Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gumaacha Weellistuu Halloo Daawwee 'qixxee hinqabne'
Weellistuu gameettii keessumaa artistoota Oromoo dubartoota ta’aniif karra saaqxe jedhamuun kan ibsamtu, Halloo Daawwee, magaalaa Adaamaatti owwaalchi ishee raawwatameera.
Halloon dhibee irra bubbuleen waggoota muraasa darbaniif wal'aansarra erga turtee booda Sambata ALI Onk. 03, 2016 lubbuun ishee darbe.
Owwaalcha isheerratti artistoonni, keessummoonni, dinqisifattoonniifi kaan argamaniiru. Namoonni gadda isaanii ibsuun, gumaacha isheef galateeffatan.
Gariin ‘’weellistuu qixxee hinqabne, kaan ‘’qabsooftuu,’’ kaanimmoo artistii ‘‘dubartootaaf xurree saaqxe’’ jechuun ibsanitti nagaa dhaammataniiru.
Dinqisifattoonni ishee lubbuun dabartus maqaan ishii darbees gumaachishee garuu si’achi baroota ce’ee akka jiraatu amanu.
Duunishii dhukkuba shukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi kaleetiin dhibamtee yaalamaa erga turte booda dhagahame. Du’a ishee dura gargaarsa gaafataa turte.
Waggaa darbe yeroo BBC’n ishee dubbise dhukkubsattee manatti erga galtee waggaa 10 ta’uufi biyya alaatti osoo yaalamtee akka fayyuu dandeessu himte.
''Uummatni afaan fi aadaasaa, seenaasaa guddisuutti dararaa arge na dagateera,'' jechuunis komatte.
'Dorgomaa hinqabdu'
Magaalaa Dirree Dhawaa naannawa bara 1960’tti kan dhalatte Halloon umrii 15'tti wallee eegalte.
Isa dura garuu magaaluma weellistoota beekamoo kaan biqilchite keessatti hojii buna qulqulleessuu hojjetaa turte.
Yeroos sagalee kiiloleesheen yeroo sirbitu qalbii namootaa booji’uu maatiin ishee himu.
Weellistoonni baandii maqaa guddaa qabu, Afran Qalloo, hundeessan jiraachuun immoo galaa ijoollummaa ishee kan ta’e aartii akka seentu ishee gargaare. Isaaniifis furmaata fide.
Akka barreessaafi gaazexeessaa Obbo Mahammad Ahimad (Qophee)’tti, baandiin yeroosii dubartii weellistu waan hin qabneef ishiin hanga tokko isaan furteetti.
Sirnoota darban keessatti dhiibbaan Afaan Oromoo irra gahu hojii aartii kana keessa akka seentuuf onnachiisuus kana dura BBC’tti dubbatte.
"Afaan Oromoo kuni Raadiyoo cabsa jedhu, animmoo mee akkuma inni cabsuun ilaala jedheetan sirbatti seenee keessatti guddadhe. Dhiibbaan yeroo sana tures haalaan cimtuudha.
‘’Bara ce'umsaa ammoo biyya alaatti baqadheera. Jibuutiifi Somaaliyaa keessa baqaan waggaa torba tureen deebi'e" jette.
Halloon waggoota afurtamaa oliifis hanga dhukkubsattee sireerra ciistutti weellisteetti.
''Seenaa muuziqaa Oromoo keessatti weellisuudhaaf dubartii jalqabaallee ta’u baattu weellistuu jalqabaa albama muuziqaa baastedha,‘‘ jechuun hima Gaazexeessaa Zamadkuun Misgaanaaw.
Walleewwan Halloo keessumaa bara mootummaan Dargii reefu aangoo qabate bahuu eegalan.
‘‘Walleelee aadaa, safuu [folk] ta’an weellisuun dubartii qixxee hinqabne.
''Haadha weelliftoota dubartoota Oromoo maraati,‘‘ jechuun ishee ibsa gaazexeessaan wallee xiinxalu kuni.
Bara jireenyasheetti ofiin kaasseta 10, artistoota kaan waliin immoo kaasseta 13 baasuu ishee kana dura BBC’tti himteetti. Gara boodanaammoo CD’dhaanis wallee baaste.
Halloon magaalaa Dirree Dhawaatti Baandii Afran Qalloo booda kan hundaa'e 'Hawwisoo Biiftuu Biyya Teenyaa' jedhamu keessatti sirba jalqabde.
''Baay’ina albamiitiin weellistoota Oromoo isaan kaanirraa isiin sadarkaa tokkoffaarratti kan argamtu,'' jechuun hima Zamadkuun.
''Kuni Alii Birraa dabalatee artistootuma dhiiraa warra Afaan Oromoon albama baasan hunda isaanii akka caaltu isii taasisa.''
Akka Zamadkuun jedhutti Halloon‚ ''Sagalee addaa namni akkeessuu hin dandeenye qabdi.''
''Halloon walaloofi yeedalloo hin hojjettu. Garuummoo muuziqaa osoo hin baratiin, barnootumaa hanga xiqqaa kan baratte, hubannoo muuziqaa adda ta’e qabdi.''
