Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hiruut Baqqala du'aan boqotte
Wallistuu beekeekamtuun muuziiqaa Itoophiyaa waliin maqaanshee ka'uufi boodarra ammoo muuziqaa dhiisuun gara jireenya hafuuraatti kan galte Hiruut Baqqala du'aan boqotteetti.
Yeroo muuziqaa hojjechaa turtetti walleewwan afaan Amaaraa bal'inaan dhaggeefataman gumaachiteetti.
Waggoota 30'n dura sirba dhaabuun gara jireenyaa haafuuraatti erga galteen booda faarfannaas baasteetti.
Hiruut Baqqalan bara 1931tti Finfinnee naannoo Qabbannaa jedhamutti dhalatte.
Barnoota sadarkaa jalqabaas achuma Qabbannaa mana barnootaa misiyooniitti hordofte.
Ijoollummaasheetti mana tiyaatiraa Hager Fiqir deemuun wallee namoota arguun gara muuziqaa akka galtu sababa akka taheefi himti af-gaaffii isheef taasifaman irratti dubbatteetti.
Hiruut Baqqalan muuziqaa kan jalqabde baandii 'Midir Xooritti' akka tahe himti. Achi ji'a lama qofa erga hojjatteen booda bara 1952 kutaa muuziqaa 'Pooliis Saraawwiit' galtee waggoota 30'f tajaajilteetti.
Yeroo hojii jalqabdu mindaan ishee birrii 60 akka taheefi boodarra Okeestiraa Poolisii yeroo seentu mindaa ji'aa ishee 100tti akka guddatte himti.
Weellistuun kuni bara 1951 hanga 1981 walleewwan 'Hiwoot Indeshakilaa, Qixeel Neggadeeewaa fi kaan dinqiisiifattootasheef gumaachiteetti.
Hiruut albamiiwwan kudhanii ol kan qabdu yoo tahu, hojiiwwan ishee kunneenis baandiiwwan Waaliyaa, Rohaafi Daahilaak jedhaman waliin hojjette.
Weellistuun kun dhukkubsattee biyya keessaafi alatti yaalamaa turuun booda waggaa 80tti mana jireenyaashee Kaasaanchis jirutti ALI Jimaata har'aa Caamsaa 4, 2015 du'aan boqochuunshee dhagahameera.