Boordiin Nagaa Tiraamp hundeesse UN ofiifuu daddaaqaamaa jirutti qormaata ta'uu malaa?

"Waliin taanee gidiraa baroota dheeraa xumuruuf, jibbaafi dhiiga dhangala'uu dhaloota hedduuf itti fufe dhaabsisuu, akkasumas nagaa barootaf itti fufuufi waaraa ta'e addunyaaf gumaachuu haala dandeenyurra jirra."

Dubbii kana Tiraampitu sirna hundeeffama Boordii Nagaa magaalaa Siwizarlaand Daavositti taasifamee irratti dubbaate.

Haasaa Tiraamp hawwiin guutame kana kenneen harka dhahanii simatan akkuma jiran, ija shakkiin kan ilaalan hedduudha. Kaayyoo Boordii Nagaa hundeesse kanaa yoo ibsu Tiraamp, "walitti bu'iinsafi rakkoowwan nagaa addunyaa furuufi nagaa busuuf kan kaayyeffateedha" jechuuni.

Dhaabbanni haaraan inni hundeesse kun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) diiguun bakka buusuf kan kaayyefateedha jedhanii yaaddoo kan qabanis danuudha.

"Eenyuu akka nu sobu hayyamuu hin qabnu," jedhan Ministiirri Muummee Poolaan Doonaald Taask.

Dhaabbanni haaraan Tiraamp hundeessefi ofuma isaatii gaggeessu Boordiin Nagaa maalidha? Aangoo akkamii qabaata? Dhaabbata UN fakkaatu kan biraa ta'innaa? Mee haa ilaallu.

Aangoon hoji gaggeessaa Boordichaa

Yaadi Boordii Nagaa jedhu bara darbe waraana Gaazatti xumura gochuuf jedhamee US dhiyeessite Mana Maree Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin deeggarsa argate amma Gaazaa bira darbee kaayyonsaa kan idiladdunyaa ta'ee dhiyaatera. Gaggeessan Boordichaa pirezidaantii USti.

Sanadi chaartarii Boordii Nagaa dhoksaan bahe akka agarsiisutti, Tiraamp hanga lubbuun jirutti walitti qabaa boordichaa ta'ee tajaajila jechuudha.

Chaartaricha keessatti akka ibsametti aangoon walitti qabaa Boordichaa [Doonaald Tiraamp] hedduudha: aangoo miseensa affeerufi miseensummaarraa biyyoota haquu, yoo walitti qabaa ta'ee itti fufuu dadhabe ykn hin barbaanne aangoo nama biraa bakka buusuu fa'aa.

Biyyi miseensa dhaabbataa Boordii Nagaa Tiraamp kanaa ta'uu barbaaddu kamuu dolaara biliyeena tokko kaffaluu qabdi.

Tiraamp bara kana waan baay'ee qabatee as bahe. Jalqaba ji'a Amajii Venezuweelaa weeraruun pirezidaantii biyyattee qabee mana murtii US dhaabe. Takka turuun Iraan irratti haleellaa waraanaa banuuf itti dhaadate. US Giriinlaand fudhachuun dirqama akka ta'ee ibsuunsaa biyyoota Awurooppaafi kaan rifaasise.

Sirna hundeeffama Boordii Nagaa Daavositti taasifame irratti biyyoota waamichi godhameef keessaa biyyoonni 19 argamaniiru. Biyyoonni heddus Boordii kanatti dabalamuuf karaarra jiraachuusaanitu ibsame.

Biyyoonni jajjaboon heddu ammoo osoo Tiraamp hin mufachiisin Boordicha ija shakkiin ilaaluun irraa hafaniiru.

Tiraamp gaggeessaa humnaan biyya walaba taate weeraru ta'ee osoo jiruu akkamiin dhaaba nagaaf hojjata jedhamu keessatti dabalama kan jedhu gaaffii biyyoota hedduuti. Gaaffii akkasii kanneen kaasan keessaa tokko UKdha.