'Halloon fakkeenya kiyya'
Osoo barumsa ammayyaa hin qabaatiin, wallee hammanaa sammuun qabattee weellisuu isheen Artiist Saalihaa Saamiis ishee jajji.
Artiist Saalihaa weellistoota gama Harargeetii faana Halloo hordofan keessaa tokkodha.
‘’Ijoollummaarraa eegalee wanta ishiin hojjechaa turte baay’eedhaan hordofaan ture,’’ jechuun BBC’tti dubbatte.
‘’Ofitti amanamummaa ishee baay’een jaaladha. Yeroo maatiinis, amantiinis dhiibbaan jirutti waan baay’ee injifatte waan kana gochaa turte, roorroo garagaraa injifatte.
‘’Kaaraaktara isii kana nama hordofu ani. Fakkeenyummaattin fudhadha. Ishii ilaallachaa waan hedduun godhaa ture.‘‘
Weellistoota Afaan Oromoo keessumaa dubartootaan angafa jedhaman keessaa Ilfinash, Almaaz Tafarraafi muraasni kaan ni eeramu.
Ammoo Halloon itti cichitee, biyya keessas turtee wallee Afaan Oromoo guddiste jedhu kanneen ishee beekan.
‘‘Ana dabalatee hamilee hedduu dubartootarra horteetti. Dubartii angafaa jechuun danda’ama,‘‘ jetti Saalihaan.
Walleefi qabsoo
Weellistoonni Oromoo baay’ee wallee aadaa guddisuu qofaaf itti dhimma hinbahan. Wallee meeshaa qabsoo eenyummaa, afaaniifi aadaa itti guddisuufis gargaaramu.
Halloo Daawweenis kanarrraa adda miti. Halloon bosonas seentee, qawwees qabattee ummata qabsoo hidhannoof kakaasaa turte.
Kanaafis, hanga mana hidhaatti dararamuu kana dura BBC’tti dubbatte.
''Bara mootummaa ADWUI, Hadareetti waggaa lama hidhame,'' jette. ''Waanuman Afaan Oromoon sirbuuf qofa ati ABO'dha naan jedhanii na hidhan.''
Halloon yeroo sanatti weellisuun Afaan Oromoof guddaa gumaachus, ''garuu dararaa sababa kanaan narra ga’een dhukkuba malee homaa hin buufanne,'' jette.
Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa duuni ishee yeroo dhagahamu kanneen gadda isaanii dursanii ibsan keessaati.
‘’Artisti Haloo [Halloo] Daawwee aartiifi qabsoo ummata Oromoo walfaana adeemsisuudhaan gama lachuunuu gumaacha guddaa taasistee jirti,’’ jedhan.
Namni siyaasaa Jawaar Mohaammad gama isaan ‘’walliiftuufi qabsooftuu dhaloota qarte,’’ jechuun ishee ibse.
Halloon 'dhaloota lammaffaa muuziqaa Oromoo kan ammayyaa' keessaa tokko ta’uufi ''muuziqaa Oromoo ammayyeessuu keessatti shoora madaalli hin qabne taphatte,'' jechuun katabe.
Halloon waan danuurratti weelliste.
''Sirboota qabsoo, hawaasummaa, dinagdee, dubartoota cimsuurratti [dalagde]. Akka sirbaatti nama duraati. Dubartiin baay’ee isii booda kan dhufan,‘‘ jetti Saalihaan.
Sochii Halloo arganiiti dubartoonni ‘‘hedduu karaa qabsoo hidhannootti kan galte, hawwisootti kan dabalaman.
‘‘Oromoon eenyummaa ofiirratti akka hojjettu of dura nutti himte. … Gumaachi ishiin Oromoof goote dadammaqinsa qabsoo eenyummaa Oromummaa,‘‘ babal’isuus himti.
Zamadkuun gama isaan‚ ‘‘Halloon qabsooftuudhas. Keessumaa walleen ishee waamicha 'harmee ayyaa' jedhu dhugumaan qabsoo Oromoo finiinse,'' jechuun ibsa.
Wallee jalqabaa waltajjiirra ittiin baate ''Barbaannee wal barraa'' jedhuun ummanni akka walbaru dhaamte.
‘‘Kan Bahaa kan dhihaa kan dhidhimaa [kibba] boroo [kaaba],‘‘ jechuun weellisuushee kaasa. Albama ishee xumuraanis‚ ‘‘Oromoon fardaan dabaale‘‘ jettee weelliste.
Dubartoonni akka baratan, ulfi yeroo malee dhiibbaa akka qabuufi kaan irrattis Halloon weellisteetti.
Halloo Daawween ijoollee shan godhachuufi ijoolleeshees gara caalu qofaa guddisuu kanneen ishee dhihootti beekan BBC’tti himaniiru.
Waggoota lamaan darban qofa artistoonni buleeyyii kanneen akka Alii Birraa, Zarihuun Wadaajoo, Nuhoo Goobanaa fa’i lubbuun isaanii darbuu ni yaadatama.