Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qophii raadiyoo, tiyaatira, muuziqaa, faarfataa - Bu'aa bayii jireenyaa Daagim Mokonnin
Daagim Mokonnin Itichaa muuziqaa ''wareegama guddaa itti kaffale'' dhiisee gara amantiitti goree jira. Garuu hojii aartii ammallee karaa Faarfannaa ittuma jira.
Daagim umrii qeerrummaatti hojii aartii eegale. Maqaa muuziqaan ka'ullee isaan qabsoo aadaa, afaan, seenaa fi eenyummaa uummata Oromoo guddisuu fi eeguutti akka turan hima.
Finfinneetti rakkoon isa mudate hedduu, garuu irra caalaa kan isa miidhe Afaan Amaaraa wallaaluudha.
Ijoollummaatti Finfinnee kan seene Daagim, mana barumsaarraa eegalee rakkoon sababa afaan wallaaluu isarra ga'e akka Afaansaa [Afaan Oromoo] guddisuurratti aarsaa kaffaluuf bu'uura ta'uufii hime.
Hojii aartii kan eegale bara mootummaa dargii yoo ta'u innis qophii raadiyoo fi tiyaatira hojjechuu irraati.
Ergasiis muuxannoo gabbifachuun gara muuziqaa hojjechuutti seene. Baandii keessatti aartistoota kaan faana ta'uun tokkummaan waan hojjetaniif milkaa'an- ''humna hin qabnu ture,'' jedhe.
Bu'aa bayii jireenyaa fi siyaasaa keessatti walleewwan shantama ta'an hojjeteera, amma addunyaa sirbaa keessaa ba'eera.
Daagim Mokonnin yeroo ammaa bakka jiru US, Minisootaa, irraa bu'aa bayii keessa darbee fi waan amma keessa jiru BBCtti himeera.
Daagim-Kiilolee
Kiiloleen sagalee uumamaan bareedaa ta'e, kan gurra namaaf soora ta'u, kan qalbii namaa mo'atu jechuudha.
Yeroo baayyee Daagim Mokonnin maqaa kana waliin ka'a. Kiiloleen maqaa masoo Daagim maaliif ta'e? Kanarratti waan jedhu qaba.
''Qooqi ittiin weellisan yoo bareedaa ta'ee nama hawwatu kiilolee jedhama. Kiyya qofa osoo hin taane kan nama kamiiyyuu.''
Dur yeroo teeknooloojiin industirii muuziqaa akka ammaa hin guddatin wallee tokko bareechuu keessatti sagaleen weellisaan sun baasu akkaan murteessaadha.
Amma guddina teeknooloojii faana akkaataan wallees jijjiirameera. Sagaleen bu'uuraa jiraannaan tumsa teeknooloojiin qaramee bareedee nama hawwachuu danda'a.
Daagim weellistoota sagalee kiiloleen [sagalee uumamaan bareede] sirbaa turan keessaati.
'Agadaa birraa' jedhee eegalee hanga walleewwan shantama hojjetutti sagalee kiilolee isaan miira namaa kakaasaa ture. Kanaafis maqaan masoo 'kiilolee' jedhu kun irraa adda hin ba'u ture.
Walleesaa jalqabaa- Agadaa birraa, nama baayyeetu dhandhame, dargaggoo hedduutu soorate. Kan ittiin jaalala seenes hin dhibu. Birraa.. sanuu agadaan Oromoo biratti iddoonsaanii guddaadha jedha.
Walleen kun sirba jaalalaa akkaan nama hawwatudha, abbaan wallee kanaa Daagim maaliif kanaan jalqabe?
''Agadaa Birraa kan jedhu wallee koo jalqabaati. Agadaan yeroo kaanis inuma jira, garuu inni birraa kun mi'aansaa adda. Erga ganni bacaqiin darbee lafti gogee booda kan ga'udha,'' jechuun mi'aa walleetiin jaalala akka agadaa birraa mi'aawu mul'isuun akka danda'amu hojjechuu dubbate.
Daagim walleewwan qabiyyee aadaa godinaalee Oromiyaa garaagaraa hammatan hojjeteera.
Keessaahuu ammoo kan Booranaa fi Iluu Abbaa Boor baayyee dinqisiifatamu.
''Yeroo sanatti walloo dabalatee bakka sabni koo jiru hunda waliin ga'eera. Isan beeku ofiin hojjedha, bakkan hin beekne nan gaafadha. Kaan waliin hojjenna. Aadaa fi seenaadhaan tujaara waan taaneef nuti ammoo kana wal barsiisuuf hojjenna.''
