Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan doonii waraanaa US itti qajeele ''quba qaataarra keessee'' eegaa jirti
Iraan haleellaa nurratti raawwatu kamuu ''akka duulli waraanaa ifatti nutti baname'' ilaalla jedhan qondaalli olaanaa biyyattii.
Dubbiin isaanii kuni yeroo Ameerikaan dooniiwwan waraanaa ishee gara Giddugala Bahaa erga erguu dubbatte booda dhagahame.
''Sochiin waraanaa kuni, waraana ifatti eegaluuf akka hin taane abdanna, waraanni keenya garuu waan hamaan yoo dhufees qophaa'eera.
''Sababa kanaafi hunduu qophii olaanaarra jira,'' jedhan qondaalli olaanaa Iraan maqaa dhokfachuun Rooyitarsitti dubbatan.
Qondaalli Iraan yeroo kanatti haleellaa kamuu akka duula waraanaa guutuutti akka ilaalaniifi 'haleellaa cimaan deebii' akka kennan dubbatan.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gaafa Kamisaa "humni waraanaa guddaan" gara Iraanitti socho'aa jiraachuu dubbataniiru.
"Humni guddaan gara Iraanitti socho'aa jira. Wanti tokkollee akka ta'u hin barbaadu. Baay'ee itti dhiyeenyaan hordofaa jirra.
''Humni guddaan baay'inaan achitti socho'e itti fayyadamuu dhiisuus malla. Mee ni ilaalla," jedhan Tiraamp.
Pirezidantiin Ameerikaa kun waa'ee doonii waraanaa guddaa gara Galoo Galaana Pershiyaatti imalan kana yoo dubbatan, humna kana bobbaasuun kun ofirraa ittisuuf kan yaadame ta'uu dubbatan.
Qondaalli Iraan kanaaf deebii yeroo kennan akkana jedhan; ''Ameerikaanonni birmadummaafi tokkummaa daangaa Iraan yoo sarban, deebii kennina.''
Haa ta'u malee, deebiin Iraan maal akka ta'e hin ibsine.
''Biyyi doorsisa Yunaayitid Isteet jala jirtu ofirraa dhowwuu malee fala biraa hin qabdu,'' jechuunis dubbatan qondaalli Iraan kuni.
''Quba qaataarra keenyeerra''
Humni Warraaqsaa Iraan kan mormii ummataa qabbaneesse ''yeroo kamuu caalaa qophiidha, qubni qaataarra jira,'' jechuun komaandarri isaanii dubbachuu Amerikaatti michuun BBC, CBS gabaaseera.
CBS miidiyaaa Iraan eeruun akka gabaasetti Jeneraal Mohaammad Paakpur Ameerikaafi Israa'el akeekkachiisaniiru.
Humni Warraaqsaa Iraan ajaja ajajaa waraanaa raawwachuuf ''qubni qaataarra'' akka jiru dubbatan.
Yeroo Ameerikaa fi Iraan gidduutti muddamni cimaa jiru kanatti daandiiwwan qilleensaa bebbeekamoo balaliiwwan Sambataa gara biyyoota Baha Giddu-galeessaatti taasisan haqaniiru.
Daandiiwwan qilleesnaa Faransaay Ayir Firaans, kan Jarman Luftaanzaa, kan Kanaadaa Ayir Kanaadaa, akkasumas kan Neezerlaandis KLM hanga Dilbataatti gara ISraa'el, Sa'ud Rabiyaa fi Yunaayitid Rab Emirteetisitti akka hin balaliine beeksisaniiru.
Balaliiwwan kunneen kan haqaman yeroo miidiyaaleen muddamni Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru kara waraanaatti ce'uu danda'a jechaa jiranitttidha.
Buufanni TV Israa'el I24 jedhamu "Odeeffannoo buufataleen xiyyaaraa keessa jiran" bu'uura godhachuun akka gabaasetti, Daandiin Qilleensaa Rooyaal Daach warra Neezerlaandis, akkasumas kan Siwiizerlaand Siwiiz Ayir haaluma wal fakkaatuun balalii isaanii haqaniiru.
Humni Ittisaa Israa'el Jimaata galgala ergaa fuula X isaarratti baaseen, balaliiwwan ilaalchisee ajaja nageenyaa biyyatiirraa wanti jijjiirameeruufi ajajni darbeeru hin jiru jedheera.
Dubbi-himaan Sivil Aveeshinii Iraan "Daangaan qilleensaa IRaan hin cufamne; toorri balaliis balaliirraa bilisa akka ta'u hin taasifamne," jechuun odeeffannoo interneetiirratti mul'ataa jiru soba jedheera.
Daandiin Qilleensaa Jarmanii, Luftaanzaan hanga Guraandhala jalqabaatti, akkasumas qaama Luftaanzaa kan ta'e Daandiin Qilleensaa Ostiriyaa hanga walakkeessa Guraandhalaatti balaliiwwan gara Iraanitti akka hin taasifne guyyoota muraasa dura beeksisaniiru.
Ayaatoolaan dhokatanii?
Hogganaan olaanaan Iraan dhihoo as bahuun mormii Iraan keessa adeemaa turen mormitoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuu himanii turan.
Lubbuu badeefis Ameerikaa himatan.
"Kanneen Israa'elii fi Ameerikaa waliin hidhata qaban badii guddaa fi ajjeechaa kumaatamootaaf sababa ta'aniiru" jedhan Ayaatolaan haasawa miidiyaa mootummaa Iraanirratti haasawa godhaniin.
"Pirezidaantii Ameerikaa akka yakkamaa qaama badii kanaa, mancaatii fi maqa-balleessaa nama biyya Iraan gooluutti fudhanna."
