Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baandiin Afran Qalloo guddina Afaan Oromoof maal gumaache?
Bara 1960moota keessa magaalaan aadaa, amantii fi saboota garaagaraa hammattee jirtu Dirree Dhawaan aartii addunyaa yeroo sanaaf haaraa miti, keessattuu sirboonni biyya arabaa guddoo beekamu.
Kana qofaa osoo hin taane afaanota magaalaa keessatti beekaman Hararii fi Somaaleedhaanis guddoo sirbama.
Gareen Afaan Oromoon guddoo bakka hin qaban turan. Dargaggoonni gurmaa’an aadaa sirbaa- Shaggooyyee sirbuurraa teellaatti hin jenne.
Dargaggoonni Harargee kunneen kan shaggooyyee sirbaniif akka warra kaanii bashannana qofaaf miti, irra guddoo seenaa bakkatti eeguufi.
Gareen dargaggootaa kunneen bakka sirni jiruu fi wayita ayyaana waggaa yeroo mara aadaasaanii kana mul’isu, garuu akka sirboota afaan kaanii meeshaa muuziqaan deeggaramee waan bareedu hojjechuuf carraa waan hin arganneef hojiinsaanii namoota hedduu biratti hin filatamu ture.
Walleewwan afaan Oromoo iddoowwan sagantaan jiruu fi ayyaanota waggaarraa ittifamuun (bakka dhabuun) kun dargaggoota shaggooyyee guddoo aarse, booree itti hore.
Gareen shaggooyyee tuffii fi jibbiinsa afaan Oromoo irratti raawwatamu kana tole jedhanii fudhatanii hin teenye.
Damee Aartii keessatti duudhaa fi seenaan Oromoo bakka bu’amuu fi sirriitti ibsamuu akka qabu kutannoon hojjechuu eegalan.
Dargaggoonni magaalaa Dirree Dhawaa naannawa Laga Harree walitti gurmaa’uun garee shubbistootaa garaagaraa hundeessuun hojii aartii afaan Oromoon itti fufan.
Gareen kun akka cunqurfametti osoo mataa gadi hin qabatin cimee mul’ate, inumaa boodarra wayita jabaataa deemuu namoonni fedhii guddoo irraa qabaataa dhufan.
Sirna gaa’elaa warra Arabaafaa irratti weellistoota afaan Arabaa waliin affeeramanii hojjechuu eegalan.
Gareen kun jabaatee wayita fudhatama argatu magaalaa Dirre Dhawaa keessatti baandii ammayyaawaa hundeessuuf hojii eegale.
Jalqaba ogeessa walaloo- Abuubakar Muusaatu yaada baandii hundeessuu dhiheesse, isa waliin kan turan Ismaa’il Mohammad Adam (ogeessa walaloo sirbaa fi weellisaa) fi Sulayimaan Yuusuf Ibraahiim (ogeessa meeshaa muuziqaa- Dibbee) yaadasaarratti walii galan.
Gameeyyiin kunneen sadan namoota muuxannoo qaban fi meeshaalee muuziqaa jiran walitti qindeessuu eegalan.
Miseensota Afooshaa Afran Qalloo- kan bara 1940oota keessa daldaltoota jimaa fi hojjettoota daandii baaburaa akkasumas namoota maallaqa qaban kaan irraa ijaarame irraa deeggarsa maallaqaa gaafachuu eegalan.
Namoonni sadan kunneen wayita deeggarsa maallaqaa argatan Abuubakar Muusaa fi Ismaa’il Mohammad Aadam mana manarra deemuun namoota kakaasuu itti fufan.
Yeroo gabaabaa keessatti milkaa’anii bara 1962 baandii muuziqaa afaan Oromoo jalqabaa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti hundeessan.
Baandiin akka bakkalcha barii ifee urjiiwwan hedduuf calaqqee ta'ee ba’e jedhu hundeessitoonni, kanaaf maqaan baandii kanaa- Urjii Bakkalchaa jedhame.
Ga'ee Abuubakar Muusaa
Baandiin Urjii Bakkalchaa akkuma bu'uureffamaan namoota abbummaan dursaa turan keessaa tokko Abuubakar Muusaati.
Abuubakar ogeessa walalooti, kanaaf walaloo barreessuun namoota sagalee kiilolee qaban hojiitti galchuu eegale.
Sirboota biyya alaarraas afaan Oromootti hiikee weellistoota shaakalchiisuu eegale.