Daagim ijoollummaasaa wallee baayyee jaallata, ni weellisas, garuu akka weellisaa ta'u yaadee hin beeku jedha.
''Wayita an ijoollee abbaan keenya raadiyoo bite. Raadiyoorraa wallee kana itti dhihaadheen, mirqaaneen dhaggeeffadha.''
Daagim walleewwan weellistoota akka Zarihuun Wadaajoo fi Ilfinash Qannoofaa dhaggeeffataa akka ture dubbateera.
''Walleewwan kunneen naaf qabamu. Booda ammoo baadiyyaatti kiraara hojjetannee taphachuu jalqabne. Anaa qofa miti, garuu an ittuman fufe. Achii booda gitaara moofaan argadhe. Gitaaras ofumaanin of barsiise, namnin irraa baradhu hin turre waan ta'eef.''
Haala kanaan shaakalaa erga turee booda wallee barreessuutti akka seenee fi walleesaa jalqabaa- Agadaa Birraa hojjechuun hojii muuziqaa akka eegale hime.
''Wallee Agadaa Birraa jedhu walaloo fi yeedaloo ofumaan qopheesse. Mana muuziqaa 'Sinqinash' jedhamutu birrii kuma sadiin na hojjechiise. Wallee 'Isheen eenyu isheen' jedhurraa kan hafe sirboota kaan yeedaloo fi walaloo anumatu hojjete.''
Walleewwan artistoota kaan waliin hojjete dabalatee waliigalatti waleewwan 50 ta'an sirbuu BBC'tti himeera.
Qeerroo jalqabaa- Qeerroo bara Daagim
Yeroo sana qeerroo jalqabaa turre kan jedhu Daagim, ''umriin osoo hin taane, yeros kan ga'ee socho'aa ture numa waan turreef. Nuti kan waliin turre umuriidhaanis wal fakkaanna,'' jedhe.
''Keessattuu warri akka koo bara 1991 as baba'an qeerroo jalqabaati.''
Artistoonni bara sana turan Daagim dabalatee walleesaanii qofa hin taane haallii fi amalli, dhaabbiin, uffannaa (style) isaaniis nama hawwata.
Kilippiiwwan hojjetaman irraa wayita ilaallu bara sanatti waan 'faashinii' hordofan fakkaatu. Kun hawwatummaa wallee Afaan Oromootiifis gumaacheera.
Keessattuu Daagim mataatti shaashii hidhatee, huccuu guutuu (suufii) uffatee kilippii waalleewwan isaa irratti mul'achuun beekama.
Daagim waa'ee shaashii hidhachuu fi uffannaa isaa (style) kaanii irratti akkas jedha.
''Istaayiliin alaa dhufe (alaa finne) hin jiru. Shaashii hidhachuun jaalladha. Shaashiimmoo Oromoon ni hidhata. Yoo Tuulama kana baadiyyaa keessa deemtee ilaalte namuu ni hidhata.''
Akka artistoota biyyoota guddatanii waan addaa an ittiin of bareechu hin turre kan jedhu Daagim, ''garuu nama tokko tokko uumamumaan waan irraa bareedutu jira,'' jedha.
'' Waanuma aartiin kun barbaadu guutuuf waanan godhe malee an yeroo sanatti waan adda na godhu hin qabu. Qabeenya ittiin uffata addaa bitee uffadhus hin qabu.
Nama garii uffatatu irraa bareeda, kaan ammoo walleetu irraa bareeda. Kan biraa haasaatu irraa bareeda. Kanuma ta'a malee qabeenyaas, humna addaas hin qabun ture.''
''Sochiin ture muuziqaadhaan oli''
Daagim Mokonnin Finfinnee keessatti yeroo Afaan Oromoo dubbachuun qaanii qofa osoo hin taane ''akka yakkaatti ilaalamu'' hiriyoota isaa ykn waahillan isaa waliin afaan kana qaanii malee dubbachaa akka turan hime.
''Yeroo sana muuziqaan yeroo hojjetamu maallaqa caalaa kan ilaalamu waa'ee guddina Afaan Oromoo fi Oromoon afaansaan akka boonu gumaachuuti,'' jedha Daagim.
Dhiibbaan Afaan Oromoorra ture akkaan ulfaataa ture, garuu tokkummaan, jaalalli fi dantaa ofii dursuu dhabuun akka ijibbaatanii guddina afaan kanaaf [Afaan Oromoo] gumaachaniif bu'uura ta'uu dubbate.
Hundaa ol ammoo naamusi fi kutannoon waadaa uummataaf galan guutuuf qaban milkaa'ina isaaniif lafee dugdaa akka ture ibsa.
