Sadarkaa paaspoortii biyyoota addunyaa bara 2026'n kan Itoophiyaa sadarkaa maalirra jira?

Biyya tokkoo biyya biraatti imaluuf ulaagalee dirqama tahan keessaa tokko viizaa biyya itti imaltuu argachuu dha.

Haa tahu malee biyyooti jabina paaspoortii isaanii irratti hundaa'uun viizaa malee biyyaa, biyyatti socho'uu danda'an baayyeen jiru.

Dhaabbanni The Henley Passport Index jedhamu wagga waggaan jabina Paaspoortii biyyoota addunyaa baasa.

Gabaasa bara 2026 tibbana baaseen biyyooti Eeshiyaa sadii sadarkaa duraa qabatanii jiru.

Akka gabaasa kanaatti Singaapoor jabina paaspoortiisheen biyyoota addunyaa hunda dursaa jirti. Lammiileen biyyattii viizaa malee biyyoota 192tti imaluu danda'u.

Dhaabbanni The Henley Passport Index imala geejjiba qilleensaa addunyaa International Air Transport Association fayyadamuun gabaasa wagga waggaan baasu kanaan Jaappaaniif Kooriyaan Kibbaa qixxee sadarkaan lammaaaf qabatanii jiru.

Lammiileen biyyoota lamaanii viizaa malee biyyoota 188tti imaluu ni danda'u.

Itoophiyaan gabaasa bara 2026'n sadarkaa 90ffaarra kan jirtu yoo tahu isa bara 2025 sadarkaa 88ffaa turterraa gad siiqxee jirti. Paaspoortii Itoophiyaa sadarkaa kana argateen biyyoota 43tti viizaa malee galuun ni danda'ama.

Dhaabbanni gabaasa kana baasu Henley biyyoota sadarkaa qixxee qaban baayyee tarreesseera. Haaluma kanaan biyyooti Awurooppaa shan sadarkaa qixxee hirmaatu.

Deenmaark, Lagsambarg, Ispeen, Siwiidiiniifi Siwiizarlaand sadarkaa sadaffaa waloon qabatanii jiru. Biyyooti kunneen biyyoota 186tti viizaan osoo isaan hin barbaachisiin imaluu ni danda'u.

Biyyooti miseensa Gamtaa Awurooppaa tahan biroo kudhan madaalli jabina paaspoortii bara kanaan sadarkaa 4ffaa qabataniifi viizaa malee biyyoota 185 galuu danda'an Oostiriyaa, Beeljiyeem, Fiinlaand, Firaans, Jarman, Giriik, Ayarlaand, Xaaliyaanii, Neezarlaandis fi Noorweeyi dha.

Sadarkaa shanaffaa irra ammoo Haangarii, Poorchugaal, Islooveekiyaa, Isloovaaniyaafi UAE fa'itu argama. Biyyooti kunneenis viizaa malee biyyoota 184 deemuu danda'u.

Seenaa gabaasa dhaabbata Henley waggaa 20 kanaan UAE'n sadarkaashee akkaan fooyyeessiteetti.

Bara 2006 irraa qabee qabxii 57'n ol dhufuun biyyoota viizaa malee itti imaltu 149 dabalateetti. Kunis ''sababa hariiroo dippiloomaasii jabaafi foyya'insa viizaa irratti taasifameeni,'' jedha gabaasichi.

Sadarkaa Henley kennu kanaan Yunaayitid Kingidam (UK) sadarkaa torbaffaa irratti argamti. Paaspoortiin UK bara 2013 hanga 2015tti biyyoota addunyaatti ittiin imaluuf walitti aansuun sadarkaa baayyee gaariirra ture. Erga EU irraa baateen (Brexit) booda garuu laafaa dhufe.

Amma paaspoortii UKtiin viizaarraa bilisaan gara biyyoota 182tti imaluun ni danda'aman.

Gabaasa bara 2025nin seenaa keessatti waggaa 20 darbe keessatti paaspoortiin Yunaayitid Isteeti (US) ramaddii sadarkaa duraa 10 jalqabaa keessa jiran keessaa kufee ture, gabaasa bara 2026'n deebi'ee sadarkaa 10ffaa qabateera.

Paaspoortii US kanaan viizaan osoo hin barbaachisiin biyyoota 179tti imaluun ni danda'ama.

Biyyooti Afrikaa sadarkaa akkamiirra jiru?

Gabaasa bara 2026 kanaan biyyoota Afrikaa keessaa Siisheels, Moriishees fi Afrikaa Kibbaa sadarkaa 1 hanga 3ffaa qabatanii jiru.

Paaspoortiin Siisheelis sadarkaa 24ffaa kan qabate yoo tahu lammiileen biyya kanaa viizaa malee biyya 154tti imaluu danda'u.