Baandiin kun hundeffamee eeyyama seera qabeessummaa argachuusaan duratti mana namoota akka Abdullaahii Sheek Ahmad fi Idriis Abdulleetti shaakalaa turan.
Meeshaaleen muuziqaa qindaa'anii hin turre, kanaaf meeshaalee muraasa harkaa qaban kanneen akka Uud fi meeshaa dibbee (kabaroo) fakkaatu- Darbuka jedhamuun shaakalaa turan.
Abuubakara Muusaa baandiin kun hundeeffamee walaloo jalqabaa akkas jedhee barreesse:
Bismillaan eegali dura waan gootu
Faaruu fi galatas rabbitti galfadhu
Rahmata isaatiis nabiitti buufadhu
Eegas itti aansii waan feete gaafadhu
Ijoollee Afran Qalloo dardara ammaan tanaa
Hiriyaa waltaatee yaa urjii bakkalchaa
Si malee eenyutu walleen akkaan tolchaa
Yaa ilmaan Afran Qalloo maalumaaf teeysanii
Dardara alagaa of cinaa hingartanii?
Afaan isaaniitiin kunoo walfaarsanii
Amata sadi dura walleen afaan keenyaa
Isaan ni jijjiirratan nutimmoo ni teenyaa
Dubrummaan teenyalleen kan karaa yaatulleen
Wannummaan weellisan tan jaraati walleen.
Walaloo kanaa fi kanneen biroo hedduu Abuubakar barreessu baayyinaan kan sirbaa turan Alii Shabboo fi Isaa'il Muhammad Aadam.
Namoonni Oromoo ta'an hedduun walleewwan baandii Urjii Bakkalchaan hojjetaman erga dhaggeeffatanii booda afaan ofiif bakka kennuu, tumsuu eegalan.
Raadiyoo Harar sagantaa Afaan Oromoo keessa waliin hojjetaa akka turanii fi mana Abuubakar Muusaatti akka guddatan kan himan Obbo Mohammad Ahmad/Mohammad Qophee, Abuubakar bu'uura aartii Oromooti jechuun ibsan.
Baandii hundeessuu qofa osoo hin taane walaloo artistootaaf qopheessuudhaan, waltajjii beeksisuudhaan, baandichas hoogganuudhaan hojjechaa ture jedhu Obbo Mohammad.
Abuubakar Muusaa nama dandeettii addaa qabuu fi hamma baratee ol nama beekuu fi hojjetuudha jedhan Obbo Mohammad.''
Uumamaan nama dandeettii addaa qabuudha, barumsa isaa yoo ilaalte nama kutaa saddeet qofa barateedha. Garuu hojiinsaa kan barateen oli.
Afaan Arabaa sirnaan waan beekuuf aartii fi barreeffamoota Afaan Arabaa sirriitti hordofee kan keenyas akkas akka guddatu hawwa, hawwuu qofa osoo hin taane ni hojjetas,'' jedhan.
''Sammuunsaa baayyee qara, barreeffamoota, qoosaawwan, fiilmii fi walleewwan biyyoota alaa akkaan hordofa.''
Namni kun nama dandeettii qabu kan walaloo, muuziqaa, diraamaa, taphoota gaggabaaboo ammayyaa Oromoo yeroo jalqabaaf bu'uuressedha.
Nama taphataa dubbiinsaa yoggayyuu namatti mi'aawudha.
Sheekkoowwan fi taphoota gaggabaaboo Afaan Oromoon mi'eessee nama dhaamsa dabarsu ture jedhan Obbo Mohammad Qophee.
Taphoota inni waltajjiirratti dhiyeessuun ittiin beekamu keessaa tokko ''Caalaa caammaa, mucaan cimaan utuu hin mucucaanne cehee, cuncula coree miiccee cuunfee micciiree coqorsa caffee caamaa afu dhufee, isin cufti callisaa caqasaa,'' kan jedhudha.
Walleewwan walaloo isaan qindaa'an caalaa dubbiin inni waltajjiirratti taasisu baayyee jaal'atama ture.
Urjiin Bakkalchaa maaliif Afran Qallootti jijjiirame?
Baandiin Urjii Bakkalchaa sadarkaa yaada dhiyeessuurraa eegalee hanga hojiitti seenuutti saffisni ittiin guddate deeggarsi Afooshaa Afran Qalloo irraa argataa ture olaanaa waan ta'eefi.