''Yeroo sana Adda Bilisummaa Oromootu nu qara. Qajeeltoo fi seera ittiin bulmaataatu jira. Akka fedhan ta'uun hin jiru. Wayita baandii guutuun imalu bakka fedhan buluun, waan fedhan raawwachuun, amala adda addaa calaqqisiisuun hin jiru. Qeeqatu jira waan ta'eef. ''
Seenaa waan barannuuf waa'ee Oromoo gadi fageenyaan hubanna kan jedhu Daagim ''kun ammoo ulfina guddaa akka Oromoof qabaannu taasise. Uummata bakka buuneef [Oromoo] jecha waan ofii feene qofa raawwachuurraa of qusanna. Amalaa fi suusii adda addaarraa of adabna,'' jedha.
''Naamusaa fi kabaja waltajjii [bakka hojii irratti hojjetan] fi hojiitu ture. Kana sarbuun ammoo seera cabsuudha.''
Har'as muuziqaan Oromoo guddataa jira, artistoonni duubaan dhufan karaa aartii afaan, seenaa fi eenyummaa sabichaa guddisuurratti argamu.
Kana dhugaa kan bahu Daagim ''garuu gurmuun yeroo sana ture hundi waan faffaca'eef haalli har'aa akka yeroo sanaa miti,'' jedha.
Bu'aa bayii Finfinnee
Daagim Mokonnin Lixa Wallaggaa handaara magaalaa Gimbiitti dhalate, garuu ijoollummaatti gara Finfinnee imale.
''Wayita an ijoollee Finfinnee obboleessa abbaa kootii bira na geessan.''
Barnootasaa kutaa afraffaa irraa Finfinneetti itti fufuu kan himu Daagim, garuu Afaan Amaaraa wallaaluun akka isa qore hime, kun Finfinnee keessatti qormaatasaa jalqabaati.
''Afaan Amaaraa homaa hin beeku, Afaan Oromoo qofa. Yoon dubbadhus [Afaan Amaaraa] natti kolfu. Umrii sanatti rakkoo guddaatu na mudate,'' jedhe.
''Mana barumsaa sana keessaa nama Afaan koo [Afaan Oromoo] haasa'un dhabe. Warri beekanis hin haasa'an, itti qaana'u. Keessattuu waggaa jalqabaa baayyeen rakkadhe. Akkasis ta'ee garuu qabxiin koo bareedaa ture, Afaan Amaaraatti.''
Mana barumsaatti dandeettii kubbaa taphachuu akka qabuu fi barattoonnis dandeettiisaa akka jaallataa turan kan himu Daagim, garuu sababa rakkoo afaaniitiin dharraa taphaallee ba'aa akka hin turre ibse.
''Ijoolleerraa maqeen kophaa koo moggaa taa'a. Inni kun salphaa miti. Ijoollee taatee osoo taphachuu barbaadduu afaan dhadhabuu kee qofaan wayita qoollifatamtu. Baayyeen miidhame akka dhuunfaatti.''
Daagim Mokonnin umriisaa ijoollummaatti rakkoon akkasii isa mudachuun, akkuma umriinis dabalaa barnootaanis of fooyyessaa deemuun, miira lama keessa isa galche.
Miira abdii kutannaa fi hamilee cabuu isa tokko. Inni kaanii fi boodarra ittiin milkaa'e garuu seexaa, xiiqii, kutannoo Afaan Oromoo guddisuu fi Finfinnee keessatti akka dubbatamuuf ijibbaachuudha.
Kun ammoo karaa aartii fi qabsoo milkaa'a. Daagim fi hiriyoonni isaa kana keessa turan.
Finfinnee keessatti Daagim muuziqaa qofa hojjechaa hin turre. Qophii raadiyoo fi tiyaatira Afaan Oromoon hojjetaa ture.
''Afaan keenya guddisuuf waan dandeenyu hunda gochaa turre. Raadiyoo tokkorratti sagantaa raadiyoo irratti affeeramnee tola hojjetaa turre. Diraamaa gaggabaabaa qopheesinee dabarsina.''
Daagim haala yeroo sanaa amma yeroo yaadatu, Markaatoo irraa ka'uun miilaan gara Baambiis deemuun qophii raadiyoo kana hojjetaa akka ture hima.
''Achitti nama Afaan Oromoo dubbatu argina, ni gammadna. Wayita gaazexeessitoonni keenya laaqanaaf ba'anis isaanuma faana baana, laaqanas isaanumatu nuuf kenna.''
