Artistoota waggaa darbe gaggeessine: Alii, Zarihuun, Ibraahim,…

ALI bara 2015 darbe keessatti artistoonni maqaa guddaa qabaniifi waggootaaf hawaasa tajaajilan garagaraa lubbuun darbaniiru. Hojiin isaaniin garuu yaadatamu.

Kanneen keessaa gara caalu dhukkubsatanii, kaan sababuma adda addaan du’ani. Mee gabaabsinee haa ilaallu.

Alii Birraa

Yeroo garagaraa Aliin boqoteera oduun jedhu facaafamaa ture. Oduuwwan hin mirkanoofne kunneen soba ta’aas turan.

Gameessi ganna 75 Alii Birraa, amma duralleen dhukkubsatee biyya keessaafi alatti erga yaalamee booda wayyaa’ee ture.

Waggaa darbe garuu Aliin isuma dhugaa boqote.

Boqotuu isaa dura dhibeen itti hammaatee Magaalaa Adaamaatti guyyootaaf kutaa wal’aansi addaa taasifamuufi keessa ture.

Dinqisifattoonni isaa ''mootii muuziqaa Afaan Oromoo'' jechuun isa waamu.

Maqaa muuqizaa waltajjiirratti sirbeen Alii Birraan kan beekamu Alii Mohaammad Muusaa, wallee Afaan Oromoof bu’uura tolchee darbe.

Hojiiwwan Alii lammiilee Itoophiyaa kaaniifi sadarkaa addunyaatti dinqisifattoota danuu horateera.

Ijoollummaatti abbaan isaa amantii akka cimsu fedhu, inni garuu waleetti ciche.

Mata dureen inni irraa hin weellisne hin qabu. Waggoota 60’tti siqaniif jaalala, cunqursaa, aadaa, afaan, siyaasa, ispoortii, waliin jireenyaafi kaan hedduurratti weellise.

Ammoo Afaan Oromoon qofaan hin weellisne. Afaanota gara shanii ta'aniin akka weellisaa ture seenaan isaa ni mul'isa.

Baroota garagaraa hojiin isaa kuni hidhaafis jireenya baqaafis isa saaxilee beeka.

Bulchaan Itoophiyaa du’a isaan gadda yoo ibsan cimina wallee isaa kaasan. Alii Birraa “Ibsaa hin dhaamnedha,‘‘ jedhan MM Abiy Ahimad.

Waa’ee wallee isaa ‚‘‘Walleelee bara ce'anii jiraatan warra kaleessas turan, hardhas jiraatanii, boruuf ammoo galaa ta'aniitu baay'atu,'' jechuun ibsan.

Aangawaan duraanii mootummaa Itoophiyaa Obbo Lammaa Magarsaa ‘’Aliin barsiisa Oromummaati,’’ jechuun ibsaniiru.

Hiriyyaan yeroo dheeraa Alii, Artiist gameessi Mahamud Ahimad, wallee ‘Ammaalelee’ jedhuufi kan Alii ta’e waliin weellisaniiru.

Aliin dhukkabsatee Adaamaa fi Bishooftuu waldhaansarra yeroo ture deddeebi'anii gaafataniiru.

''Gaafa dhumaa miila isaa tokko gaafa dhabu booyicha koo nan yaadadha. Miilli isaa citee torbanitti boqote,'' jedhan guyyaa gaggeessaa isaa Finfinneetti.

Kanaan dura Alii Birraa dhibee onneefi sukkaaratiin rakkataa akka ture BBCtti himee ture.

Walleewwan bara jireenya isaa weellise Aliin akka ijoollee isaatti ibsa. ''Ani ijoollee hin qabu‘‘ jechuun kana dura BBC’tti hime.

Owwaalchi isaa magaalaa keessatti dhalate Dirree Dhawaatti bakka owwaalcha musliimaa Laga Harreetti raawwate.

Isa dura sagantaan guddaa magaalaa Finfinneetti taasifamee ture.

Hojii isaa waggoota dheeraaf biyya keessaafi alaatti taasiseef badhaasota adda addaa argateera.

Erga Aliin du’e booda faawundeeshiniin maqaa isaatti hundaa’eera. Dhaabbati kuni maqaa isaatti akkaadaamii muuziqaa fi aartii akka hundeessu ibse.

Haati warraa isaa yeroo dheeraaf isa waliin dhamahaa turte,Lillii Maarqos Birraa, ''Alii Birraa malee jiraachuun ni ulfaata'' jechuun himte.

Zarihuun Wadaajoo

Nu waliin dhaadannayee,

Wal malees maal qabnaree (2)

Muktillee baala qabaree

Wal malees maal qabnayee (2)... wallee inni Ilfinash Qannoo waloon sirbe ture.

Weellisaan walleewwan Wallaggaa durii hawaasaan barsiise, Artiist Zarihuun Wadaajoo, baatii Caamsaa keessa ture kan du’e.

Zarihuun walleewwan qabsoo, jaalala sabaa, aadaa, kaan hedduu weellise.

Geerarsaafi walleewwan qabsoo sirbuunis kan beekamu Zarihuun dhibee kalee dhukkubsataa ture. Wal’aansuma kanaafis biyya alaa dhaqee ture.

Zarihuun ijoollummaa isaa kaase waan qabsoo kana walleen dhiheessa. Inumaa bara Dargii bakka qondaalli Dargii argamanitti sirbee hidhaa isa buusuu maatiin himu.