Miseensonni afooshaa kanaa hojii dargaggoota Dirree Dhawaatti waan quufaniif humna guutuudhaan garee kana tumsaa turan.
Miseensota baandii qindeessuu, meeshaalee muuziqaa bituu fi hanga miseensota leenjisuutti abbummaadhaan baandii kana kan lubbuu itti hore afooshaa kana waan ta'eef boodarra baandichi eenyummaansaa maqaa ''Baandii Afran Qalloo'' jedhuun akka beekamu murteesse.
Afran Qalloo jechuun afooshaa ilmaan (gosa) Qalloo afran- Alaa, Dagaa, Baabbilee fi Oborraa irraa ijaarameedha.
Hiikaan Afran Qalloo garuu ilmaan Qalloo afran qofaan daangeffamee hubatamaa hin turre, Dirree Dhawaa keessatti Afran Qalloo jechuun akka mallattoo sochii bilisummaatti ilaalamaa ture.
Miseensonni baandii kanaa jalqaba aartiidhaan nama bashannaniinsuu irratti xiyyeeffatanii hojjetaa turan, kanaanis qeeqamaa turaniiru.
Kaayyoon hundeeffama baandichaa afaan Oromoo addunyaa aartii keessa galee badiirraa akka baraaramu, akkuma afaanota kaaniitti akka guddatu gochuudha.
Boodarra garuu miseensonni baandichaa aartiidhaan roorroo bulchiinsa mootummaa dura dhaabbachuun warraaqsa walabummaa keessatti hirmaachuu eegalan.
Saffisaan beekamuu Afran Qalloo dhiibbaa mootummaa jalatti
Afran Qalloon erga miseensota baay'ifatee meeshaa muuziqaas guuttatee hundee jabeeffatee booda hojii muuziqaa bira darbee qaama warraaqsa bara 1960oota keessaa ta'e.
Afran Qalloo hundeeffamee waggaa tokko booda bara 1963, [qabsoon qonnaan bultoota Baalee Waaqoo Guutuun durfamu eegalee yeroo muraasa booda] Waldaan walgargaarsaa Maccaa-Tuulamaa hundeeffame
Miseensonni Afran Qalloo sagantaalee cidhaa fi sirnoota biroo irratti hojii muuziqaa hojjetaniin maallaqa muraasa argatanii beekamuu eegalan, isa booda sadarkaa bulchiinsa magaalaatti affeeramuu eegalan.
Yeroo xiqqoo booda mootummaan gibira gaafachuu eegale, mana namoota bebbaakamoo fi ollaawwan jiraattotaatti walleewwan dhiyeessuun kan beekamu Afran Qalloo hojii muuziqaa isaa galma mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa qofatti akka dhiyeessu qondaaltonni mootummaa magaalaa Dirree Dhawaa gaafachuu eegalan.
Abbaan Taayitaan galiiwwanii tikeetiin baandichi wayita agarsiisa muuziqaa qabu maamiloonni ittiin seenan chaappaa akka qabaatu dirqamsiisan.
Kun xiqqoo turee gatiin tikeetii akka dabalu taasise, gatiin daballaan maamiloonni irraa hir'atan.
Kun mala ittiin baandicha dadhabsiisaniidha jechuun miseensonni baandichaa komachuu eegalan.
Afran Qalloo bara 1962 [baruma keessa hundaa'e] baayyee kan beekame erga baandii warra Sudaan waliin hojjechuu eegaleeti.
Miseensonni baandichaa sagantaa daawwannaa Asmaraa-Finfinnee-Jibuutii qopheessan keessatti gameessa muuziqaa Mohaammad Wardii affeeruun waliin hojjetaa turan.
Agarsiisi muuziqaa miseensonni Afran Qalloo baandii warra Sudaan waliin taasisaa turan irra jireessaan galma bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti gaggeeffamaa ture, kanaanis baandiiwwan isaan dura turanirra beekaman.
Sirboota Sudaanii gara afaan Oromootti hiikuun sagalee kiiloleen taphachuun miseensota Afran Qalloo baayyee beeksise, warri Sudaanii akkaan raajeffatan.
Kanarraa ka'uun Weellisaa Mohaammad Wardii meeshaa muuziqaa yeroo sana akkaan ammayyaawaa ta'e- Manj jedhamu Afran Qalloof arjoome.
Miseensonni Afran Qalloo muuziqaa qofa osoo hin taane, diraamaa fi baacoowwan seenaa fi aadaa Oromoo calaqqisiisanis hojjechaa turan.
