Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Vaayiresiin Maarbarg guutummaan guutuutti Itoophiyaa keessaa "dhabamsiifameera" -Ministeera Fayyaa

Ji'a sadii dura Kibba Itoophiyaa, godina Jinkaatti mul'atee kan ture Vaayirasiin Maarbarg guutummaan guutuutti to'atamuu MInisteerri Fayyaa beeksiseera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Meksiikootti hidhattoonni dirree kubbaa miilaa seenuun dhukaasa bananniin yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefaman

    Dilbata Meksiikoo magaalaa Salamaankaatti bakka namoonni dirree kubbaa miilaa keessatti walitti qabamanii jiranitti dhukaasa hidhattoonni bananiin yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefamanii kan biroo baayyeerra miidhaan qaqqabe.

    Hidhattoonni kunneen baayyatanii konklaataan fe'amanii bakka sana akka gahaniifi nama osoo adda hin baasiin kanuma argatanirratti dhukaasaakka bananan namoonni ijaan argan dubbataniiru.

    Yeroo haleellaan kun raawwatametti, maatiin baayyeen morkii garee kubbaa miilaa naannoo sanaan booda wal arguudhaaf walitti qabamanii turan.

    Namoota ajjeefaman kanneen keessa daa'mnii fi dubartiin tokko keessatti argamu.

    Kaayyoon haleellaa kanaa hanga ammaa maal akka ta'e ifa miti.

    Humnoonni nageenyaa nananoofi federaalaa haleellaa lubbuu galaafate kana qorachaa jiru.

  2. Mikeel Arteettaa fi taphattoonni Arsenaal erga Maan Yuunaayitidiin mo'amanii maal jedhan?

    Arsenaal dirree isaa irratti Maanchister Yuunaayitidiin 3-2'n mo'ame.

    Galchii Biriyaan Embuumoo, Doorguu fi Kuunaadhaan Arsenaaliin kan injifate Maanchister Yuunaayitid torbee darbes Maanchsietr Siitii mo'achuun gahumsa guddaa agarsisieera.

  3. Ameerikaatti sababa haala qilleensaa rakkisaan jeettiin kufee caccabe

    Kuta abulchiinsa Ameerikaa Meeyin keessatti jeettiin dhuunfaa namoota saddet qabatee ture yeroo Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Baangoor irraa ka'utti kufee caccabuu Abbaan Taayitaa Aveeshinii himeera.

    Jeettiin Bombaardiyeer Chaaleenj 600 ta'e kun Wixata saatii 9:45 irratti ture kufee caccabuun isaa kan ibsame.

    Haallii fi eenyummaan namoota jeettii kanarra turanii hin ibsamne.

    Balaan kun kan qaqqabe sababa haala qilleensaa waqitii gannaa guutummaa Ameerikaatti cabbiifi urrii uwwise hordofeeeti.

    Haali qilleensaa rakkisaa kun hanga ammaatti lubbuun namoota 10 olii akka darbuuf sababii ta'eera.

    Namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman ammoo ibsaa malee hafaniiru.

    Balaliistonno jeettichaa balaan kun osoo hin mudatiin dura naannoo buufata xiyyaaraa sana arguudhaaf rakkachaa akka turan himameera.

  4. Dorgommiin olaantummaa biyyoota jajjaboo addunyaa sadan garam deemaa jira?

    Ameerikaan erga hogganaa Veenzuweelaa Nikolaas Maaduroo to'atteen booda Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "olaantummaan Ameerikaan Hemisfeera Dhihaa irratti qabdu kana booda gaaffii keessa hin jiru" jechuun dubbatan.

    US humna cimaa qabaachuu ishee guddiftee mul'isuufis yaalaa jirti.

    Chaayinaa fi Raashiyaan gama isaaniin biyyoota dhiibbaa qaban ta'uu isaanii mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiran itti fufaniiru.

    Xiinxaltoonni akka jedhanitti biyyoonni sadan haala addunyaa haaraa uumuuf carraaqaa jiru.

    Dhiibbaan isaanii Awurooppaa bira darbee guutuu addunyaatti mul'ataa jira.