Raashiyaanis biyyoota Boordichatti akka makamtuuf Tiraamp waamicha godheef yoo taatu, Mooskoon itti dabalamuuf karaa akka jirtu ibse Tiraamp. Raashiyaan garuu ifatti affeerraa Tiraamp fudhachuu beeksisuu baattus, "ittan mariyadha" jetteetti.

Biyyoonni akka Noorweey fi Siwiidiin fa'aa Boordii Nagaa Tiraamp ilaalchisee gaaffiin hin deebine heddu akka jiran ibsan.

Biyyoonni Arabaa jahaafi biyyoonni heddumminaan Musliima ta'an kanneen akka Turkiifi Indoneezhiyaa fa'aa Boordii Nagaatti dabalamuunsaanii "Gaazatti nagaan waaraan akka dhufuufi Gaazaa deebisanii ijaaruuf" akka ta'e ibsan.

Haa ta'u garuu, sanada Boordii Nagaa dhoksaan bahe keessatti waa'een Gaazaa tasumaa hin kaane.

Biyyoonni dhaaba Tiraamp hundeesse kanatti makamuu didan, rakkoon isaan mudachuu akka malu ni beeku.

"Wayiniifi shaampaayinii inni [nutti ergurra] taarifa %200 nan kaa'a," jechuun pirezidaantii Faransaayi Imaanu'eel Maakiroon akeekkachiise- taarifni meeshaa cimaa Tiraamp nama sodaachisuuf itti fayyadamuudha.

Isloovaaniyaan iffatti Boordiin Nagaa Tiraamp hundeesse sirna addunyaan ittiin bultu kan danqu ta'uu ibsite.

Tiraamp garuu yaaddoo kanaaf dursee deebii kenneera. "Boordiin kun guutummaan gaafa hundaa'ee xumurame waan hojjachuu barbaanne haala gaariin UN wajjin taanee hojjanna," jedhee dubbate.

Deebi'ee ammoo Fox TV waliin turtii taasiseen Boordiin Nagaa inni hundeesse UN bakka bu'aa? jedhamee yoo gaafatamu "Bakka bu'uu mala. UN baay'edhuma fayidaa kennaa hin jiru" jechuun deebise.

Dabaluunis, "Dandeettii UN qabu baay'een dinqisiifadha, garuu dandeettii qabu itti dhimma hin baane. Waranawwan ani dhaabsise hunda UN dhaabsisuu qaba ture" jechuun UN qeeqe.

Dhaabbanni miseensota 193 qabu, UN, ilkaan hin qabu erga jedhamuu eegalee bubbuleera.

Waggoota kurnan darbaniif tattaaffiin Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii taasisu atakaaroo Mana Maree dhaabbatichaa keessatti taasifamuun, akkasumas waraanawwan biyyoonni kaan harka keessa galfatanii addunyaarratti gaggeeffamaa jiruun, dhaabbatichi mataansaa biyyoota akka US humna cimaa qaban dura dhaabbachuu dadhabuun ija godhachuu hin dandeenye.

Dippilomaatii UN beekamaan Maartiin Giriifin "tattaaffii Tiraamp waraana dhaabuuf taasisaa jiru hundi keenyaa simachuu qabna," jechuun Manni Maree UN akkasumas UN akka walii galaatti rakkoolee addunyaarra jiran furuu akka hin dandeenye ibsan.

Garuummoo biyyoonni michuu Tiraamp qofa ta'an osoo hin taane biyyoonni kaanis keessatti kan of argan ta'uu akka qabu ibsan Maartii Giriifin.

Barreessaa Olaanaa UN kan ta'an Antooniyoo Gutereez "seerri humnaa aangoo seeraa bakka bu'uu qaba jedhanii kan yaadan jiru" jechuun adeemsa US itti jirtu qeeqan.

Tiraamp yeroo heddu waggaa tokko keessatti waraana UN dhaabuu dadhabe saddeet akka dhaabe irra deddeebin dubbata.

Haa ta'u garuu Tiraamp waraana dhaabe osoo hin taane "dhukaasa dhaabutu gaggeeffame" jechuun dhukaasa dhaabuwwan giddu seentummaa Tiraampiin gaggeeffaman kaansaanii cabaa jiraachuu ibsan Antooniyoo Guteereez turtii BBC waliin taasisaniin.