Hiriyaasaa Artist Jireenyaa Ayyaanaa, kan hanga yoonaa achi buuteensaa hin beekamne, waliin torbanitti guyyaa tokko [Dilbata] akkasiin diraamaa raadiyoo hojjetaa turuu kan himu Daagim, ''an diraamaa 'Heeruma Galgalee' jedhu, Jireenyaan ammoo 'Daboo' kan jedhu barreessuun dabarsaa turre,'' jedhe.
Kun hunduu afaan keenya akka hin benneef jenneti jedha Daagim Mokonnin.
''Yaadannoo guddaa ture. Mararfannaa guddaadhaan hojjenna turre. Afaan keenyaan yoo haasofnu baayyee waan nama salphisaniif isa kana cabsinee keessa ba'uuf fedhaa fi jaalala olaanaadhaan hojjenna.''
Yeroo sana Finfinnee keessatti Afaan Oromoo dubbachuun akka ammaa miti kan jedhu Daagim ''akka osoo hin sodaatinii fi qaana'in afaan keenya haasofnufaa mari'anna,'' jedhe.
Namoonni Afaan Oromoo beekanillee yeroo isaan afaan kanaan dubbatan hamilee isaan buusaa akka turanii fi Afaan Amaaraa qofa akka dubbataniif dirqamsiisuu yaalaa akka turan hima Daagim.
Inumaa ''dhiphoota'' jechuun akka isaan arrabsaa turan hima, kun ammoo hunda caalaa qormaata itti ta'us garuu akka harka hin kennine dubbate.
''Namoota utuu Afaan Oromoo beekanii garuu ittiin hin haasofnefaa Finfinnee keessa deemnee dubbisna. Nutigaa yeros ijoolledhaa…yeroo darbee darbee namni Afaan Oromoo haasa'u ni gammadna.''
Muuziqaa hojjechuunis qormaata guddaa akka ture hima Daagim.
''Sirba hojjechuun baayyee ulfaataa ture. Istuudiyoo seenuurraa eegalee rakkootu jira. Namumti afaan keenya dubbatuyyuu hin jiru. Namni nu hubatu hin jiru. Dhimmi Oromoo akkanaan guddatee aartii keessa gala jedhees namni hin eegne.''
Haata'u malee yeroo akka gaariitti muuziqaan hojjetamus ture jechuun cichoomina yeroo sana ture ibsa Daagim.
''Yeroo sana kaaseeta baasuu jedhama. Rakkoon jiraatus akka gaariitti hojjetamaa ture. Meeshaa aadaa-dibbee, kiraaraa fi kaan irratti baayyee hojjetama.''
Artistoota Adda Bilisummaa Oromoo cinaa hiriiruun hojii aartii hojjechaa turan keessaa kan ta'e Daagim, sababa kanattis gama tokkoon milkaa'ina gama biraan ammoo dararamuu hima.
Bara hoogganoonni fi miseensonni dhaabichaa Gullalleetti walga'an yeroo jalqabaaf ''Oromoon kutaa hundarraa walga'uu,'' kan himu Daagim, kunis sochii dhuunfaa dhuunfaan taasifamaa ture mataa walitti qabuun itichuu hime.
''Bara 1991 aduu guddaa tokkotu bahe. Namoonni akka kootii kan dursinee qabsoo jalqabne hiree bareedaa arganne. Anii fi ati har'a akkasiin teenyee haasa'uun bu'aa qabsoo warra nu duraati.''
Daagim waan keessa darberraa ka'uun qabsaa'ota isa duraaf kabajaa fi beekamtii guddaa kenna.
Ofiisaatii Afaan Oromootiin weellisuun ''qawwee dhukaasuu faana walqixa akka turen hubadha,''jedhe.
''Na dhabanii obboleessa koo ajjeesan, aniyyuu har'a ga'uun koo na ajaayiba''
Artistoonni Oromoo Finfinnee fi kutaalee biyyattii garagaraa keessatti humnoota mootummaan ajjeefaman danuudha.
Daagimis xiyyeeffannaa ''Wayyaanee'' jala akka ture dubbate.
Artsitoota waliin turan kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Usmaayyoo Muusaa, Yooseef Gammachuu, Jireenyaa Ayyaanaa biraa ajjeefamuu ibsa.
''Obboleessa koommoo ajjeesan. Inni ajjeefamee an utuun hin dhagahin yeroo dheeraan ture. Awwaalcha isaarratti ni dhufa jedhanii na ajjeesuuf na eegaa turan. Abbaa kootu na oolche. Isatu akka natti hin himamne godhe.''