Ergaawwan isaan karaa diraamaatiin dabarsaa turan keessaa tokko uummanni Oromoo maqaa durii isaa ijoolleesaa moggaasuutti akka cichuudha.
Kanaaf taatota diraamaaf maqaalee akka Caalaa, Caaltuu, Fayfaayyee, Dumbushee, Garishoo, Badhaasaa, Ibsaa, Fayyisaa, Araarsoo fi kana kana fakkaatan kennaa turan.
Maatiiwwan Oromoo diraamaawwan Afran Qalloo hordofan hedduun maqaa Oromoo ijoolleesaaniif moggaasuu eegalan, kun tumsa baandiin kun aadaa Oromoo eeguu keessatti gumaache keessaa tokko.
Dirree Dhawaan magaalaa Amantiin Islaamaa itti heddummaatuu fi biyyoota Arabaan hidhata qabaachaa turte ta’uusheerraan magaalattii keessatti maqaa Arabaatu heddummaata.
Miseensonni baandii kanaa walaloowwan hawaasaa sona itti horuun fooyyessanii yeroo jalqabaaf addunyaa muuziqaatti as baasan.
Walaloowwan toorri jalqabaa fi lammaffaa mana rukutan garuu hiiki isa lammaffaarra jiru hedduu oomishanii warri sagalee kiilolee walleetti jijjiira.
Walaloo barreessuun adda dureen Abuubakar Muusaa fi Ibraahim Haji Alii turan.
Walalaloowwan Abuubakar barreessu bifa akkasii qabu:
Bishaan bishaanuma
Adiin waan jiranii
Jaalannaan takkuma
Qalbii waa hin hiranii
Walaloo kana keessatti toorri jalqabaa lameen walalolochi mana rukutee sagalee akka yeedalleessuuf toluuf itti dabalame malee hiikni [ergaan] isaa toora dhumaa lameen keessa jira.
Baandiin bu’uurri isaa garee shaggooyyee (dargaggoota wallee aadaa taphatan) ta’e kun yeroo waggaa tokko hin caallee keessatti baandii guddaa ta’ee dagaage.
Kaayyoo ganama qabatee ka’e- Afaan Oromoo tuffatamuu fi duubatti hafuurraa baraaruu milkeesseera, dargaggoonni lafaa dhufan hedduun aadaa fi afaan isaanirratti xiyyeeffachuun hojjechuu eegalan, eenyummaasaanii daran dagaagsuu itti fufan.
Haata’u malee baandiin kun akkuma saffisaan guddate, kufaatiin isaa akkasuma ariifate- Miseensonni rakkoo keessoo fi alaa himatu.
Baandiin kun maaliif saffisaan bittinnaa'e?
Afaan Oromoo damee aartii keessatti bakka maluuf dhabuun, inumaa qoollifatamuun xiiqii dargaggoota Dirree Dhawaa keessatti horee baandii Afran Qalloof bu’uura ta’e kan jedhan Obbo Mohammad Ahmad (Mohammad Qophee) haalli kun mataansaa baandichaaf qormaata ture jedhan.
Inaaffaa fi dorgommiin baandiiwwan biroo daba ergamtoota mootummaa yeroo sanaa (Hayilasillaasee) dabaalate diigamuu garee Afran Qalloo ariifachiise jedhu.
Kanneen erga baandichi hundeeffamee booda barfatanii itti seenan diigamuu baandii kanaaf rincicuu miseensota buleeyyii fi koree maneejimantii komatan.
Miseensonni buleeyyiin warra boodarra seenan irra adda ba’uun baandii mataansaanii hundeessuuf wayita fedha agarsiisan, miirri qoqqoodamiinsaa babal’achuu eegale.
Rakkoon isaan gurmeessu achuma jira, isaan garuu gurmaa’anii yeroo gabaabduu keessatti rakkoo walitti isaan fide dagachuun waldiiguu eegalan- kun himannaa miseensonni walirratti dhiheessaa turaniidha.
Haalli kun wayita cimaa deemu miseensonni baandii kana dhiisanii kan biraatti seenan, kaan ammoo keessaa ba’anii barnootaa fi hojii dhibiirratti xiyyeeffatan.
Hundeeffamni baandichaa durumaanuu kan hin liqimfamneef mootummaan, karaa ergamtootasaa qaawwa uumametti fayyadamuun kufaatii baandichaa si’eesse.
