koroonaa booda to'annoo Chaayinaa jala jira jechuun himatan.
US biyya dhaabbatichaaf maallaqa guddoo arjoomtu ijoodha. Kanaaf tarkaanfii Ameerikaa kun dhaabbaticha miidha.