Moorishiyees sadarkaa 27ffaa irra kan jirtu yoo tahu, biyyoota 147tti paaspoortii kanaan viizaa malee imaluun ni danda'ama.

Lammiileen Afrikaa Kibbaa biyyoota 101tti viizaa malee imaluu kan danda'an yoo tahu gabaasa baranaan paaspoortiin biyyattii sadarkaa 48 irra jira.

Sadarkaa Afrikaatti biyyoonni akka Ertiraa, Liibiyaa fi Somaaliyaa paaspoortii gadi bu'aa ta'e qabu.

Eritiraan sadarkaa 94ffaa, biiyyoota 38, Liibiyaan sadarkaa 93, biyyoota 39 akkasumas Somaaliyaan sadarkaa 97ffaa qabachuun biyyoota 33tti viizaa malee imaluun danda'ama.

Biyyoonni kunneen sadan paaspoortii viizaarraa bilisaan biyyoota addunyaatti imaluudhaan ardittiirratti sadarkaa dhumaarra jiru.

Baha Afrikaa keessatti Keeniyaan biyya paaspoortii biyyoota addunyaa baayyeetti salphaatti ittiin imalan qabaachuun sadarkaa tokkoffaarra jirti.

Akka addunyaatti paaspoortiin Keeniyaa 68ffaarra kan jiru yoo ta'u, lammileen paaspoortii Keeniyaa qaban viizaan osoo isaan hin barbaachisiin gara biyyoota addunyaa 69tti imaluu danda'u.

Tanzaaniyaan addunyaartratti sadarkaa 69ffaa qabachuun Keeniyaatti aantee jirti. Lammileen paaspoortii Taanzaaniyaa qabatan osoo viizaa hin gaafatamiin gara biyyoota addunyaa 68 deemuu ni danda'u.

Yugaandaan ammoo addunyaarratti sadarkaa 71ffaa qabatteetti. Paaspoortii Yugaandaatiin viizaa malee gara biyyoota 66 deemuun ni danda'ama.

Biyyi xiqqoo Gaanfa Afrikaa kan taate Jibutiin biyyoota addunyaa 46 viizaarraa bilisa seenuu danda'uun sadarkaa 88ffaa qabatteetti.

Itoophiyaan gabaasa bara 2026'n sadarkaa 90ffaarra kan jirtu yoo tahu isa bara 2025 sadarkaa 88ffaa turterraa gad siiqxee jirti. Paaspoortii Itoophiyaa kanaan biyyoota 43tti viizaa malee galuun ni danda'ama,

Dhaabbanni waggaa waggaan jabina paaspoortiiwwan biyyootaa baasu sadarkaa kennuun bara 2024 keessa Paaspoortiin Itoophiyaa sadarakaa 93ffaa irra ture.

Akka addunyaatti gabaasa kanaan sadarkaa dhumaarra kan jiran keessaa Afgaanistaan 101ffaa qabachuun lammiileen biyyattii viizaa malee biyyoota 24 qofatti imaluu danda'u.

Sooriyaan sadarkaa 100ffaa kan jirtu yoo tahu, paaspoortii biyya kanaan biyyoota 26 galuun danda'ama.

Lammileen Iraaq viizaa malee biyyoota 29tti imaluu kan danda'amu yoo tahu, sadarkaan paaspoortii biyyattiis 99ffaarra jira.

The Henley Passport Index maali?

Muuxannoo waggoota 20 ol kan qabu dhaabbanni The Henley Passport Index jedhamu kun, addunyaarratti tajaajila gorsa imala qilleensaan isa guddaadha.

Dhaabbanni kun lammileen biyyoota gara garaa hangam addunyaarra bilisaan socho'uu akka danda'an ilaaluun sadarkaa paaspoortii biyyootaa baasa.

Kana jechuun, namni paaspoortii biyya isaa qabate tokko osoo viizaa hin gaafatamiin bilisaan gara biyyoota addunyaa meeqatti imaluu danda'a kan jedhu ilaale madaaluun waggaa waggaan sadarkaa baasa.

Kanaanis paaspoortiiwwan biyyoota addunyaa 199 ilaalee sadarkaa baasa jechuudha.

Jabina viizaa maaltu murteessa?

Viizaa malee biyya tokko galuudhaaf paaspoortiin biyyattii hangam jabaadhaa kan jedhutu murteessa.

Akka Baankiin Addunyaa jedhutti, dhimmota fudhatamummaa ykn cimina paaspoortii murteessan ijoo keessaa tokko hammaa maallaqa ykn galii dhuunfaa lammiileen argataniidha.

Biyyoonni diinagdee cimaa qaban kanneen hiyyeeyyii caalaa dursanii viizaa biyyoota hedduu argachuun irraa hin eegamu.