Lammiileen Itoophiyaa viizaa malee biyyoota kamitti imaluu danda'u?

Akka lammii Itoophiyaa tokkotti Ameerikaa fi biyyoota Awurooppaa baayyeetti imaluuf dursanii viizaa argachuun dirqama.

Adeemsi viizaa kana argachuu ammoo dheeraafi wal-xaxaa dha. Viizaa malee biyya tokko galuudhaaf paaspoortiin biyyattii hangam jabaadhaa kan jedhutu murteessa.

Akka Baankiin Addunyaa jedhutti, dhimmota fudhatamummaa ykn cimina paaspoortii murteessan ijoo keessaa tokko hammaa maallaqa ykn galii dhuunfaa lammiileen argataniidha.

Biyyoonni diinagdee cimaa qaban kanneen hiyyeeyyii caalaa dursanii viizaa biyyoota hedduu argachuun irraa hin eegamu.

Dhaabbanni waggaa waggaan jabina paaspoortiiwwan biyyootaa baasu Henley and Partners jedhamu gabaasa bara 2024 baaseen Paaspoortin Itoophiyaa sadarakaa 93ffaa irra jira.

Akka gabaasa dhaabbatichaatti Itoophiyaan sadarkaa bara darbe 89ffaa ture irraa gad bu'uuni kan 93ffaa irra teesse kunis sababa walitti bu'insa biyyattii keessa jiruuni jedheera.

Bara kana biyyoonni jaha, Firaans, Jaappaan, Ispeen, Xaaliyaan, Singaapoooriifi Jarman Paaspoorti jabaa- biyyoota 194tti viizaa malee imaluu danda'uun sadarkaa tokkoffaa qabatanii jiru.

Afrikaa keessaa Moorishiyas paaspoortii jabaa qabaachuun sadarkaa tokkoffaarra kan jirtu yoo tahu, namni paaspoorti biyyattii qabu biyyoota 150 tahanitti imaluu danda'a.

Biyyooti Itoophiyaa viizaa hin gaafanne eenyu fa'i?

Gabaasa Henley and Partners kanaan namni paaspoortii Itoophiyaa baatu tokko biyyoota 47tti viizaa malee imaluu danda'a.

Biyyoota ollaa fi Afrikaa biroo:

Jibuutii, Keeniyaa, Somaaliyaa, Ertiraa, Sudaan Kibbaa, Gaanaa, Ruwaandaa, Senegaal, Zimbaabuwee, Maadaagaaskar, Naayijeeriyaa, Mooriteeniyaa, Moorishiyas, Sisheelis, Keeppi Verdee, Komoroos fa'i keessatti argamu.

Biyyoota addunyaa biroo Itoophiyaan viizaa malee itti imaluu dandeessu:

Taayilaand, Baangilaadesh, Baarbedoos, Heeytii, Maaldaaviis, Singaapoor, Fiilippiins, Doominikaan Rippaabliik, Iraan fa'i dha.

Itoophiyaan hoo eenyun viizaa malee galchiti

Imaltoonni biyyoota baayyee Itoophiyaa dhufuu barbaadan viizaan isaan barbaachisaa jedha odeeffannoon : Marsariitii dhimma viizaa Itoophiyaa.

Haala kanaan imaltoonni gara Itoophiyaa deeman embaasii ykn qoonsilaa deemuun otoo isaan hin barbaachisiin, onlaayiniin viizaadhaaf iyyachuu danda'u.

Biyyooti Itoophiyaa viizaan osoo isaan hin barbaachisiin galuu danda'an Keeniyaa fi Jibuutii qofa.

Namoonni paaspoortii Keeniyaa qaban viizaa malee seenuun hanga waggaa tokkoo turuu danda'u, kan Jibuutii ammoo hanga baatii sadii turu danda'u.

