Boqochuu Artist Zarihun ilaalchisun aanga'oonni, artistoonniifi namoonni bebbeekamoon kan jedhan keessaa

Pirezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa du’a Artist Zarihun Wadaajoo gadda itti dhaga’ame ibsuun, “Artist Zarihun nama uummata isaaf hojii bara baraan dhalootaaf darbu hojjete waan ta’eef hojiifi maqaan isaa bara baraan dhalootaan yaadatamaa jiraata,” jedhan.

"Artist Zarihun umurii ijoollummaa isaa irraa eegalee nama artiif amanamee artiif jiraate waan ta’eef hojiin inni hojjete bara baraan dhalootaa dhalootatti kan darbuufi dhaloonni akka daawwitiitti keessatti kan of ilaaludha."

Artist Zarihun Wadaajoo artistii gameessaafi jaalatamaa bara dargaggummaa isaa irraa eegalee artiin Oromoo akka guddatu, uummata Oromoo dammaqsuun tokkummaafi sabboonummaan isaa akka jabaatuufi gabbatu taasisan keessaa tokkodha.

“Artist Zarihun Wadaajoo yeroo haalli akka har’aa hin mijannetti jaalala artii Oromoofi uummata isaaf qabu irraa ka’uun artiin Oromoo akka dagaaguufi tokkummaan Oromoo akka jabaatu aarsaa guddaa kaffaluun gahee isaa bahachaa tureera.”

Zarihun nama jaalala uummataa cimaa qabuufi dhaloota artiin walitti hidheefi walbarsiisedha. Hojii isaa kanaanis nama hojii artii Oromoofi Itoophiyaa irratti ashaaraa jabaa kaa’ee darbe waan ta’eef yeroo kamiyyuu laphee uummata Oromoo fi Itoophiyaa keessatti yaadatamaafi jaalatamaa jiraata jedhan Pirezidant Shimallis.

“Artist Zarihun nama artistoota Oromoo har’aaf fakkeenya guddaa ta’uun artistoonni Oromoo kumaatamaan akka horataman warra daandii saaqe keessaa tokkodha. Kanaaf, Artist Zarihun ofii seenaa yoomiyyuu hin dabarre hojjetee darbus dhaloota hojii inni eegale itti fufsiisan hedduu horeera. Kanas sirba isaa “An hin du'uu; dhalootan guddisaa; ..” jedhuun kan ibse Zarihun dhugumattuu onnee isaa abidda sanaan dhaloota qabsaa'ee injifachuu danda’u; injifatees injifannoo isaa eeggachuu danda’u oomisheera.”

“An ilma kutaa miti; kutaan nan waaminaa…”

Pirezidantiin Oromiyaa Obbo Shimallis ergaa isaanii kanaan gahee Artist Zarihun Wadaajoo tokkumaa Oromoo cimsuu keessatti gumaaches yaadtaniiru.

Tokkummaan icciitii injifannoofi qoqqoodamuun daandii kufaatiifi injifatamuu ta’uu sirboota isaa ergaa jajjaboo of keessaa qabaniin: “An ilma kutaa miti; kutaan nan waaminaa…” jechuun kan dhaame Artist Zarihun nama jabaa yoomiyyuu sammuu uummata Oromoo keessaa baduu hin dandeenyedha jedhan.

"Jaalala artii Oromoo, hojii tokkummaa uummataa jabeessuu Artist Zarihun eegale uummanni Oromoo cimsee kan itti fufsiisu yoo ta’u, Mootummaan Naannoo Oromiyaas aartiin Oromoo akka guddatu kaayyoon Artist Zarihuniifi waahillan isaa eegalan galma akka ga’uuf ni hojjeta."

Ergaa gaddaa fuula Feesbuukii isaanii gubbaatti barreessaniin Obbo Shimallis dabaluun, “maatiiwwan, firoottan, uummata Oromoo maraafi dinqisiifattoota Artisti Zarihuniif maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaan jajjabinan hawwa,” jechuun ibsan.

Boqochuu Artist Zarihun ilaalchisuun namoonni kaan maal jedhan?