Miseensonni gameeyyii akka Doktara Kabajaa Artist Alii Birraa, waldhibdeen muraasi akkuma jirutti ta’ee, garuu akka baandiin kun diigamuuf sababi ijoon mootummaa Hayilasillaaseeti jedhu.
Bara sana Afaan Oromoo waltajjiitti ba’ee mul’achuun hafee, akka dubbatamuyyuu hin barbaadamu, garuu labsii seera mootummaan hin dhorkamne malee.
Artist Aliin kitaaba waa’ee seenaa jireenyasaarratti barreeffame keessatti akka ibsetti, dabi Baandii Afran Qalloo irratti raawwatame qaamuma cunqursaa yeroo sana uummata Oromoo irratti raawwatamaa tureeti.
‘’Yeroo sana waanan tureef nan beeka,’’ jedhe.
Wayita kana hamileen Afran Qalloo ni du’e, miseensonnis jireenyasaaniif waan sodaataniif keessaa ba’an, kaan ni baqatan.
‘’Kun sababa Afaan Oromoo fi aartii Oromoo guddisuuf hojjenneef qofa aarsaa nuti kaffalleedha,’’ jedhe Artist Aliin.
Artist Alii Birraa bara 2019 turtii BBC walin taasise keessatti kanneen muuziqaa fi aartii guddisuutti cichanii hafan qaamolee nageenyaa mootummaan akkaan gulaalamaa akka turan hime.
‘’Walleewwan afaan Oromoo hundi ni gulaalamu. Yoo siyaasatti kan hin buune ta’e ni darbu, yoo xiqqoo kan siyaasa tuqu ta’e ni kufu.’’
Yeroo sana walleewwan jaalalaa irratti xiyyeeffataa akka turan kan ibse Aliin, ‘’sirba jaalalaa gara fedhanitti gulaalanii nu dararaa turan. Afaan Oromoo waan ta’eef qofa jaalalli akka waan hiika biraa qabuutti nutti duulaa turan,’’ jedhe.
Yeroo sana manni muuziqaa dhuunfaa eeyyama qabu waan hin turreef, Ministeera Odeeffannootu waraabee karaa raadiyoo mootummaa qilleensarra oolcha.
Artist Alii Birraa fi waahillan isaa adeemsa kana keessa darbuuf akka qoraman himaniiru.
Ministeerri Odeeffannoo walleen tokko akka waraabuuf murteessuuf ji’a sadi fudhata, miseensonni Baandii Afran Qalloo baasii hoteelaa fi gatii geejjibaa akkasumas haal nageenyaa yeroo Sanaa dandamatanii magaalaa Finfinneetti deddeebi’aa turanis akkaan rakkatan.
‘’Wallee nuti dhageenyu hojjedhaa fidaa jedhanii wallee afaan Oromoo keenya kuffisaa turan,’’ jedhe.
Kanarratti walleewwan baandichi hojjete keessatti waa’een mootii Hayilasillaasee akka dabalamu dirqamsiisaa turan.
Afran Qalloo walleewwan jalqabaa 11 waraabbiif qopheesse keessatti wallee mata dureensaa: Mootii biyya keenya yaa Hayilasillaasee Si garraan xalaanni dheeffaaf dhukkee kaase jedhu kan dabaleefis kanumaafi.
Bara sana Ministeerri Odeeffannoo weellistoota walleesaanii gumaachanii karaa raadiyoon darbeef maallaqa muraasa kaffalaa ture, faallaa kanaa miseensota Afran Qalloo ammoo wallee tokkotti birrii 30 kaffalchiisaa ture.
Haalli kun kan isaan hifachiise miseensonni Afran Qalloo kunneen, kubbaaniyyaa biyya Lebaanan jiru tokko hariiroo uumanii albama jalqabaa meeshaa Vinyl 45 jedhamurratti waraabanii baasan.
Albama jalqabaa Afaan Oromoo biyya Lebaananitti waraabamee karaa seeraan alaa bara 1968 biyya gale Alii Birraa, Alii Shabboo fi Abdi Buh ta’anii waliin hojjetan. Yeroo jalqabaaf walleewwan sadi albama tokkoon baasan.
Baqannaa gara Jibuutii...
Erga Baandiin Afran Qalloo diigamee miseensonni hedduun lubbuusaanii baafachuuf jecha baqatan, baayyinaan gara Jibuutii baqatan.
