Saadaam Huseen gaafa fannifamu loltoonni US isa eegaa turan maaf boo'an?

Ameerikaan waggoota 20 dura duula waraanaa Iraaqitti gaggeessiteen mootummaa kuffisuun bulchaa biyyattii kan ture Saadaam Huseen bakka dhokatee qabuun waggoota lamaaf hiitee turte.

Waggaa lama booda mana murtiitti dhiyeessun fannifamee akka du'u itti murame. Haa ta'u garuu guyyaa qabamee hanga gaafa du'uutti bakka hidhamee turetti loltoota Ameerikaa 12 ta'aniin eegamaa ture.

Loltoonni kunneen waggaa lamaan isa eegaa turan sanatti Saadaam Huseen wajjin walitti dhufeenya gaarii horatanii turan.

Loltoota US Saadaam eegaa turan keessaa tokko kan ta'e Wiil Bardanwaarpar kitaaba, The Prisoner in His Palace, His American Guards, and What History Left Unsaid jedhu barreesse keessatti turtii waggaa lamaa Saadaam Huseen wajjin qabaataa tureefi taatee guyyaa dhumaa Saadaam yeroo fannifamu ture tarreessera.

Saadaam akka fannifamuuf bakka turee gaafa fuudhamu, loltoonni isa eegaa turan hundi imimmaan fuula isaanii irra yaa'aa akka ture ibsa.

'Saadaam akka akaakayyuu keenya wayii nutti fakkaata ture'

Wiil loltuu isa waliin ta'uun Saadaam eegaa ture Adam Rojarsan jedhe fakkeenya fudhachuun amala Saadaam hima: "Saadaam nama gara jabinaan nama ajjeesu hin fakkaatu, inumaayyuu akaakayyuu keenya wayii fakkaata."

Saadaam Huseen namoota isaan morman heddu akka ajjeefaman gochuudhaan mana murtiitti himanni irratti dhiyaate.

Loltoonni Ameerikaa mana hidhaatti isa eegaa turan akka jedhanitti, Saadaam guyyoota dhumaa mana hidhaa taa'ee du'a eeggataa turetti, sirboota Ameerikaa namoota akka Meerii J. Biliij fa'aan sirbaman dhaggeeffataa ture.

Akkasumas sochii ispoortii garaa garaa taasisaa ture. Amala tasgabbaa'aafi gaarii agarsiisaa akka ture barreesse Wiil kitaaba isaa keessatti.

Sigaaraa Cohiba jedhamuufi Fiidaal Kaastiroo akka itti xuuxan kan barsiise xuuxuu akka jaalatu ibsa.

Mana hidhaa keessa yeroo ture biqiltuu kunuunsuu fa'aas akka jaalatu ibsa Wiil Bardanwaarpar.

Saadam nyaata nyaaturratti baay'ee of eeggata

Turtii waggaa lamaaa mana hidhaa Baagdaad keessa turetti, Saadam nyaatasaa of-eeggannoo cimaan qopheeffataa akka ture himu loltoonni US isa eegaa turan.

Ganama obboroon ka'ee hanqaaquu hojjachuun cireesaa nyaata. Itaansuun keekii hojjata. Hanqaaqun inni waade yoo caccabe ykn gubate hin nyaatu- kan biraa hojjata.

Saadam loltoota Ameerikaa isa eeganitti waan keessa dabarse gaaris gadhees itti himaa takka isaan bohaarsaa takka ammoo miira gaddaa keessa isaan galcha.

Guyyaa tokko yeroo aangorra ture, waan ilmisaa Udaay hojjatatti gadduun tarkaanfii fudhate gaafa yaadatu yeroo hunda akka gaddu loltoota isa eeganitti hime.

Sagantaa bashannanaa (party) qophaa'erratti ilma Saadaam Huseen kan ta'e Udaay qawwee fudhatee namoota saganticharratti walitti qabamanitti dhukaasa banuun kaan ajjeesee heddu madeesse.

Gochaa ilmasaatti kan aare Saadaam konkolaattonni ilmasaa akka gubamuuf ajaja dabarse.

Taatee yeroo aangorra ture raawwatame kana gaafa itti himu kolfaa akka itti hime ibsa Wiil.

Guyyaa biraa ammoo loltuun Ameerikaa mana hidhaa keessatti isa eegu obboleessi isaa jalaa du'uu dhagahee Saadaam dhaqee hammatee waan loltuun kun hin eegne jedheen. "Har'aa kaasee akka obboleessa keetti na ilaali," jechuun jajjabeesse.

Loltuu biraatinis akkasuma waan inni hin eegne jedheen. "Maallaqan qabu akkan fayyadamu osoo naaf hayyamamee kaffaltii mana baruumsa ilma keetii nan kafffalaaf" jedhe.