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee boqochuu Artisti Zarihuun Wadaajoon gaddaa isaanitti dhaga'ame ibsaniiru.

Aadde Adaanach miidiyaa hawaasaa isaaniirratti, "Artisti Zarihuun Wadaajoo roorroo, injifannoo, abdiifi gammachuu saba Oromoo ogummaa hawwataa ta'een guddisaa kan jiraate, seenaa Oromoo keessatti artistii iddoo olaanaa qabudha" jedhan.

Miidiyaa hawaasummaa irratti namoonni hedduun gaddaa du’a artisti gameessa kanaan itti dhaga’ame ibsaniiru.

Guyyaa kaleessaa Ebla 23, 2023 irratti sababa dhibee yeroo dheeraaf irra tureen kan lubbuun isaa darbe Artisti Zarihuun Wadaajoo uummata Oromoo dhaloota durii fi ammaa biratti jaalatamaa nama ta’edha.

Zarihuun Wadaajoon goota umurii isaa guutuu ummata isaatiif jiraate ta’uu isaa ibsuun anga’aan olaanaa Obbo Aaddisuu Araggaa gadda isaanii ibsaniiru.

Qondaalli ABO Obbo Battee Urgeessaa fi namni siyaasaa Jawaar Mohaammad fuula fuula fesbuukii isaanii irratti gadda du’a weelloo gameessa kanaan itti dhaga’ame ibsaniiru.

“Sagalee roorroofi laalaa gabrummaa, bilbila hawwiifi abdii bilisummaa galata kee Oromoon lakkaayee hin fixu. Nagaan boqodhu,” jechuun Obbo Jawaar barreessaniiru.

“Abbaa wallee qabsoo dhabne, goota hanga walaloo isaa gahu. Isa sagaleen daggala raasu, dabooroo ari'ee manaa baasu,” jechuun gaazexeessaafi nama aadaa, aartiifi seenaa Oromoo itti dhiyeenyaan qayyabatu Margaa Angaasuu fuula Facebook isaa irratti barreeseera.

“Hiriyoonni kee sihaa simatan, Usmaayyoon harka sihaa qabu, Eebbisaan ka'ee siifaa dhaabbatu, Yooseefiifi jireenyaan teessoo siifaa butani. Haceen sihaa teessisu. Saahibni kee Abdii Qophee foolii isaan sihaa sugu,” jechuun tarree Artistoota Oromoo biroo lubbuun isaanii darbe isa ka’uun Obbo Margaan gadda isaanii bal’isuun ibsaniiru.

“Boollakee Daadhiin haa guutu.” jechuun Obbo Margaan barreessaniiru.

“Ani hin duune, dhalootan guddisa” walaloo sirba Artisti Zarihuun Wadaajoo kan ta’e ibsuun, “Ati dhuguma hin duune, dhaloota guddisteetta,” jechuun du’a weellisaa gameessa kanaan gadda itti dhaga’ame fuula Facebook isaa irratti kan ibse gaazexeessaafi ogeessa viidiyoo Amnasiisa Ifaadha.

Artistoonni biroon hedduun kan akka Habtaamuu Lamuu, Taddalaa Gammachuu , Ittiqaa Tafarii fi biroonis, weelloo hangafaa fi fakkeenya isaanii ture Zarihuun Wadaajoon du’aan boqochuu isaatti gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Weellisaa Zarihun Wadaajoo waggoota 50tti siqaniif hojii aartiitiin qabsaa'e keessatti sirboota waltajjiilee irratti sirbeen alatti sirboota 95 sirbuun uummata biraan gahuun ni himama.

Artist Zarihun Wadaajoo sababa hojii isaatiif dhiibbaan mootummaa irraa isarra gahus cichee biyyuma keessa taa'een uummata waliin qabsaa'a jechuun aarsaa guddaa kaffalaa ture.

Artistiin gameessi kun hidhaafi darara jajjabduu keessa darbeera. Akkuma wallee isaa "Ani hin duune, dhalootan guddisa..." jedhes dhaloota ogummaa qabaniin qabsaa'an hedduuf fakkeenya ta'eera.