Walakkaa jaarraaf walleen kan qabsaa’e Artisti Zarihuun Wadaajoo du'aan boqote

Artistii gameessiifi qabsa’aan Zarihuun Wadaajoo du’aan boqochuu isaa maatiin himan.

Haati-warraa weellisaa hangafaa Zarihuun Wadaajoo Aadde Olaantuu Gammachuu, kaleessa galgala (22/05/2023) hospitaala biyya Indiyaa bakka yaalamaa turetti boqochuu isaa BBCf mirkaneessiteetti.

Abbaa ijoollee sadii - durbaa lama fi dhiira tokko kan ta'e Zarihuun Wadaajoon, walleewwan qabsoo, jaalala sabaa, aadaa, jalala biyyaafi jiruufi jireenya dhaloota darban, amma jiraniifi borus irraa hin darbne beekama.

Artist Zarihuun artistoota oolmaa gameeyyiifi hangafa oolmaa guddaa sabaafi biyyaaf oolan keessaati.

Geerarsaafi walleewwan qabsoo sirbuun kan beekamu Artist Zarihuun Wadaajoo dhukkubiin itti hammaatee ji’oota lamaan darbaniif Indiyaatti wallaansarra ture.

Dhibeen sireerra akka oolu isa godhe dhibee kalee ta'uu kana dura maatiin BBCtti himanii ture.

Isuma wal'aannachuuf gara Indiyaa hospitaala Supparmaaks jedhamu kan geeffame ji’oota lama dura ture.

“Zarihuun nama sabaa jaallatu, sabnis isa jaallatudha. Oromoon hundi ijoolleesaati. "

"Sabni inni jaalatu gaggeessaa isaarratti bahee akka awwaallatuufi kabajaan gaggeessuu gaafadha,” jechuun Indiyaarraa haati-warraasaa Olaantuu Gammachuu BBCtti ergaa dhaammateetti.

Artist Zarihuun Wadaajoo eenyu?

Abbaa isaa Wadaajoo Goobanaa fi haadha isaa Zawdituu Makoo irraa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti bara 1949 dhalate, weellisaa Zarihun Wadaajoo.

Obboleettii quxusuun isaa Aadde Alamtsahaay Wadaajoo BBC'tti akka dubbatanitti, obboleessi isaanii hangafti yeroo lola Eertiraatti ture irratti hirmaatee hin deebine. Ergasii ilmi dhiiraa tokkichi maatii isaanii Zarihun qofa ture.

Kanaafis ijoollummaa isaa Naqamtee, Haaruu, Shawaa, Mandiifi Gimbiitti dabarse.

"Yeroo Mandii ture kutaa 7ffaa barata ture. Barumsaan alattis qabsoos achumatti jalqabe. Yeroo sana qabsoo 'Ye Gubboo Xaaxaa Ke Mandii Yiwuxaa' jedhu qindeessaa ture. Ijoollee kakaasaa ture," jedhan obboleettiin isaa.

Zarihun boodarra gara Naqamteetti deebi'uun hojiilee aartii ergaa jajjaboo qaban waltajjiiwwan argaterratti uummata biraan gahaa ture.

"Injiraan mataakoo maalumaaf na nyaatta, si obseen dadhabe follosseen si gata," jechuudhaan sirbi yeroos waltajjii bulchaan Godinaa Nugusee Faantaa irra jirurratti sirbe hidhaa ji'a saddeetii adabsiise jedhu aadde Alamtsahaay.

Bara 1968 Addi Bilisummaa Oromoo \(ABO) garee aadaa jalatti Baandii aadaa Oromoo jedhamu dhoksaan hundeessee ture. Baandii kana keessatti wellistoonni hedduun walitti dhufuudhaani ture kan jalqaban.

Isaan keessaa Zarihun Wadaajoo, Ittaanaa Tolasaa, Ilfinash Qannoo, Amantee Dojaa, Abbitoo Kabbadaa, Salamoon Dannaqaa fi kanneen biroo hedduun turaniiru.

Hundeessitoota baandii sanaa kan ta'aniifi yeroo ammaa Norweey kan jiraattu weellistuu Ilfinash Qannoo, bara sana nuti sirbitootuma Adda Bilisummaa Oromoo taanee lafaa kaane jechuun yaadatti.

Zarihun Wadaajoo wajjin sirboota hedduu akka sirbaniifi isaan keessaa sirbi 'Nuwaliin dhaadanna, walmalee maa lqabnaree' jedhu beekamtii guddaa kan qabu akka ta'es himu.

"Zarihun wajjin sirba baayyee walarkaa fuunee sirbine. Wal jalaa cookanii sirbuunis jira ture," jetti Artist Ilfinash Qannoo.

''Koottu aramaa aramnaa midhaan keenya keessaa,

Tuufoo bubuqqifnaa cobasaa balleessa

Lafasaa barqiidha kanaaf tuufoo baasa,.'' jechuun kan inni bara sana sirbe hedduu akka jaalatanis himu.

Artist Zarihun Wadaajoo sababa hojii isaatiif dhiibbaan mootummaa irraa isarra gahus cichee biyyuma keessa taa'een uummata waliin qabsaa'a jechuun aarsaa guddaa kaffalaa ture.

Artistiin gameessi kun hidhaafi darara jajjabduu keessa darbeera. Akkuma wallee isaa "Ani hin duune, dhalootan guddisa..." jedhes dhaloota ogummaa qabaniin qabsaa'an hedduuf fakkeenya ta'eera.

'Artist Zarihuun nama uummataaf jiraatee darbe'

Weellisaa Zarihun Wadaajoo waggoota 50tti siqaniif hojii aartiitiin qabsaa'e keessatti sirboota waltajjiilee irratti sirbeen alatti sirboota 95 sirbuun uummata biraan gahuun ni himama.

Zarihun nama kaayyoofi waan itti amane irratti duubatti hin deebinedha jechuun BBCf kanaan dura ibsiteetti hiriyaan isaa yeroo dheeraafi weellistuun akkaan beekamtu Ilfinash Qannoo.

"Zarihun nama Oromummaa isaatiif miidhamee aarsaa kanfaledha. Nama hacuucamedha. Sirba qabsootiin sabasaa dammaqsaa jiraate. Anaafis sirboota naaf kenneera. Nama osoo ofiif hin jiraatiin uummta isaatiif jiraatedha," jette Artisiin buleettii Ilfinash Qannoo waa’ee Artist Zarihun yeroo ibsitu.

Wellisaa Zarihun Wadaajoo reebicha yeroo adda addaatti mana hidhaatti irra gahaa turerraa kan ka'e, fayyaan isaa miidhamee biyya keessaafi alatti yaalaa tureera.