Saadaam dubbii afaanii qofaan osoo hin taane, loltoota Ameerikaa isa eegaa turaniif kennaa ni kennaaf ture.

Guyyaa tokko loltoota isa eegaa turan keessaa Daawusan kan jedhamu suufii gadi dheeraa wayii keewwatee osoo jiruu, loltoonni isa waliin turan eessaa akka fide gaafatan. Boodarra kennaa Saadaam Huseen irraa kennameef ta'uu itti hime.

Saadaamitti baay'ee dhiyaatanii hiriyummaa akka wajjin hin uumne ajajoonni itti himanis, michummaan Saadaam Huseenifi eegdota isaa cimaatuma deeme.

Wiil Bardanwaarpar akkana jechuun barreesse: "Bilisummaa isaaf hin malle hin kennineef, garuummoo waan namummaa isaa tuqu irratti raawwannee hin beeknu."

Loltoonni isa eegaa turan kanneen akka Istiiv Hachinsan, Kiriis Taaskariifi kaanis bakka Saadaam itti hidhamee ture man kuusaa wayii, biiroo Saadaam fakkeessanii hojjachuufii yaalaniiru.

Teessoofi minjaala sisirreessun alaabaa Iraaq achi kaa'anii biiroo fakkeessaniif. "Kana gochuun keenya Saadaam Huseen mana hidhaa keessa osoo hin taane biiroo mootummaa keessa akka jiru akka itti dhagahamuuf ture. Saadaam akkuma kuticha seenen kolfee dhaqee teessuma qophaa'efirra taa'e," jechuun barreesse Wiil.

Loltoonni isa eegaa turan hanga danda'anitti Saadaamitti gaddi akka hin dhagahamneefi isa gammachiisuf waan danda'an hunda gochaa akka turanis ibsa barreessaan eegdota Saadaam keessaa tokko ta'e kun.

Innis loltoota isa eeganitti of gatee, loltoonnis isa amanuun hiriyummaansaanii jabaate.

"Osoo waanti hamaan tokko nurra gahee, Saadaam nu baraaruuf lubbuusaa akka nuuf hin shakkinu," jechuun dubbataa akka turan ibsa Wiil.

Namoota heddu kan ajaa'ibsiise ammoo namni Ameerikaan diina kooti jettee qabdee mana murtii dhaabuun fannifamee akka du'u goote Saadaam Huseen gaafa fannifamu loltoonni isa eegan imimmaanin gaaggeessuu isaaniti.

Isaan keessaa tokko kan ta'e Adaams Roojarsan, "Erga Saadaam fannifamee booda miira isa ganuutu nutti dhagahame. Akka waan ofii keenyaa isa ajjeesne wayiitu nutti dhagahame. Hiriyaa nutti dhiyoo harka keenyan akka waan ajjeesnee," jechuun akka dubbate yaadata barreessan kun.

Loltoonni Ameerikaa amala Saadaam Huseen baay'ee dinqifatu

Wiil Baradanwaarpar akka jedhutti, inniifi jaallansaa Saadaam Huseen waggaa lamaaf eegaa turan, waa'ee Saadaam Huseen kan jedhamaa tureefi kan itti dhiyaatanii ijaan arganitti baay'ee dinqifatan.

Saadaam fannifamee ajjeefamuu hordofee loltoota US isa eegaa turan keessaa Istiiv Hachinsan tajaajila loltummaa Ameerikaa keessaa bahe.

Hanga guyyaa fannifamuu isaatti Saadaam akka nan fannifama jedhee amanee akka hin turre himu loltoonni kun.

Inumaayyuu mana hidhaatii bahee gaa'ela akka godhatu fa'aa itti himaa ture. Mana hidhaatii gaafan bahe dubartii fudhee wajjin jiraachuu akka barbaadu akka itti himee ture dubbata Adaams Roojarsan.

Haa ta'u garuu akka Saadaam mana hidhaatiin baha jedhee abdate hin taane. Mudde 30, 2006 ganama sa'aatii saditti hirribaa akka ka'u godhamee sa'aatii muraasa keessatti akka fannifamu itti himame.

Erga kana dhagaheen booda daddafee qaama isaa dhiqatee of qopheesse. Saadaam yaaddonsaa waa'ee fannifamuu isaa osoo hin taane, waa'ee loltoota Ameerikaa waggoota lama mana hidhaa turetti walitti firoomanii ture.

Fannifamuuf daqiiqan muraasni yeroo hafu, loltoota US isa eegaa turan keessaa Istiiv Hachinsan ofitti waamee sa'aatii harkaa biraandii Raymond Weil ofirraa baasee kenneef.

Sa'aatiin harkaa Saadaam Huseen Istiivivif kenne hanga ammaa hojjataa akka jiru hima.