Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa nama tokkoon booda aariifi mormiin Miniyaappolisitti jabaate
Ameerikaa magaalaa Miniyaapolis keessatti namoonni hedduun walitti qabamuun qondaaltonni immigireeshinii federaalaa kutaa biyyattii keessa jiraachuusaanii mormaan.
Bulchaan Miniisootaa Tiim Waalz pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp qondaaltota federaalaa kutaa isaanii keessaa akka baasan waamicha dhiyeessan.
''Kun yeroo jijjiiramaati'' jedhan bulchaan kun.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasaa 'Truth' jedhamu irratti bulchaan Miniisootaa Tiim Walz fi kantiibaan magaalaa Miniyaapolis Jacob Firey ''godaantota seeraan alaa yakka raawwatan hunda manneen hidhaa federaalaa keessatti hidhaman akka biyyaa arii'amaniif dabarsanii kennuu qabu'' jedhan.
Qondaaltonni naannoo fi federaalaa taatee ajjeechaa nama tokkoo tibbana raawwate ilaalchisee yaada wal faallessu kennaniiru.
Ajajaan Paatroolii Daangaa Gireg Bovino waa'ee viidiyoo ajjeechaa kana agarsiisu kanaa yeroo gaafataman dhugaa jiru adda baasuuf qorannoon gaggeeffamuu qaba jedhu.
Baatii tokko utuu hin guutiin sakatta'iinsa immigireeshinii Miniyaappoolis keessatti lammii Ameerikaa lama galaafate mormii aarii fi balaaleffannaa guddaa kaaseera.
Mormitootni dhibbaan lakkaa'aman haala qilleensaa qorraa keessatti daandii irratti ba'uun mormii isaanii dhageessisaa jiru.
Tiraamp baatii Muddee keessa hojjattootni federaalaa gara kutaa Dimookiraatotaan bulaa jiruu ajajuun, godaantota waraqaa eenyummaa hin qabne baay'inaan akka biyyaa ari'an waadaa galan.
Sanbata halkan namoonni dhibbaan lakkaa'aman naannawa ajjeechaan itti raawwatetti ba'uun mormii isaanii dhageessisaa turan.
Guyyaa sanatti mormitoonni dhibbaan lakkaa'aman dhukaasaa fi sakatta'iinsa dhaabbata Immigireeshinii fi Gumuruukaan raawwatame irratti aarii isaanii yoo dhageessisan eegdootni nageenyaa haguuggii fuulaa uffatan gaazii imimmaanessu fayyadamaa turan.
Mormiin kun magaalota Ameerikaa biroottis babal'ateera. Niiwu Yoorki Chikaagoo, Los Angeles fi San Fransiskotti babal'ateera.
'BBC Verify' viidiyoowwaan yeroo dhukaasa sana dura agarsiisan xiinxaleera. Viidiyoowwan jiran keessaa tokkollee narsiin tibbana ajjeefame Alex Pireetti meeshaa waraanaa qabatee akka jiru hin agarsiisu.
Hojjattoota federaalaa keessa tokko kallattiin yeroo isatti dhukaasu, dhukaasni ni dhagahama ture.
Dhukaasa kanaan Alex Piretti hojjattootaa federaalaan Minneapolisiin ajjeefame
Ragaa dhiyaate keessatti, ragaaleen lama hojjattoota federaalaa namni sun meeshaa waraanaa qabatee akka ture argine jedhan.
Garuu itti aanaan abbaa alangaa waliigalaa Toddii Bilanche Dilbata darbe miidiyaatti akka himanitti viidiyoon kun ifa waan hin taaneef "waan baay'ee nuti hin argine" jiraachuu waan maluuf qorannoo itti fufuuun akka barbaachisu himan
Prezidaant Doonaald Tiraamp qondaaltonni biyya keessaa fi kutaa biyyattii ''Fincila kakaasaa jiru'' jechuun himatan.
Bulchaan Walz yaada mootummaan federaalaa taatee kana ilaalchisee kenne cimsanii mormaniiru. ' 'Viidiyoo kana haalaa hedduun argeera, nama dhukkubsa,'' jechuun gaazexeessitootatti hime.
Walzi irra deebiin waamicha tiraampiif taasiseen hojjatoottni federaalaa Minnesota keessa akka baafaman gaafataniiru
Kantiibaan magaalaa Miniyaapolis Jaakoob Fireey akkasumas ergamtoonni ICE akka kutaa biyyattii gadhiisan gaafataniiru.
"Duulli kun akka xumuramuuf jiraattotni ykn lammiileen Ameerikaa meeqa dabalataa du'uu ykn akka malee miidhamuu qabu?" jechuun gaafatan.
Hogganaan poolisii Minneapolis Brian O'Hara akka jedhanitti namni ajjeefame kun seera tiraafikaa cabsee beekuun ala galmee yakkaa kan biraa hin qabu jedhan.
Senetar paartii Rippabilikaan Biil Kaasidiin taateewwan Miniyaapoolis keessatti raawwataman ''haala nama jeequ'' jechuun dubbataniiru.
"Qorannoo waloo federaalaa fi naannoo guutuu ta'e jiraachuu qabas"jedhan.
Jalqaba baatii kanaa ergamaan ICE tokko jiraattuu ganna 37 Minneapolis keessatti rasaasaan rukutee ajjeesuun ni yaadatama
Ergamtoonni immaagireshinii fi Gumurakaa jedhaman namoota seeraan ala US keessa jiraachuu isaanii shakkan sakatta'uufi hidhuuf gara sanatti bobbaafaman