Itoophiyaanonni seeraan ala ari'amuuf jirra jechuun bulchiinsa Tiraamp irratti himata dhiyeessan

Falmitootni mirga godaantotaa, bulchiinsi Tiraamp heyyama eegumsa godaantota Itoophiyaaf godhamu dhaabuuf murteessuu isaa hordofee mana murtiitti himata bananiiru.

Akka gabaasa Rooyitarsitti, lammileen Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman eeyyama eegumsa yeroo argachuun Ameerikaa keessa jiraatan hedduun ajaja Tiraampiin biyyaa ari'amuuf jiru.

Falmitootni mirga godaantotaa kunneen garuu akka lammileen Itoophiyaa heyyama eegumsaa yeroon Ameerikaa keessa jiraatan kunneen hin ari'atamneef, mirgi kunis seeraan ala haqame jechuun himatan.

Himannaa kana mana murtii federaalaa Boostonitti kan dhiyeessan lammiilee Itoophiyaa sadii fi garee bu'aa maallaqaaf hin hojjanne tokko kan 'African Communities Together' jedhamudha.

Himanni isaanis Ministeerri Nageenya Biyya keessaa Ameerikaa haala seeraan ala ta'een lammilee Itoophiyaa Haala Eegumsa Yeroo (TPS) Ameerikaa keessa jiraatan murteessee jedha.

Kun ammoo seeraan ala namoota dhuunfaa 5,000 balaadhaaf saaxileera jira jechuun mana murtii federaalaa Bostonitti kan himata dhiyeessan.

Hayyama 'Haala Eegumsa Yeroo (TPS)' jechuun namoonni biyyoota waldhabdee hidhannoo, balaa uumamaa, ykn rakkoolee gurguddoo biroo mudatan irraa gara Ameerikaa dhaqan yeroo murtaa'eef seeraan Ameerikaa keessa akka jiraataniifi hojjetaniif kan hayyamudha.

Lammiileen Itoophiyaa hedduun bara 2022 bara pirezdaantii duraanii Joo Baayidenitti waldhabdee fi yaaddoo namoomaa Itoophiyaa keessa tureen hedduun heyyama haala yeroo kana argatanii ture.

Bulchiinsi Pirezidaant Tiraamp hayyama kana haquun yeroo murtaa'e booda lammiileen kunneen akka gara biyya isaanitti deebi'an ajaja dabarseera.

Himattoonni kunneen garuu ammallee haalli nageenyaa Itoophiyaa yaaddoo cimaa kan qabuu fi hayyamni sun ariitiin jechuunis guyyoota 60 qofa kennuun seeraan ala jedhu.

Tarkaanfiin kun siyaasaa fi loogii sanyii godaantota adii hin taane gurraachota Itoophiyaa irratti ta'e jedhamee fudhatamedha jechuun falman.

Himanni mana murtiitti dhiyaate kun "Itoophiyaan ammallee rakkoo namoomaa keessa akka jirtu utuu beekamuu Ministirri Nageenya Biyya keessaa Kiristii Nohaam eegumsa lammiilee Itoophiyaa haqan'' jedha.

Kun heera mootummaa kan faallessu ta'uu fii loogii sanyiitii jedha.

Ameerikaan Eegumsi lammiilee Sooriyaa, Veenzuweelaa, Heeyitii, Nikaraaguwaa, fi Sudaan Kibbaa irraa kaafteetti.

Kana hordofees himannaan hedduun mana murtii federaalatti dhiyaateera. Bulchiinsi Tiraamp tibbana eegumsa lammiilee Somaaleef taasifamu kaasus murteesseera.

Bara 2022tti lammiilee Itoophiyaa Ameerikaa jiraataniif eegumsa kan kenne bulchiinsa Pirezidaantii Joo Baayiden ture. Amma Tiraamp kana haqeera.

Dhimmi kun amma abbaa murtii federaalaa duratti dhiyaateera. Murteen kennamu maal akka ta'u eegamaa jira.