Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy Ahimadiifi ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo maal mariyatan?
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) waliin bilbilaan mariyachuu ministeerichi beeksise.
Itti aanaa dubbi-himaa ministira dhimma alaa Ameerikaa Toomii Pigootii ibsa Roobii galgala kennaniin, mariin aanga'oota lamaanii tasgabbii qaxanaa sanaafi dhimmoota Gaanfa Afrikaa keessati nagaa waara'aafi bu'uura qabu ijaaruun danda'amurratti kan fuulleeffate ture jedhan.
Ministirri dhimma alaa Ameerikaa akka ibsetti, yeroo bilbilaan mariyatan kanatti aanga'oonni lamaan Amerikaa fi Itoophiyaan nagaafi tasgabbii naannichaatti akka uumamu gochuuf murannoo waloo qaban mirkaneessaniiru.
Keessumaa, Gaanfa Afrikaa bakka sochiin jii'oopolotikaa wal xaxaa ta'e mul'atu keessatti bu'uraa nagaa kaa'uudhaaf, akkasumas haala tumsa waliif gochuu cimsuun danda'amurrratti mariyachuun isaanii himameera.
Waajirri Ministira Muummee dhimma marii kanarratti hanga ammaatti ibsa baase hin qabu.
Marii ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo bilbilaan taasisan kun, haasaa Ajajaan Waraanaa Ameerikaa Koomaandii Afrikaa, Jeneraal Dagvin R.M. Anderson aanga'oota olaanoo Itoophiyaa waliin taasisan torban tokkoon boodadha.
Sadaasa 25, 2025 Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) fi Itaamaajor Shuumiin Humna Waraanaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa Ajajaa Waraanaa Ameerikaa Koomaandii Afrikaa, Jeneraal Dagvin R.M. Anderson waliin wal arguun haasaa taasisanii ture.
Ajajaa Koomaandii Afrikaa Yunaayitid Isteetsi, Jeneraal Dagvin R.M. Anderson waliin dhimmoota nageenyaa naannawaafi haalota itti walta'insa caalaatti cimsuun danda'amu irratti marii'achuu isaanii fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessan MM Abiy.
Qondaalli waraanaa olaanaa US kun dhimma Galaana Diimaa fi fedhii Itoophiyaan qabdurratti dubbachuuf akka Finfinnee daawwatan miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniis ture.
Jilli Ajajaa Waraanaa US Komaandii Afrikaa Jeneraal Dagvin R.M. Andersoniin durfame sun Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa waliin Gaanfa Afrikaatti akkaataa nagaafi tasgabbiin jiraachuu danda'urratti akkamiin akka biyyoonni qaxanaa sana keessa jiran wal tumsuu qabanirratti mariiyataniiru.
Akka Humni Ittisaa Itoophiyaa himetti, biyyoonni lamaan loltummaa dabalatee dhimmoota gara garaa irratti waggoota baayyeetiif wal tumsuun hojjetaa turuu kan kaasan fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itoophiyaan shrorkeessummaa loluurratti gahee guddaa taphachaa jirti jedhan.
Fedhiin ulaa galaanaa Itoophiyaa kan nagaafi diinagdeeshee ittiin ijaarrachuuf kan jedhan Itamaajor Shuumiin kun, hariiroon loltummaa ilaalchisuun Ameerikaa waliin qaban cimee akka itti fufu jila kanaaf ibsaniiru.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa akka ibsanitti, Itoophiyaan al-Shabaab dadhabsiisuufi shira shororkeessummaa isaa fashaleessuuf tarkaanfii humnaa fudhattu cimistee itti fufti jedhan.
Gahee Itoophiyaan qaxanaa kana keessatti nagaafi tasgabbiin akka jiraatuuf bahachaa jiru kan dinqisiifatan Ajajaa Koomaandii Afrikaa, Ameerikaa Jeneraal Dagvin R.M. Anderson, hojii shororkeessummaa waliin loluu cimsinee itti fufna jedhan.
Baruma kana Adoolessa keessa Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad galma waloo nageenyaafi guddina dinagdee Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa ilaalchisuun bilbilaan mariyachuun isaanii ni yaadatama.
Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon MM Abiy Ahimad waliin haasa'uun kun yeroo muddamni naannoo Tigraay keessatti dhaga'amaa jiruufi Ertiraafi Itoophiyaan ammoo wal himmachaa jiranitti ture.
Ministtirri dhimma Alaa US marii isaanii MM Abiy waliin taasian kanaan barbaachisummaa marii fi tasgabbii naannichaa hubachiisaniiru.
Marii yeroo sanaatiin, Ruubiyoon haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan taasifte kan diqisiifatan yoo ta'u, daldalaa fi invastimantii US babal'isuuf carraa guddaa qaban kaasanii dubbataniiru.
Mariin dippilomaatiin olaanaa Ameerikaa MM Itoophiyaa waliin taasisan sun yeroo pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaa ilaalchisuun dubbii falmisiisaaa ijoo dubbii ta'e kaasaa jiranitti ture.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp, ''Itoophiyaan irra caalaa Hidha Haarumsaa Guddicha maallaqa Ameerikaan ijaarte,'' jechuun yeroo sadaffaaf irra deebiin dubbataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa himannaa Pirezidantiin US irra deddeebiin Hidha Abbayyaa Ameerikaatu maallaqaan tumse jedhan kana ''doggoraa'' jechuun ibsa baaseera.
Itoophiyaa fi US hariiroo waggaa 120 guuteefi murteessaadha jedhame qabu. Hariiroon kuni bara Dargiin ala cimee kan itti fufe ture.
Keessumaa bara ADWUI Itoophiyaan sochii shororkeessitoota Somaaliyaa keessaa adamsuun Ameerikaa waliin michummaa ishee cimsatteetti.
Ta'us, waraanni Tigraayitti adeemaa ture hariiroo cimaa biyyoota lamaanii qoree ture.
Sarbamni mirga namoomaa jabaan raawwatuufi waraanichi mariin akka furmaata argatu gaafachuun Ameerikaan irra deddeebiin yaaddoo himataa turte.
Gama kaaniin Itoophiyaan Ameerikaa dabalatee biyyoota lixaa gidduu seentummaan himachaa, birmadummaa ishee kan dhiiban ta'uu ibsaa turte.
Waraanichi yeroo hammaatetti Pirezidantiin Ameerikaa yeroo sanaa [Joo Baayidan] Itoophiyaa adabuufi tarkaanfii fudhachuuf Fulbaana 2021 ajaja dabarsanii ture.
US hoggantoonni Itoophiyaa Ameerikaa akka hin seenne dhorkuun alatti deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf taasistu dhaabdeetti.
Daldala qaraxarraa bilisaa AGOA irraa akka haqamtu gochuun lammiileen 200,000 ol taaniifi keessumaa paarkiilee indastirii keessa hojjetan hojii akka dhaban ta'eera.
Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Massinga haala yeroo Itoophiyaa fi tumsa Ameerikaan bara 2025 keessatti taasiftu ilaalchisuun jalqaba waggaarratti ibsa kennanii ture.
Ibsichaan Ameerikaa fi Itoophiyaan hariroo waggoota 120 lakkoofsise kan qaban ta'uu eerun, ammas walitti bu'iinsa keessoo lubbuu fi jireenya lammilee gaaga'aa jiru furuu keessatti tumsi Ameerikaa daran kan cimu ta'uu himanii ture.