Galma Tiyaatiraa Biyyaalessaatti agarsiisni aadaa Oromoo yeroo jalqabaatiif mootummaadhaan eeyyamamee dhihaateerratti Zarihuuniifi Ilfinash Naqamteerra dhaqanii hirmaatan.

Waltajjii ‘’Oromoon lixaafi baha’’ itti walgahe jettu kanarraa yoo deebi’an poolisiin isaan hidhuu dubbatti Artist Ilfinash Qannoo.

Bara ABO’n Finfinnee seene yeroo gabaabaaf waajjira Gullalleetti sochii taasisaniis eegasii booda haalatu jijjiirame.

Bara ADWUI keessa irra-deddeebiin hidhamaa turuu maatiin himu.

Bara dulluma isaammoo "Ani hin duune, dhalootan guddisa..." jedhee weellise. Weellisaan kuni osoo hiree ala bahee jiraachuu qabuu biyyuma turuu murteessuu hiriyyooti isaa himu.

''Anaafis sirboota naaf kenneera. Nama osoo ofiif hin jiraatiin ummata isaatiif jiraatedha," jette Artisiin buleettii Ilfinash Qannoo waa’ee Artist Zarihun yeroo ibsitu.

Namoonni hedduu bara Afaan Oromoon weellisuun cimaa ta’etti tokkummaafi guddina afaaniifi aadaa Oromoof gumaacheef galateeffataniiru.

Owwaalchi isaas sirna ho’aa ta’een Finfinnee Bataskaana Qulqulluu Sillaaseetti bakka keessummoonni dhibbaan lakkaa’aman argamanitti raawwate.

Maadingoo Afawarq

Weellisaan beekamaa Maadingoo Afawarq kan boqotees waggaa darbe Fulbaana keessa ture.

Weellisaan walleewwan Afaan Amaaraa weellisuun beekamu kuni boqotuu isaa dura dhukkubsatee kilinika deemee akka ture poolisiin ibseera.

Poolisiin sababa du’a isaatii akka qoratuus ibsamee ture.

Artistii umrii isaa gabaabaan biyya isaaf ‘’baay’ee hojjete’’ jechuun MM Abiy ibsaniiru.

Maqaan isaa sirrii maatiin baasaniif Taganee ture. Ta’us, waraana keessa yeroo guddatetti maqaa Maadingoo jedhu argatuu hime.

Ibraahim Adam

Gara caalu walleewwan ''Faffacaanee'' fi ''Damma daamuu'' jedhamuun beekama. Faffacaanen maqaa masoo isaa akka ta’es ibsama.

Waggaa 65’tti boqochuu isaa dura dhukkuba narvii dhukkubsataa akka ture Artiist Saalihaa Saami himti.

Ammoo wal’aansoo gahaa akka hin taasifamneefi tumsallee akka dhabe dubbatti. Weellisaan kuni weellistoota hangafaa kanneen akka Ali Birraafi kaan waliinis dalageera.

Ofiif immoo albama sadii fi sirboota qeenxee 10 akka dalagate himte.

Weellisaan kuni qabsoo hidhannoo ABO keessa seenuun ‘’ bilisummaa fi mirga saba isaaf falmaa ture,'' jedha ibsi ABO du’a isaa sababeeffachuun bahe.

''Harkatu harka dhiqaa lammiin tiyya akka nagargaaranin gaafadha," jechuun kana dura yeroo dhukkubsatetti BBC'tti dubbatee ture.

Hiruut Baqqalaa

Artiist Hiruut walleewwan Afaan Amaaraan beekamti. Muuziqaa jaalatamaniis hedduu dalagde.

Walleewwan ishee yeroo durii dalagde dargaggoonni yeroo ammaa irra deebiin kan taphatan ni jijjira.

Jireenya ishee boodanaan garuu wallee dhaabdee jireenya afuuraa jiraataa turte. Nami baay’ee garuu hojii muuziqaa isheen beeka.

Weellistuun kun dhukkubsattee biyya keessaafi alatti yaalamaa turtee waggaa 80'tti ALI Jimaata Caamsaa 4, 2015 Finfinneetti boqotte.

Kanneen biroo

Ga’umsa jabaa Piyaanoo taphatuu qabaniin kan beekaman Immaahoy Tsiggeemaariyaam Gabruunis Bitootessa bara 2015 keessa lubbuun isaanii darbe.

Jireenya biyya lafaa dhiisanii monoksee tahuu kan filatan yeroo ganna 19 turanidha. Maqaan isaanii dhalootaas Yewuubdaar Gabiruu jedhama.

Taatoon beekamaa fiilmii Afaan Amaaraa Artiist Taarikuu Birhaanuu du'aan kan boqotees waggaa darbee baatii Mudde keessadha.

Filmiiwwan Afaan Amaaraa hedduurratti qooda fudhateen ummata biratti bal'inaan beekama. Gara caalu maqaa 'Baabbaa' jedhamuunis beekama.

Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti artistichi dhukkubsatee ture. Dhukkuba isaa garuu hin ibsine.

Walleewwan aadaa fi warraaqsaa kanneen akka Daalee Sooree, Suuta suuta, Bilbila, Qabeenya koo galchi jedhaman weellisuun kan beekamu Darajjee Daggafaas waggaa darbe keessa du’e.

Akka hiriyyooti saa himanitti, artistiin kuni mana isaa biratti ajjeefame. Akkaataan ajjeechaa isaa garuu ifaa miti. Poolisiinis waan jedhe hin qabu.