Daandiin baaburaa Dirree Dhawaa hanga Jibuutiitti ture, akkasumas magaalattiin Jibuutiitti dhiyaattee argamuunshee namoonni kunneen battala yaaddoo keessa galanitti akka itti dheessaniif haala mijeesseeraaf.
Artist Alii Birraa waahila isaa Ismaa’el Mohammad Adam waliin karaa seeraan alaa osoo gara Jibuutii baqatanii daandiirratti humnoota nageenyaa Hayilasillaaseen qabamanii achumatti hidhaman.
Miseensonni baandii kanaa walduraa duubaan faffaca’anii gara Jibuutii baqatan.
Artist Alii Birraa fi waahillan isaa Jibuutiitti hidhaman erga gadhiifamanii booda callisanii hin teenye, hojii karaa aartii qabsaa’uu cimsanii itti fufan.
Rakkoon keessa darban daranuu isaan qaruu kan dubbatan miseensonni kunneen, jalqaba bara 1965 wayita gara biyyaa deebi’an, mootii Hayilasillaasee arrabisitan jedhamuun qabamanii hidhaman.
Ji’oota afurii oliif magaalaa Hararitti erga hidhamanii booda, halkan tokko baafamanii gara Dirree Dhawaatti dabarfaman. Achittis ji’a tokkoo fi walakkaa hidhamuun booda hiikaman.
Alii fi waahillan isaa hidhaa waajjira poolisiitti ba’anii hidhaa mana keessaatti darban, manatti hidhamanii waan guyyuu hojjetan poolisiitti gabaasaa waggaa tokko akkasiin turan.
Waggaa tokko booda bara 1966 Alii Birraa hidhaatii ba’ee gara Finfinneetti ergame. Achittis waahillan isaa waliin hojii aartiitti deebi’ee waan hedduu hojjetan.
Miseensonni baandichaa kaan Raadiyoo Harar seenanii hojjechuu eegalan.
Gameessi walaloo fi baacoo Abuubakar Muusaa miseensota gameeyyii hundeessitoota Baandii Afran Qalloo ta’an waliin dandeetti muuziqaa keessatti horatan karaa Raadiyoo Harar mul’isuu eegalan.
Xomboora Afran Qalloo qabsiise...
Obbo Mohammad Ahmad baandiin diigamus qaanqeen ganama qabatte ifa guddaa taatee Oromiyaa walga’uu himan.
Muuziqaan Oromoo Artist Alii Birraa waliin magaalaa Finfinnee gale, achittis baandii Aduu Birraa jedhamu hundeessuun kaayyoo ganamaa itti fufsiisan.
Abuubakar Muusaa fi waahillan isaa kaan ammoo raadiyoo Harar sagantaa Afaan Oromoo seenuun hojii guddina aadaa fi afaan Oromoo itti fufan.
Abuubakar Muusaa bara 1973 raadiyoo Harar erga seenee booda, isaanis ofitti fudhachuu kan himan Obbo Mohammad, ''Sagaleesaa kiilolee sanaan diraamaan inni qopheessu fi akkaataa inni itti sagantaawwan qindeessu hawaasi gara raadiyoo keenyaa akka deebi'u affeere,'' jedhan.
Raadiyoon sababasaa jaal'atame kun kanuma mootummaati, mootummaan garuu kanuma biraa itti hin gammadu jedhu.
''Sagantaa inni hojjetu uummata akka muuziqaatti waraabbatee dhaggeeffata, yeroo sagantaa nuti galgala hojjenne waraabanii ganama nu dhageessisanfaa hedduudha.''
Aadaa, aartii fi afaan Oromoo akka cimuuf nama jiruusaa guutuu hojjeteedha kan jedhan Obbo Mohammad qabiyyeewwan walaloowwan isaa ulaagaa aartiin madaala guddaa kan kaasaniidha.
Osoo Abuubakar yeroo sana jiraachuu baatee waleewwan babbareedoon hanga har'aa jaal'ataman hin jiran.
An akka dhuunfaa kiyyaatti osoo Abuubakar hin jiraanne ta'ee waanan har'a hojjedhu hojjechuu hin danda'u jedheen amana jedhan.
''Weellistoonni gameeyyiin akka Alii Birraa fi Alii Shabboo bu'aa Abuubakar Muusaati. Hojii babbareedduu kenneefii kan hojjechiisee har'aan ga'e isa, isaan keessatti isa agarra,'' jedhu Obbo Mohaammad Qophee.