    Gabaasni kun dhiibbaa waraanaa, dinagdee fi siyaasaa US, Chaayinaa fi Raashiyaan ollaa isaanii fi addunyaa irratti qaban dhiyeessa.

  5. Ajjeechaa Minisootaa hordofee mormiin kan itti jabaate Pirezidant Tiraamp "waan hunda ni gamaggamna" jedhe

    Sambata humni federaalaa Ameerikaa seera immigireeshinii kabachiisan, ICE, lammii Ameerikaa umuriin isaa wagga a37 ajjeesuu hordofee mormii jabaataa dhufeen pirezidant Tiraamp bulchiisni isaa "waan hunda ni gamaggamna" jedhe.

    Pirezidant Tiraamp gaaffiifi deebii Barruu Wool Istiriit waliin taasiseen, humnoonni federaalaa adeemsa keessa magaalattii gadhiisanii akka bahan beeksiseera.

    Yeroo humnoonni federaala akunneen itti bahan ilaalchisuun garuu waan jedhe hin qabu.

    Ajjeechaa narsii namoota baayyee dhibaman kunuuns kan ta'e Aleksii Pireetii hordofee, Dilbata magaalota Ameerikaa keesatti mormiin cimee itti fufeera.

    Gavarnariin Minisootaa Tiim Waalz Ameerikaan "bakka qaxaamuraarra jirti" jechuun akeekkachiiseera.

    Garaa garummaa torbanoota muraasa keessatti ajjeechaawwan lama mudatan ilaalchisuun ibsi kennaman wal falmisiisa ajiru.

    Aanga'oonni federalaa fi kuta abulchiinsa kanaas sababa kanaarraa kan ka'een wal gaarerffannaa keessa galaniiru.

  6. Vaayiresiin Maarbarg guutummaan guutuutti Itoophiyaa keessaa "dhabamsiifameera" - Ministeera Fayyaa

    Ji'a sadii dura Kibba Itoophiyaa, godina Jinkaatti mul'atee kan ture Vaayirasiin Maarbarg guutummaan guutuutti to'atamuu MInisteerri Fayyaa beeksiseera.

    Vaayiresiin kun "guutummaatti Itoophiyaa keessaa dhabamsiifamuun" isaa kan ifoome akkaataa hojmaata Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tiin "guyyoota 42 darban walitti aansuun dhukkubsataan haaraa tokkollee waan hin galmoofneef " ta'uu ministirri fayyaa Dr. Maqidas Dhaabaa ibsiteetti.

    "Lubbuu lammilee keenya sagalii dhabnullee, weerarri kun rakkoo cimaafi walxaxaa qaqqabsiisuu danda'urraa ummata keenyaafi biyya keenya baraaruu dandeenyeerra. Baga gammaddan! Baga Gammadne," jechuun dhibeen kun to'atamuu labsite Dr. Maqdas Dhaaba.

    Ministeerri Fayyaa yeroo jalqabaatiif Vaayirasiin Maarbarg Itoophiyaa keessatti mul'achuu kan ibse Sadaasa keessa ture. Yeroo kana keessatti namoonni 14 dhibee kanaan qabamuusaanii qorannoo laaboraatooriin kan mirkanaa'e yoo ta'u, kanneen keessaa sagal lubbuun isaanii darbeera. Shan ammoo dhibee kanarraa fayyaniiru.

    Dhukkubni kun Itoophiyaa keessatti kan mul'ate yeroo jalqabaatiif ta'uu kan ibsite Dr. Maqdas, "yeroo sanatti dhukkubni kun hamaa ta'uu isaarraa kan ka'een wanti mudate hunda keenyaaf yaaddessaa ture," jette.

  7. ASHAMAA!

    Akkam jirtu? Oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Xiinxala gara garaa, odeeffannoo wayitaawaa akka filannoo keessaniitti toora kanneeniin argachuu dandeessu:

    Odeeffannoo biroo hedduuf: Marsariitii, Facebook, YouTube, Whatsapp irratti nu hordofaa.

    Dhiyaadhaa!