Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Tokummaa daangaa cabsuu' Ertiraa ilaalchisee 'ejjennoon of qusachuu' mootummaa 'yeroo hunda akkasiin itti hin fufu' - Dr Geediyoon
''Sarbama'' Ertiraan ''tokkummaa daangaafi walabummaa'' Itoophiyaarratti raawwattuu ilaalchisee ejjannoo mootummaan federaalaa tarkaanfii fudhachuurraa 'of qusachuu'' agarsiisaan ''yeroo hunda akka itti hin fufnee fi kan daangaa hin qabne godhamee fudhatamuu akka hin qabaanne'' ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos himan.
Dr Geediyoon, Itoophiyaan ''foxxoquu Ertiraatiin duraafi booda'' sababii ''qabeenyaa buufata Asab irratti baastee olaanaatiin'' dhimmi Asab dhimma ''ijoo mootummaa federaalaatiin'' dursi kennamuuf akka ta'e ibsuusaanii gabaafameera.
Dr Geediyoon kan kana dubbatan kaleessa guyyaa Kamisaa Sadaasa 13, 2025 ''foramii imaammataa gareen 'Horn Review' jedhamu Yunivarsitii Finfinnee waliin ta'uun qopheesse irratti ture.
Dr Geediyoon waltajjii ambaasaadaroota dabalatee dippilomaatoota biyyoota gargaaraa irratti hirmaatan kana irratti, dhimmoota yeroo Gaanfa Afriikaa ilaalchiisuun ilaalchaa fi imaammata mootummaa Itoophiyaa dhiyeessaniiru.
Ibsi ministirri dhimma alaa kun keessattuu kan xiyyeeffate walitti dhufeenya Itoophiyaafi Ertiraarratti ture.
Ka'umsi wal dhabdee bara dheeraa Eritraafi Itoophiyaa kan wal dhabdee daangaa ykn fedhii ulaa galaanaa irra darbu ta'u ibsuu isaanii haasaa guutuu marsariitii Minisitira Dhimma Alaa Itoophiyaa irratti baheen ibsameera.
Dhimmoota akka ka'umsa walitti bu'insaatti kaafaman keessaa tokko jidduu seentummaa mootummaan Ertiraa dhimmoota keessoo Itoophiyaa irratti raawwatu jedhameera.
''Mootummaan Ertiraa dhimmoota siyaasa keessoo Itoophiyaa irratti ejjannoo qabachuu, yaada dhiyeessuu fi dammaqinaan hirmaachu dabalatee akka waan mirga qabuutti itti dhagaham'' jechuun mormiisaanii akka agarsiiftuutti deegaraniiru.
Kana malees, hoggansi mootummaa Ertiraa ''humnoota Itoophiyaarratti dubbii barbaadan hunda ofiisaa akka meeshaatti dhiyeessuuf fedhii'' akka qabu kaasuun himtaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa kun yaadni Ertiraa ilaalchisuun kaasan kan biraa ammoo dhimma ''doktiriinii Isaayaas jechuun'' kaasaniidha. ''Donktiriiniin kunis dhimmi Ertiraan biyya of dandeessee of bulchitu taatee itti fufuu bora'uu nageenya, qooqqoodamuu fi tasgabbii dhabinsa Itoophiyaa irratti akka bu'uureeffatu yaada'' jedhaniiru.
Anga'oonni biyyattii "qaxana kana keessatti qaamolee sadaffaatiif akka damee tokkkootti tajajailuuf fedhii guddaa qabaachuusaanii" eeruun himataniiru Dr. Geediyon.
Ministirichi Ertiraan ''tokkummaa daangaafi walabummaa daangaa irratti sarbamaafi dubbii barbaacha olaanaa'' raawwqchuushee hirmattotatti himaniiru.
''Yeroo ammaatti loltoonni Ertiraa kutaalee bulchiinsoota naannoo kaaba Itoophiyaa hedduu to'atanii argamu'' kan jedhan Ministirri Dhimma Alaa kun, eddoowwan kunneen ''gutuummaa guutuun kan bulchiinsa daangaa Itoophiyaa keessatti argaman'' ta'uu ibsaniiru.
Kana malees, mootummaan Ertiraa ''gareewwan hidhataniif deeggarsa meeshaa dhiyeessuudhaan dhimma keessoo Itoophiyaa jidduu galaa'' jiraachuu kaasuun himataniiru.
Dr Geediyoon sochii mootummaa Asmaraa kanneen irraa ''Itoophiyaan mirga seeraa of ittisuudhaaf qabduuf bu'uura gahaa'' akka ta'e dubbatan.
Kanas ta'u ammoo, mootummaan dhimma kanaratti tarkaanfii fudhachuurraa akka ''of qusate'' dabaluun himan. ''Itoophiyaa tokkummaa daangaafi walabummaa ishee irratti dubbii barbaachiifi sarbamni olaanaan kan raawwatame ta'ulleen, mirga seeraa ofirraa ittisuu hojiirra oolchuurraa of qusataa jirti'' jechuun ejjannoo mootummaan hordofaa jira jedhan ibsaniiru.