Tiraam waggaa tokko keessatti waraanan saddeetan dhaabsise jedhu, qabatamaan kan dhaabsise waraana guyyaa 12f Israa'elifi Iraan gidduutti taasifameefi waraana Gaazati.

Addumatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu waraana Gaazaa akka taasifamuuf wawwaannaan biyyoonni Arabaa michuu US ta'an taasisaniifi dhiibbaan maatii lammiilee Israa'el Hamaasiin booji'amanii Tiraamp Netaaniyaahuutti garaa jabaatee waraanni akka dhaabatuuf dirqisiisera jedhama.

Kaayyoon Boordii Nagaas jalqaba waraana Gaazaa guutummaan dhaabsisuuf jedhameeti kan hojii eegale. Garuu boordichi amma yeroo bifa idiladdunyaa qabataa jirutti, Filisxeem biyya ta'uu hin qabdu jechuun nama mormu Beeniyaamiin Netaaniyaahuu qaama Boordichaa akka ta'u beeksiseera.

Gama biraan ammoo biyyoonni Arabaa rakkoon Filisxeem kan furamu Filisxeem biyya walabaa yoo taate qofaadha jedhanii kan amananiifi kun akka hojiirra ooluf dhiibbaa gochaa jiranis Boordii Nagaa Tiraamp kanatti dabalamaniiru- kuni ammoo hojii Boordichaa jalqabumarraa kaasee kan qoru ta'uunsaa waan hin oolledha.

Rakkoon waraanaa guddaan ajandaa Ameerikaafi Awurooppaarra jiru waraana Yukireen yoo ta'u, Zeleniskiin Raashiyaafi Belaaruus waliin Boordii kanatti makamuu hin barbaadu.

Boordii kana gajjallaa gulantaa saditu kan Gaazaa irratti xiyyeeffatutu jira: Boordii Olaanaa, Boordii Olaanaa Gaazaafi Koree Biyyaalessaa Bulchiinsa Gaazaati.

Kunneen qondaalotaafi biliyeenaroota Ameerikaa, qondaalota olaanoo duraanii, ergamtoota duraanii UN, akkasumas ministiirotaafi gaggeessitoota tikaa biyyoota Arabaafi beektota Filisxeemota kan walitti fiduudha.

Kanneen qeeqan mataansaanituu adeemsa Tiraamp UN waggoota 80 ta'aniif tajaajile akka humna hin qabne baruun filannoo garaa garaa dhiyeessuf tattaafatu kan deeggaran jiru.

Keessumaa Manni Maree Nageenyaa UN haala qabatamaa addunyaan keessa jirtu wajjin kan wal-hin madaallefi biyyoonni ciccimoon ardiiwwan garaa garaatti ka'aa jiraachuusaanii yaada keessa kan hin galchineedha jechuunis qeequ. Walumaa galatti UN haareffamuu akka qabu kaasu kanneen dhaabbatichi kaayyoo hundaa'eef bahataa akka hin jirre qeeqan.

Tiraamp bara darbe waraana Yukireen guyyaa tokkottan dhaaba jedhee dhaadataa ture, waggaa tokko booda nagaa buusuun hojii salphaa akka hin taanefi hojii guddaa akka gaafatu waan barate fakkaata.

Garuummoo Baha Giddu Galaatti waraana Gaazaa waggaa lamaaf ture, sagaleen dhukaasaa akka callisu gochuu danda'eera. Waraanni Yukireen akka inni jedhe guyyaa tokkotti dhumuu baatuus, waraanichi akka dhumuuf kan hanga Tiraamp tattaaffii godhe hin jiru.

Raashiyaafi Yukireen yeroo dhiyootti waliigalteerra gahanii waraanichi akka xumuramu abdii kenneera Tiraamp.

Boordii Nagaa hundeesse keessatti 'jeneraala nagaa' ta'ee kan dhiyaate Tiraamp kaayyonsaa 'nagaan waaran addunyaa bakka rakkoon jirutti akka dhufuuf' tattaaffii gochuu akka ta'es ibse.