Artistoonni Oromoo maalif galgala keessa dinagdeen of dadhabu?

Muuziqaan Oromoof 'meeshaa' gaddaa fi gammachuu jiruufi jireenya isaa itti ibsatu qofaa miti gara caalu quuqqaa hawaasichaa himaa as gahe.

Weellistoonni sagalee guddistuu qabsoo ta'uun ummanni akka dammaqu, aadaa isaa akka cimsu, duudhaa isaa akka jabeeffatuufi seenaa isaa akka yaadatu hojjetaniiru jechuun ibsu ogeeyyiin muuziqaa.

Haa ta'u malee, bara dulluma isaanii yeroo dhukkubsatan gargaarsa dhabuun, deeggarsa yoo gaafatan irra-deddeebiin mul'ata.

Tibbanas Weellisaa Zarihuun Wadaajoo kaleen isaa waan dhukkubsateef alatti bahee akka yaalamu ogeeyyiin himuu Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa BBC'tti dubbatte.

Kanaafis namoonni deeggarsa walitti isaaf qabaa jiru. Masarat weellistoonni akka gargaarsa argatan yeroo qindeessitu mul'atti.

Weellistoonni waggootaaf weellisan garuu gama diinagdeen maaliif of dadhaban?

Waloo beekamaa Simee Tufaan, "Weellistoonni keenya weellistoota qofa miti, qabsoodha gaggeessu," jedha yeroo gahee isaanii ibsu.

Masarat gama isheetiin ''Xiyyeeffannaan isaanii waa’ee ummata isaanii malee waa’ee qabeenya horachuu ykn waa’ee hojjetanii argachuu miti.

''Kanaaf galgala keessa yoo dhukkubsatanis maallaqa horatanii osoo hin jiraatiin yeroo baay’ee rakkoof saaxilamu,’’ jechuun himti.

Weellistoonni wallee akka meeshaa qabsootti yeroo itti dhimma bahan kanneen kanaan hin gammadneen ammoo hidhaafi dararaaf isaan saaxilu.

Baroota darban hacuuccaa afaaniifi aadaa Oromoorra tureenis aartiin Oromoo guddachuu dhabuun sababoota ittiin, galii dhaban ta'u akka malu kan himan jiru.

Kitaabni 'Qaalii' jedhamu waa'ee seenaa artistoota Oromoo ajjeefamanii himuu fi Gaazexeessaa Obsii Fileefi Barsiisaa Baqqalaa Lataatiin barreeffame, aartistoonni maal keessa akka darbaniifi hanga wareegama lubbuutti aarsaa akka kaffalan addeessa.

Eebbisaa Addunyaa, Usmaayyoo Muusaa, Yooseef Gammachuu, Daadhii Galaaniifi Haacaaluu Hundeessaa artistoota lubbuu dhaban keessaa muraasa.

Ajjeechaan ala kanneen dararaafi baqaa, hiyyummaa fi rakkoon itti marmartes xiqqaa miti.

'Rakkoon sirna aartii biyyattiiti'

Hojiiwwan aartii dalaganirraa sirnaan fayyadamuu dhabuun rakkoo weellistoonni kaan Itoophiyaa keessa jiranillee mudatudha.

Seera koppi raayitii bahee sirnaan hojiirra ooluu dhabe kanaaf fakkeenyadha. Kunimmoo aarticha deebisee akka quucarse ogeeyyiin dubbatu.

Sababa artistoonni gargaarsa gaafataniif kana dura kan gaafanne Dura Taa'aan Waldaa Muuziqaa Oromoo kan ture Artist Tsaggaayee Dandanaa (Sayyoo)n rakkoon dinagdee artistoota Oromoo gadhiisuu didde rakkoo hojmaata muuziqaa biyyattii keessa jirurraa madda jedhee ture.

