Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Diinota Itoophiyaa akka injiraan mataa tokko tokkoon harcaafna - MM Abiy
Diinota Itoophiyaa tokko tokkoon harcaasna jechuun Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PHD) himan.
Lammiileen Itoophiyaa tokkummaa, nageenya, akkasumas fedha biyyaalessaa biyyattiif wal faana akka dhaabbatan ''adaraa'' jechuun ergaa dhaamaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad kan kana jedhan Ayyaana Guyyaa Sabaafi Sablammoota Itoophiyaa kabajameerrattidha.
Ayyaanni kuni wagga waggaan ALI Sadaasa 29 waggoota 20 darbaniif magaalota biyyoota garagaraatti kabajamaa jira.
Ayyaanni baranaas Naannoo Giddugala Itoophiyaa magaalaa Hosaa'inaatti aangawoonnifi keessummoonni bakka jiranitti kabajame.
Ministirri Muummee Abiy waltajjii kanarratti qaama diina jedhan maqaan yeroo dhahaan viidiyoo miidiyaaleen biyya keessaa qoodan irratti hin dhagahamne.
Haata'u malee, aangawoonni Itoophiyaa jecha kana biyyoota Itoophiyaaf diina jechan ibsuuf itti fayyadamu.
Dubbiin isaanii kuni gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan gaafatteef Ertiraa waliin muddamni yeroo cimetti dhagahame.
Itoophiyaan ijaarsaa waggoota 14 booda Hidha Haaromsaa erga xumurtees tibbana Masrii waliin muddamni akka haaraatti mul'ataa jira.
Ministirri Dhimma Alaa Masrii waggoota 13'f mari'annee bu'aa hin buufne, si'achi Itoophiyaa waliin hin mari'annu jechuun BBC'tti himaniiru.
Kanaaf deebii akeekuun Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen Masriin Gaanfa Afrikaatti biyyoota jalashee deeman uumuu barbaaddi jechuun jecha jabaan qeeqeera.
'Qalbii haa godhannu'
Osoo kuni kanaan jiruuti dubbiin Ministira Muummee Abiy kan dhagahame.
'''Footuun tokko dadhabduudha, footuun baay'ee garuu wadaroo hin cinne,'' taati jechuun wal bira dhaabachuufi fedhii biyyaalessaaf dursa kennuu qabna jechuun lammiileef dhaaman.
''Hawwii biyyaafi hammina diinaa adda baafachuu qabna. Ormi hawwii keenya balleessuuf yoo ka'u lammiileen Itoophiyaa fedhii ormaaf meeshaa akka hin taane.
''Sababni isaas wadaroon ormi dhahe hin hiikamus, hin hidhus [hin jabaatus].
''Wal ta'uu osoo qabnuu hawwii ormaa hammina qabu akka hin fudhanneefi seenaanis akka nu hin komanne, Itoophiyaanonni qalbii godhachuun nagaa keenya haa mirkaneessinu, mariin haa amannu,'' jechuun dhaaman.
Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad Itoophiyaa badhaate ijaaruuf akka hojjetu ibsa.
Qeeqxonni isaanii garuu ajjeechaa, buqqaatii, rakkoo nageenyaafi qaala'insa jireenyaa to'achuuf dursa kennuu qabu ittiin jedhu.
Wantoota ijoo bulchiinsi isaanii raawwachaa jiru keessaa tokko ''misooma koridariin'' magaalota jireenyaaf mijataa taasisuudha.
''Itoophiyaan biyya abdii hedduun guutamtedha… bayyanachaa jirtudha,'' jechuunis ibsan MM Abiy.
Haata'u malee, kanneen kana hin barbaanne jiru jedhan.
''Jalqabbiin gaarii kuni Uumaa [Waaqa] keenyaan kan deeggaramu ta'us, ciichoomina seexanaan guyyaafi halkan gufachiisuuf yaaliin ni taasifamu.
''Ummata Itoophiyaa maraaf irra deebiin dachee Hosaaa'inaarraa mirkaneessuu kanan barbaadu, qormaanni kamuu, qoccollaan kamuu, yaadni hamaa kamuu Itoophiyaa badhaadhinarraa dhaabuu hin danda'u.
''Qormaata tokkoon tokko injifannootti jijjiiruun badhaadhina Itoophiyaa ni saffisiisna. Tokkummaa Itoophiyaa ni cimsina.
''Diinota Itoophiyaa akka injiraan mataarraa tokko tokkoon harcaasna,'' jechuun dubbatani.
Injiraan ilbiisa rifeensa namaa seenuun dhiiga xuuxxuufi nagaa dhowwitudha.
Akka aadaattis yoo ishee argatan harkaan miciliqsanii ajjeesu. Bulchaan Itoophiyaas diinota Itoophiyaa kanatti fakkeessan.
Yeroo Ministirri Muummee Abiy akka injiraan harcaasna jedhan hirmaattonni dirree isteediyoomii keessa jiran harka rukutaniif.
''Itoophiyaan ni mittiqxi [jabaatti], ni badhaati, obbolaa keenya Afrikaaf mallattoo badhaadhinaa taati, akkuma nagaan eegalle, nagaan xumurra,'' jechuunis himan.
Dubbii isaaniin koloneela humna qilleensaa Itoophiyaa yeroo. Waraana Ertiraa hirmaates eeran.
Bakki dhaloota Koloneel Bazzaabbih Phexiroos Haadiyyaa bakka Ministirri Muummee Abiy irraa dubbatanidha.
Balaliisaan xiyyaaraa kuni obboleessa hogganaa paartii mormituu amma lubbuun hin jirre, Pirof. Bayyana Pheexiroosidha.
Lola Ertiraa irratti hirmaachuu malee achi buuteen isaa hin beekamne jedhamee himama.
''Nuyi ijoolleen Koloneel Bazzaahi hin qaanofnu, [waan] gootummaan eegalle, gootummaan xumurra,'' jedhan Ministirri Muummee Abiy.
Rakkinoota Itoophiyaa qofa osoo hin taane, humna ishees ilaaluu qabna jedhaniiru MM Abiy.
'Gaaffiin ulaa galaanaa akka deebi'u'
Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Itoophiyaan ulaa galaanaa malee hafuun dabadha jedhee amana.
Itoophiyaan hanga Ertiraan irraa walaboomtuttis ulaa galaanaaa qabdi turte.
Haa ta'u malee, akkatti Ertiraan ulaa kana fudhatte 'seeraan ala' jechuun aangawoonni dubbatu.
Dubbiin kunimmoo Ertiraa hin gammachiisu, akka birmadummaa isheerratti qiyyaafatetti ilaalti.
Ejjennoo Ertiraa kanammoo Masriinis ni deeggarti, akka bira dhaabattus irra deddeebiin ibsiteetti.
Masriitiin aangawoonni Itoophiyaa 'diina durii Itoophiyaa' jechuunis ibsu.
Kabaja Ayyaana Sabaafi Sablammoota kanarratti Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Giddugalaa Itoophiyaa Dr Indashaaw Xaasaw ergaa dhaamaniiru.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa deebii akka argatu ummanni naannichaa mootummaa cina dhaabatee gahee isaa gumaachuuf qophiidha jechuun isaanii gabaafameera.