Viizaa argachuufi dhorkamuu

Namni paaspoortii Itoophiyaa baatu tokko biyyoota Gamtaa Awurooppaa keessa jiranitti imala yeroo gabaabaa- tuurizimii, fira gaafachuuf ykn sagantaa irratti hirmaachuuf viizaaf iyyaachuun irraa eegama.

Viizaan biyyoonni kunneen kennan Shangan viizaa(Schengen visa) jedhama.

Biyyoonni Awurooppaa 27 daangaawwan isaanii irratti to'annoo paaspoortii kan kaasan yoo tahu kunneen keessaa 23 miseensota Gamtaa Awurooppaati jedha odeeffannoon marsariitii Yuroo Istaat.

Kana jechuun fakkeenyaaf namni viizaa Jarman argate tokko biyyoota hafan 26 viizaan biraan osoo isa hin barbaachisiin imaluu danda'a jechuu dha.

Dhaabbanni dhimma lammummaa lammataa invastimantiidhaan argachuu irratti hojjetu Immigrant Ivest akka jedhutti bara 2022 Firansaayi biyyoota baayyee iyyata viizaa isaaniif deebii tole jedhu hin kennine dha.

Firansaayi iyyannoowwan viizaa argachuuf galan 408, 876 dhorkuun sadarkaa tokkoffaarra kan jirtu yoo tahu, Ispeen, Jarman, Xaaliyaaniifi Neezarlaand wal-duraa duubaan biyyoota viizaa dhorkani dha.

Viizaa shangan dhorkamuun baruma tokko keessa Aljeeriyaan sadarkaa tokkoffaa irra jirti.

Iyyannoowwan viizaa shangan argachuuf lammiilee Aljeeriyaan gaafataman keessaa harki 45 fudhatama hin arganne.

Giinii Bissaawuu, Naayijeeriyaa, Shiriilaankaa, Gaanaa, Heeytii, Senegaal, Giinii fi Paakistaan wal-duraa duubaan biyyoota viizaa kana dhorkamani dha.

Namoonni paaspoortii Gamtaa Awuooppaa hin qabne sababa garagaraan viizaa Shangan argachuu akka dhorkaman hima.

Paaspoortii tarsa'e ykn sirrii hin taane, sanda imalaa sobaa, sababa daawwannaa ifa hin taanee, maallaqa gahaa imalaaf tahu otoo hin qabaatiin hafuu, wabii yaala fayyaa, ragaa iddoo turtii dhiyeeffachuu dhabuufi mallattoo dhuunfaa wal-fakkaataa hin taane fayyadamuu fa'i kaasa Immigrant Ivest.

Akka Schengen visa news jedhutti bara 2022tti biyyoota Afrikaa bahaa keessaa Keeniyaatti aanuun Itoophiyaa viizaa shanganiif iyyachuun sadarkaa lammaffaarra irra jirti.

Tahus iyyata 21,099 viizaaf gale keessaa harki 28.9 otoo hin kennamiin hafeera, kunis walumaagalatti iyyannoo milkiin hin deebine 5,977 dha.

Kana jechuun iyyata 100,000 bara 2022tti lammiileen Itoophiyaa galchan keessaa viizaa 11f eeyyamni biyyoota naannoo Shangan galuu kennameera. Afrikaa keessatti iyyattoonni 8,714 tahan eeyyama viizaa kanaa ni argatu.

Gama biraan viizaa Ameerikaa godaansaa kan hin taane kan akka, carraa barnoota bilisaaf iyyata gaafatamu keessaa Itoophiyaa dabalatee iyyattoonni biyyoota Afrika bara 2022 harka 54 tahan hin milkaa'an jedha odeeffannoon bara 2023 dhaabbata qorannoo dhaabota olaanoo Shorelight and the non-profit Presidents’ Alliance group jedhamuun bahe.

Akka gabaasa kanatti lakkoofsi kuni bara 2015tti harka 44 kan ture yoo tahu waggoota saddeet keessatti dhorkamuun akkaan dabaluu hima.