"Erga bara ce'umsaa 1983 asitti aartii kana dhaabbata isaa jalaa jiksan. Akkaataan muuziqaa itti qopheessanii fi itti gurguratan hin jiru. Hojmaatatu jalaa bade. Hojmaatichi garee wayiitin dhuunfatame. Kan kalaqus, kan pirodaakshinii hojjetus isaanuma," jedha.

Artistoonni bu'aa hojii isaanii kana gurgurtaa isaa irratti kallattiidhaan waan hin hirmaanneef waan argachuu malan dhabaa turani jedha.

"Uummanni aartii kana tola itti tajaajilama. Maallaqaan bittaafi gurgurtaa hin qabu. Bakkiifi akki itti gurguranis hin jiru. Rakkoon kun sirna aartii biyyattiin hordoftu irraa maddas," jedha Tsaggaayeen.

Namoonni aartii keessa jiran kanneen qabeenya horatanii jireenya fooyyee jiraatanis nijiru. Iccitiin warren kanaas jedha Sayyoon, "Warri dargaggoonni kun namarra yookan dhaabileerra deemanii fiffiiganii hojjetu.

''Artistii inni bubbuleeyyiin ammoo namarra deemee hin kadhadhu jedhee ofqabeetuma dhiisa. Saniin ala sirba qabsoos sirbi, kaleessas ta'u dur sirba jalqabi, aartii irraa galiin argamu sanuma," jedha.

Turtii kana dura BBC waliin taasiseen Artiist Habtaamuu Lamuu walleewwan Afaan Oromoo daldala ykn kan galiin itti argatan miti jechuun dubbata.

‘’Amma kana booddee yoo ta'e malee duraan eeyyeen miti. Duraan daldala hinturre.

''Quuqama lammii keessa jiru, ykn waan sitti dhagahame, waan ittiin hacuucamte ummata keetti himuudhaaf qofa ture kanan sirbe,’’ jechuun hima.

Gama kaaniin, araadi rakkoo biraa ta'u kan eeran jiru. Gaazexeessituu Masarat ‘’kuni inuma jiraata. … Haalli hojii isaanii kanaaf isaan saaxiluu danda’a,'' jechuun himti.

Haa ta'u malee, ''inni ijoon isa natti hin fakkaatu,’’ jechuun BBC'tti himte.

Furmaannisaa maali?

Masarat ‘’Rakkoon ummataa gaafa hiikame rakkoon artistoota Oromoos ni hiikama jedheen yaada,'' jetti.

Rakkoo dinagdee artistoota mudatu kanaaf furmaata ta'uu kan danda'u karaa ittiin aartiin maallaqa maddisiisuu danda'u gara kaampaaniitti guddisuu barbaachisa jedha Tsaggaayeen.

"Akkuma investimantii kaaniitti aartiirratti qaama investi godhee gara kaampaaniitti guddisu barbaachisa. Yaanni akkanaa ammoo karaa mootummaatis, karaa nama dhuunfaas hin jiru," jedha.

Hojimaanni kun hamma hojiirra hin oolletti ammoo artistoonni hojii galii ittiin argatan biraa barbaaduu akka qabanis dhaama.

"Aartiin yoo bade uummatatu bada malee artistii sana qofa miti. Artistoonni kan beekuu qaban waan inni itti dadhabee hojjete sana uummanni tola itti fayyadama taanaan aartii kana hojjechuu hin qaban," jedha.

Hanga ammaattis rakkatanii uummataaf jecha hojjetu malee artistoonni galii achirraa argamuun of jiraachisuuf qofa miti jechuun dubbata.

Waldaan Muuziqaa Oromoo hojiilee ogummaa irratti waldeeggaruuf hundaa'e kan jedhu Tsaggaayeen, Waldichi hojimaatas ta'e dandeettii artistoota rakkoof saaxilaman itti gargaaruu akka hin qabne hima.

Namoonni aartii rakkoof saaxilamanii uummata gargaarsa gaafatan dabalaa dhufuu isaatiin artistoonni waldaa walgargaarsaa hundeefachuu akka qabanis dhaama.