Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dantaa Itoophiyaa eegsisuuf akka nuti hin rafne diinonni keenya haa beekan -MM Abiy
Fedhii, tarsimoo fi dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa mirkaneessuun hojii ijoo fuulduratti nu eeggatu waan ta'eef akka of qopheessitan jechuun MM Itoophiyaa Abiy Ahimad humna qilleensaa biyyattif waamicha dhiyeessan.
Hundeeffama Humna Qilleensaa Itoophiyaa waggaa 90ffaa sababeeffachuun tibbana sagantaan adda addaa tasifamaa jira.
Saganta kana keessa agarsiisni qilleensaa 'Samii Leencota gurraachaa' jedhu Bishooftutti dhiyaatera.
Agarsiisicha irratti xiyyaarootni waraanaa humna qilleensaa Itoophiyaa fi kan Gamtaa Immireetota Arabaa(UAE) hirmaataniiru.
Sagantaa kana irratti kan argaman MM Itoophiyaa Abiy Ahimed Humni qilleensaa Itoophiyaa daangaa qilleensaa qofa eeguu utuu hin taane fedhii keenya dabalatee dhaabbata milkeessu akka ta'u amantaa qabna jedhan.
Dantaa biyyaleessaa eegsisuun dirqama Itoophiyaanotaa akkasumas fedhii fi tumsa michoota Itoophiyaatis jedhan.
Humni qilleensaa Itoophiyaa waggoota 90 darban keessatti birmadummaan Itoophiyaa akka eegamu hambaa tajaajila biyyaalessaa ta'uun cichoomina guddaa agarsiisu hubachiisan.
Kanaanis humnoota Itoophiyaa haleeluuf yaalan hedduu kan salphisuu danda'edha jechuun jajan.
''Akkuma gootowwaan kaleessaa kutannoo fi cichoominaan dhaabannee biyya keenyaaf abdii ta'uuf hojjachuu qabnas'' jedhan.
Akka dubbii MM Abiyyitti Humni qilleensaa Itoophiyaa har'as gootota seenaan hin daganne horachaa jira.
Gootonni kun Itoophiyaarra darbanii abdii Afrikaa akka ta'aniif Jeettiwwan waraanaa fi teknolojii qofaa utuu hin taane humna nama sana waliin deemu cimsuu irratti xiyyeefatamee akka hojjatamaa jiru kan himan.
''Humni namaa keenyaa yommuu ga'oomuu jeettiwwaan keenyaa gara jeettiwwan waraanaa balaafamoo ta'etti jijjiiramu.
''Teknoolojii qofti humna waraanaa ta'uu hin danda'u murteessan humna namaa teeknolojii sana hojiitti jijjiiruu danda'uudha.''
MM Abiy haasawa isaanii sagantaa kana irratti dhiyeessan irratti Itoophiyaan bara darbe 9.2% guddina agarsiisfterti.
Bara kanammoo yoo xiqqaate 10.3% akka ta'u qorannoon isaanii kan garsiisu ta'uu eeran.
Guddinni dinagdee kun qofan yoo humna waraanaa cimaa ta'een hin eegamne gatii akka hin qabne eeran.
''Kanaaf Itoophiyaan, dinagdee humna waraanaa cimaa, dippiloomaasii, siyaasaa fi kanneen biraan qixa tarkaanfachuu feessisa. Yoo sun ta'e Itoophiyaa kabajamtu dhalootatti dabarsina.''
'Diinni Itoophiyaa, Itoophiyaa sirriitti hin beeku'
Itoophiyaan gama hundaan guddina keessa akka jirtu addunyaan ragaa bahaa jira. Garuu diinonni keenyaa kana hin hubanne jedhan.
''Itoophiyaan michoota ishee waliin guddachuuf balbalaa ishee banaa jirti. Diinotatti ammoo cufaa jirti.''
Kana dura dantaa Itoophiyaatti carraa cufuufi irraa qooddachuuf diinonni biyyatti heddu akka dhama'an eeran.
Ministirri muummee kun biyya diina Itoophiyaatii jedhanii addatti dubbatan hin qaban.
Garuu erga Itoophiyaan gaaffii dhimma ulaa galaanaa cimsitee Ertiraa fi Itoophiyan hariiroo gaarii hin qaban.
Akkasumallee Masrii waliin Itoophiyaan masaanuu waggoota dheeraati.
Dhiimmi Hidha laga Abbayyaa fi Masrii tibbana erga Ameerikaan jaarsummaan furuu akka barbaaddu ibsamee deebi'ee ijoo dubbii ta'eera.
Haasawa isaanii keessatti Ministirri Muummee Abiy ''Diinni keenya Itoophiyaa sirritti hin beeku. Itoophiyaan biyya guddataa jirtu, biyya deebi'anii guddachuu danda'uu Afrikaanotaaf mallattoo taatudha''jedhan.
Biyya akka kanaa waliin walii galanii walta'anii waliin guddachuu malee, filannoon sanaan ala jiru kamuu badii hordofsiisaa jechuun akeekkachiisan.
Biyyoonni 'bakka kaleessarratti dhaabatanii hafan' jechuun isaan waamanis waan hidhannoo teeknoloojii har'a irra gahe hubachuuf akka isaan rakkisu himan.
''Biyyootni fuulduratti deemuuf rakkattan, teknolojiiwwaan waraanaa yemmoo maqaan dha'amu kunimmoo maali jettanii bitaa isinitti galu waanti jala murree isinitti himnu Itoophiyaan biyya bakka kaleessatti dhaabatte miti'' jechuun dubbatan.
Itti dabaluunis ''Itoophiyaan kan namaas hin barbaddu kan ishee hin kennitu, kan dogoggoraan kenname yoo jiraates herrega buusuu ishee hin dhiiftu'' jedhan.
Akkasumallee qormaatni kamuu gufuun kamuu guddina Itoophiyaa yoo saffisiise malee dhaabuu akka hin danda'enye sagantaa kanarratti ibsan.
Itoophiyaan jeettiwwaan waraanaa sasalphaadhaa hanga waraana cimaa irratti hirmaachuu danda'an jettu agarsiisa kana irratti dhiyeesiteetti.
Humni qilleensichaa jeettiwwaan waraana qofa utuu hin taanee teeknolojii haleellaa qilleensarraa Itoophiyaa ittisan hedduun hidhatee akka jirullee ibsameera.