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Traamp hiriirtotaan "mormii keessan itti fufaa" jechuun yoo ajjeechaan humnoota nageenyaa kan itti fufu taate Ameerikaan humna waraanaan akka jidduu seentu dhaadatanii turan.
Eegasii Tiraamp doonii waraanaa gara Giddugala Bahaatti erguu himaniiru.
Kana keessatti Ameerikaan haleellaa raawwatti sodaa jedhuun hoogganaan olaanaa biyyattii Ayaatolaa Kaamenii lafa jala dhokfamuu gabaasonni dubbataniiru.
Miidiyaan mormituu Iraan, Iran International, jedhamu aakka gabaasetti ilmi sadaffaa Ayaatolaa, Masuud Kaamenii, hojii isaanii hojjetaa jira jechuun gabaasuu miidiyaan Israa'el Jerusaleem Post gabaaseera.
Bakki dhokatan jedhame kunis magaalaa guddoo biyyattii Teehiraan keessadha.
BBC'n odeeffannoo kana addatti hin mirrkaneessine.
Kana dura garuu yeroo Ameerikaan Iraan haleelte hogganaan olaanaa Iraan ija ummatarraa badanii turanii mul'atan.
Iraan keessatti mormiin qaalayiinsa jireenyaan walqabatee Mudde 28 eegalame torban muraasa darbaniif adeemaa ture.
Mormiin kunis boodarra gara mormii bulchiinsi Iraan haa bu'uutti ol guddate. Mootummaan Iraan hiriiricha kan diinotni Iraan kan deggaraman jedheen.
Guyyoota darban keessa hiriirri mormii sun sasalphatullee, tarkaanfiin humnooti nageenyaa Iraan mormitoota irratti fudhatan ammallee yaaddoo idil-addunyaa akka ta'etti jira.
Pirezidant Tiraamp Iraan mormitootas ta'ee sababa mormii kanaan kan to'ataman akka hin ajjeeffamne dhorkuuf dhuunfaan gidduu seenuu isaanii ibsuun, Tehraan doorsisa kana hordofuun ajjeessuu dhiistetti jedhan.
''Namoota to'ataman sana yoo fannifte, haala rukutamtee hin beekne caalaa rukkutna jedheen ture,'' jedhan Tiraamp.
Traamp Iraan ajjeechaa namoota 840 karoorfatte haqxetti jedhan, tarkaanfii kana "tarkaanfii gaarii" jechuun ibsan.
Haata'u malee, ragaa qabatamaan walabaa lakkoofsa kanaa mirkaneessuu hin argamne.
Hiriira mormiif kan bahan keessaa dhibbaan kan lakkaa'aman ajjefamuu gabaafamee ture.
Kaayyoon doonii waraanaa US maali?
Qondaaltonni Ameerikaa maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan akka Rooyitersitti himanitti, dooniin xiyyaara fe'umsaa US Abraham Linkoon dooniiwwan misaa'ela qajeelfama qaban hedduu waliin ta'uun guyyoota dhufan keessatti Baha Giddugaleessaa ni ga'a jedhamee eegama jedhan.
Qondaalli tokko akka jedhanitti, Pentaagoon sirna ittisa qilleensaa dabalataa naannichatti bobbaasuun loltoota Ameerikaa fi dhaabbilee Iraan haleelllaa irratti raawwachuu maltu irraa eeguuf kan gargaaru ta'uu himan.
Kunis yeroo Ameerikaan Iraan waliin waldhabde keessa galuu dandeessuu sodaatamaa jiruu fi Tiraamp haleellaa waraanaa raawwachuuf doorsisaa turanitti.
Tiraamp sababa mormii Iraan keessatti gaggeeffamaa turaan, akkasumas dhaabbilee niwukilaraa Iraan baatii Waxabajjii keessa Ameerikaan haleelte deebi'ee akka hojii hin eeggalle ykn Iraan gabbisa nikularaa itti hin fufneef tarkaanfii dabalataa fudhachuu barbaaddi.
Iraan gama isheen, Ameerikaan halellaa irratti raawwannaan buufataalee Ameerikaa guutuu Baha Giddu Galeessaa keessatti argaman akka barbadeessitu dhaadatteetti.
Doonii waraanaa kun torban darbe naannoo Eeshiyaa-Paasifiikitti bobbafamuu kan jalqabe ta'uu, qondaaltonni himaniiru.
Tiraamp hokkora Iraan keessatti rakkoo dinagdee fi siyaasaa biyyattii keessatti muudateen mormitoota akka hin ajjeesne irra deddeebiin akeekkachiisa turan.
Ameerikaan baatii Waxabajjii keessa iddoowwan niwukilaraa Iraan ijoo ta'an irratti haleellaa kan raawwaatte yoo ta'u, waggoota darban keessatti waldhabdee waraanaa kallattiin biyyoota lamaan gidduutti uumame keessaa isa tokkodha.
Yeroo muddamni cimetti waraanni US humna dabalataa Giddugala Bahaatti erga, gara caalu ofirraa ittisuufi.
Haa ta'u malee, waggaa darbe Iraan osoo hin haleeeliin dura bakka tokkotti of ijaaree ture.
Traamp Kamisa darbe irra deebiin akka dubbatanitti, yoo Iraan sochii niwukilaraa haleellaawwan sanaan dhaabbate deebiftee jalqabde Waashingitan ammas tarkaanfii fudhachuurraa duubatti akka hin jenne dubbatan.
''Yoo irra deebi'anii hojjechuuf yaalan yookan iddoo birrattis jalqaban achittis akkuma salphaatti rukunnaa,'' jedhan Tiraamp.