Ameerikaa fi michoonni ishee waggoota 20 dura maaliif Iraaq weeraran?

Amajjii 20, 2003 humnoonni Ameerikaa fi michoonni ishee Iraaq weeraruun sirna Saadaam Huseen kuffisan.

Ameerikaan, Iraaq meeshaalee waraanaa guutummaa namootaa fixuu dandaʼan akka qabduu fi nageenya addunyaatiif balaa ta’uu ibsitee turte.

Biyyoonni hedduun garuu tarkaanfii waraanaa ishee irratti fudhatamu deggeruu didan.

Ameerikaan maaliif Iraaq weeraruu barbaadde?

Waraana Galoo Galaanaa bara 1990-1991tti Ameerikaan gamtaa idil-addunyaa kan humnoota Iraaq Kuweet irraa weerara dirqisiise hooggante.

Boodarra Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Iraaq meeshaa waraanaa jumlaa ishee hunda akka balleessitu ajaja dabarseera.

Meeshaalee waraanaa guutummaa namootaa fixuu dandaʼan kan jedhaman, jecha meeshaa niwukilaraa, baayoloojii fi keemikaalaa, akkasumas misaa’ela fageenya dheeraa ibsuuf itti fayyadaman.

Bara 1998 Iraaq tumsa inspeektaroota meeshaa waraanaa UN waliin taasiftu kan dhaabde yoo ta’u, US fi UKn haleellaa qilleensaatiin deebii kennaniiru.

Al-Qaayidaan Fulbaana 11, 2001 Haleellaa Giddugala Daldala Addunyaa Niiw Yoork fi Peentaagoon Waashingitan irratti raawwateen booda bulchiinsi Pirezidaantii Joorji W. Buush Iraaq weeraruuf karoora baasuu jalqabe.

Pirezidaanti Buush, Saadaam meeshaa niwukilaraa kuusuu fi misoomsuu itti fufee akka jiruu fi Iraaq, Iraan fi Kooriyaa Kaabaa waliin qaama ''xiqqee hamaa'' idil-addunyaa ta'uu himan.

Onkololessa bara 2002 keessa Kongireesiin Ameerikaa humna waraanaa Iraaq irratti akka fayyadaman hayyame.

“Namoonni Waashingitan keessa jiran hedduun Iraaq meeshaa waraanaa jumlaa balleessu akka qabdu ragaan guddaan akka jiru, akkasumas balaa dhugaa akka ta’e amanu turan,”jedhu Dr Leslie Vinjamuri, daayreektarri Sagantaa US-US dhaabbata yaada dhimma alaa Chatham House, London keessatti argamu.

Guraandhala bara 2003 Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa yeroo sanaa Kooliin Paawel murteewwan kanaan duraa fi himannaa sagantaa niwukilaraa ishee cabseera jechuun Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Iraaq irratti tarkaanfii waraanaa akka hayyamu gaafate.

Haa ta'u malee, Mana Maree kana hin amansiisne.

Miseensonni ishee hedduun inspeektaroonni meeshaa waraanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Ejensii Annisaa Idil-addunyaa - kan bara 2002 gara Iraaq deeman - ragaa meeshaaleen waraanaa kun jiraachuu isaanii agarsiisuuf achitti hojii dabalataa akka hojjetan barbaadan.

Ameerikaan inspeektaroonni gabaasa akka kennan akka hin eegne ibsitee, Waraana Iraaq irratti banuuf ''tumsa warra fedhii qaban'' walitti qabde.

Waraana kana eenyutu deeggare?

Biyyoota 30 gamtaa kana keessaa Ingilaandii, Awustiraaliyaa fi Poolaandi weerara kana irratti hirmaatan.

Biriteen loltoota 45,000 ergite, Awustiraaliyaan loltoota 2,000 fi Poolaandi loltoota humna addaa 194 ergite.

Kuweet weerarri kun naannoo ishee irraa akka banamu hayyamte.

Ispeeniifi Xaaliyaan gamtaa Ameerikaan durfamu kanaaf deeggarsa dippilomaasii kan dhiyeessan yoo ta'u, biyyoota Awurooppaa bahaa hedduu "Garee Viilnius" keessa jiran waliin ta'uun, Iraaq sagantaa meeshaa niwukilaraa akka qabduu fi murteewwan UN cabsite jedhanii amanu ibsan.

Himannaan Ameerikaa fi Biriteen Iraaq irratti dhiyeessan maali?

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Kooliin Paawel bara 2003 Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti akka himanitti Iraaq ''laaboraatoorii addaa'' meeshaa waraanaa baayoloojii hojjechuuf gargaaru qabdi.

Haa ta'u malee, bara 2004tti ragaan kun " ... jabaa ta'ee hin mul'atu" jechuun amanee ture.

Ministirri haajaa alaa Faransaay Doominiik de Viilepiin waraanaa labsuun ''furmaata hamaa'' ta'a jedhan.

Turkiyaan - miseensa Naatoo fi ollaa Iraaq kan taate - Ameerikaa fi michoota ishee buufata xiyyaaraa ishee akka fayyadaman hayyamuu didde.

Biyyoonni Baha Giddu Galeessaa waraana Galoo Galaanaa bara 1990-91 Iraaq irratti Ameerikaa deeggaran kan akka Sa’uudii Arabiyaa weerara ishee bara 2003 hin deggerre.

''Biyyoonni Galoo Galaana Arabaa karoorri kun maraatummaa itti fakkaate,'' jedhu Yunivarsiitii Landan SOAS keessatti ogeessi siyaasa Baha Giddugaleessaa Piroofeesar Gilbart Achcar.

''Kufaatii sirna Saadaam booda Iraan Iraaq to'achuu ishee yaaddoo keessa turan."

Waraana sana keessatti maaltu taʼe?

Bitootessa 20, 2003 barii irratti, loltoonni Ameerikaa fi michoota ishee 295,000 ta’an daangaa isheen Kuweet waliin qabdu ce’uun Iraaq weeraruun jalqabe.

Miseensonni milishaa Peshmergaa Kurd 70,000 ta’an humnoota Iraaq kaaba biyyattii keessatti lolan.

Caamsaa keessa waraanni Iraaq injifatamee sirni isaa kuffifamee ture. Booda Saadaam Huseen booji'amee murtiin irratti dhiyaatee ajjeefame.

Haa ta'u malee Iraaq keessatti meeshaan waraanaa jumlaa balleessu hin argamne.

Bara 2004 biyyattiin fincila amantiitiin liqimfamte.Waggoota boodaatti waraanni biyya keessaa gareewwan Sunnii fi Shi'aa Iraaq gidduutti ka'e.

Loltoonni Ameerikaa bara 2011 Iraaq gadhiisanii bahan.

Iraaq keessatti bara 2003 hanga 2011 gidduutti sababa waraanaan walqabatee namoonni 461,000 akka du’anii fi waraanni kun doolaara Ameerikaa tiriliyoona sadii akka baase tilmaamameera.

''Ameerikaan sababa waraana kanaatiin kabaja guddaa dhabde,'' jedhu daayreektarri olaanaa Dhaabbata Qorannoo Rooyaal Yunaayitid Sarvisii Dr Kaariin Voon Hiippeel.

"Hanga ammaatti gaafiin namoonni kaasan, waggaa 20 booda: maaliif basaasa Ameerikaa amanachuu barbaanna?"