Daagim wayita du'a obboleessa isaa dhagahu soorata dhihaateef dhiisee qalamaa fi waraqaa fudhatee walaloo kana barreesse:
Ka'eetan adeemaa biyya warra du'aa
Haadhookoon dubbisaa ifaa akka ji'aa
Mismaarri haa buqqa'u, awwaalli diigamee
Haadhookoon dubbisa yaadnisaa naaf gamee
Yaa obboleessa koo yaa jaallataa lammii
Du'a kee hin dhageenye naaf hin himne namni jechuun akka boo'e hime.
Wallee kanas albama isaa ja'affaarratti hojjete.
Daagim artistoota jalqaba Baandii Gadaa Hundeessan keessaa yoo ta'u, sababa namni baandii kana keessatti baayyateef wayita Baandiin Bilisummaa hundaa'u achi seenee hojjechaa ture.
Jireenya baqaa…
Dhaabi Adda Bilisummaa Oromoo Finfinnee seenu faana gurmuu tokko jalatti walitti qabamuu kan himu Daagim Mokonnin, erga dhaabi Finfinneedhaa baafamee hunduu ni bittinnaa'e jedhe.
Baandiinis diddigamuu fi artistoonnis humnoota mootummaan (Wayyaanee) adamsafamuun hidhamuu fi ajjeefamuu eegaluu dubbata.
Sababa kanatti kan lubbuun hafe lubbuusaa baraaruuf jiruu baqaa filachuuf dirqame, innis warra akkasii keessa ture.
''Yeroo sana Eebbisaa Addunyaa ajjeesanii reenfsa isaa lafarra harkisan. Du'i Eebbisaa rifaatuu guddaa uume. Yeroo kana namni carraa DV argate tokko artistoonni kunneen hamma dhuman tokkoof carraa kennee garaa alaa nan baasa jedhe. Hireen sun ana ga'e.''
Artistoota Oromoo jalqaba gara biyya alaatti baqatan keessaa kan ta'e Daagim, achittis [Ameerikaa] muuziqaa hojjechuu itti fufee ture, garuu haalli biyyaa hin taaneef.
Ameerikaatti hojii aartii caalaatti akka hojjetamuu danda'u yaadee akka dhufee fi qabatamaatti garuu faallaa kanaa arguu hime.
''Ergan ala ba'ee [Ameerikaa] walleewwan baaseera. Garuu biyyi kun bakka itti sirba hojjetanii jiraatan miti. Namni keenyas muraasa, sunuu hojiisaatti ko'oommata. Addunyaa garagaraa keessattin dhufe jechuudha.''
Ameerikaa fi Kanaadaa keessatti wayita taateewwan waggaatiif namoonni walga'an sirbaa akka tures hima.
Taateen aartii obboleessasaa itti dhabetti nagaa dhaamsise maali?
Daagim Mokonnin amma addunyaa sirbaa keessaa ba'uun gara amantiitti seeneera. Ammoo gumaachi inni taasise hin dagatamu, innis kanuma dhugaa baha.
''Waanan danda'een Oromoo bira dhaabbadheera. Waanan danda'us godheera. Waan hafu baayyeen jiraatus, garuu ani kophaa kiyya waanan godhu hin qabu.''
Daagim yeroo weerarri dhibee Koronaa mudatee ture onnee baqaffatee baayyee dhibamullee, akka artistii uummatasaaf aarsaa kaffaleetti qaamni iyyaafate akka hin jirre hime.
Waggoota lama sireerra ciisee dabarse keessatti maatii fi namoota muraasa itti dhihaatan irraa kan hafe namni quba qabu hin turre.
''Kanaafin gara Waaqa kootti deebi'e, Waaqi koos na gargaareera,'' jedhe.
Rakkoo fayyaa isa mudate kanaan boodas addunyaa sirbaa guutumatti dhiisuun gara amantaatti akka fuulleffate dubbata.
"Muuziqaa dhaabeera. Namni dirqama lammummaasaa bahee jedhee booda gara mataasaatti deebi'a. Anis gara lubbuu kiyyaa, gara Gooftaa Yesuus Kiristoosittin deebi'e. Yeroon dhukkubsachaa turettis isa qofatu na gargaare," jedha.
Daagim yeroo ammaa fayyasaa guutuutti deebi'ee hojii mataasaa hojjetataa jiraata.
Barnoota amantaas hordofaa jiraachuu kan hime Daagim, ''ammatti faarfannaa mata dureensaa 'Isa bira' jedhu hojjedheera. Ammas ittan jira,'' jedhe.
Amantiin waan aadaa fi afaan ofii guddisuu nama dhorku miti kan jedhu Daagim, ''amantiin kunis afaan keenyaan gaggeeffama waan ta'eef karaa kanas nan hojjedha jedheen abdadha,'' jedhe.