Ejannoon tarkaanfii deebii kennuurraa of qusachuu kun, ''yeroo hunda kan itti fufuufi daangaa maleessa godhamee fudhatamuu akka hin qabaanne'' akeekkachiisaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa imaammata isaa kaanan kan itti fufu ''hanga danda'u qofaaf'' ta'uu kaasaniiru.
''Dubbii barbaachiifi lola kaasuun Ertiraa kana caalaa obsuu rakkiisaa taasisaa jira'' jedhan.
Ministirri Dhiima Alaa kun kaleessa waltajiicharratti waa'ee fedhii Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf qabduus akka kaasan odeeffannoon waajjira isaanii irraa argame ni agarsiisa.
Dr Geediyoon, ulaa galaan argachuun ''Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu'' ta'uusaa, akkasumas ummanni biyyattii ''miiliyoona 130 ol ta'uuf galaana walitti fufiinsaa fi nageenyisaa mirkanaa'e akka barbaachisu'' kaasuudhaan, yaada kanaan dura mootummaa isaaniitiin ka'ee ture irra deebiin calaqisiisaniiru.
Kana malees, Dr Geediyoon buufanni Asab ''dhimma ijoo mootummaan Itoophiyaa dursa kennuuf'' ta'uu dubbachusaanii yaada cunfaa waltajiichaa kan qopheesse 'Horn Review' marsariitii isaarratti baaseen ibsameera.
Mootummaan ejjannoo kana kan qabate buufata Asab ilaalchisee dogongorawwan ''seeraafi seenaa'' raawwataman ''sirreessuun'' fedhii qaburraa qofaa kan madde akka hin taane kaasaniiru.
Itoophiyaan ''foxxoquu Ertiraatiin duraafi boodas buufaticha irratti qabeenyaa olaanaa baasunshee ''buufata Asab dhimma ''dursi kennamuuf'' ta'uuf sababa akka ta'e ibsaniiru jedhameera.
Itoophiyaan haala ''diinagdee dirqiisiisaa, dhugaawwan dimogiraafii fi haalawwan seenaatiin'' kan ka'e, fedhiin ulaa galaanaa mootummaan kaasu ''haqa qabeessa, kan sababaafi fudhatama qabu'' akka ta'e kaasaniiru.
Dr Geediyoon ''muddamni'' Itoophiyaa fi Ertiraa jidduu jiru furamu kan danda'u ''tokkummaa dinagdee qaxanaa'' biyyoota lamaan jidduutti uumuudhaan ejjannoo jedhu ibsa isaaniitiin kaasaniiru.
Itoophiyaan fedhiinsheen ulaa galaanaa ''waliitti fufaa fi nageenyisaa mirkanaa'e'' argachuuf qabdu adeemsa kanaan furmaata akka argatu kaasaniiru.
''Itoophiyaan haala walitti fufaafi nageenyisaa mirkanaa'een buufata Asab argachuuf'' filamaatawwan ishee dandeessisan kan biraa ilaaluuf qophii ta'ushee dubbataniiru.
Filmaanni akkasii kunis ''kan fedhii Itoophiyaa yeroo dheeraaf guutuu fi Ertiraas kan fayyadu'' ta'uu dabalun kaasan.
Muddama Ertiraafi Itoophiyaa jidduutti mul'atu furuudhaaf hojiiwwan dippilomaasii hojjataman kan fashalaa'u yoo ta'e, tarkaanfiin ittaanu maal ta'uu akka malu gaaffiin akka Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa kanaaf dhiyaatee ture odeeffannoon 'Horn Review' ni mul'isa.
Dr Geediyoon deebii gaaffii kanaaf kennaniin, mootummaan Itoophiyaa ''karaa kamiinuu waraanaa hambiisuuf kutannoo qabaachuu'' cimsuun akka kaasan himameera.
Ministirri Dhimma Alaa kun yeroo ibsa kennanitti, ''haala dadhabaa guutuun Gaanfa Afriikaa keessatti argamuutiin waraanni gara biraa kan badii qaqqabsiisu ta'a'' jedhaniiru. Mootummaan Itoophiyaas Ertiraadhaaf tarkaanfii deebii kennuurraa kan of ''qusateef'' kanumarraa kan ka'e akka ta'e dubbataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa ''marii'' carraa eegeera biyyoota lamaanii jijjiruuf qophii ta'uu kan ibsan Dr Geediyoon, hawaasni addunyaatis Ertiraa irratti dhiibbaa akka taasisuu gaafataniiru.
''Mootummaan Ertiraa dubbii barbaachaa fi sarbama Itoophiyaa irratti raawwatu dhaabuudhaan qalbii gaariidhaan marii akka taasisuuf hawaasni addunyaa dhiibbaa akka taasisuufi akka jajabeessuuf waamicha dhiyeessina'' jedhaniiru.