Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Alii Birraa ibsaa hin dhaamnedha'- MM Abiy Ahimad
Artistii gameessi Itoophiyaa Dr Alii Birraa umurii isaanii ganna 75niin boqachuu hordofee jaalattootnii isaanii fi qondaalonni mootummaas gadda isaanii ibsataa jiru.
MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed, ''Alii Birraan mootii muuziqaa ta'uu isaatiif ragaan, Qinyiitiiwwan [rukuttaa] muuziqaa hundarratti sirbuu isaati,'' jedhan.
''Kanaanis Aartistii gameessaa Afrikaa ta'uun badhaafameera. Isaaf muuziqaan salphaadha. Makkoofi rakkoo sabaa tuulame, taa'ee daqiiqaa shan keessaatti akka daawwitiitti namatti muldhisa,'' jedhan.
MM Abiy waa'ee Alii Birraa yoo himan artistii aartiin sabaafi Afaaniin, qabeenyaafi dhabuudhaan akka nama hin qoodne qalbeeffatee sadoofi qananii dhala namaa waliin qooddateedha jedhan.
Hundaa’ol ammoo sirbi Alii Birraa “Haati teenya tokkoo maaltu addaan nu baase” jedhu, Ulfinaafi guddina Alii Birraaf ragaa baha. Aliin wallee isaa kana keessatti namni nama hin caalu jedha.
Hundi keenya haadha tokko irraa dhalanne sirboota Alii keessaa tokko caqasanii ibsan.
Alii Birraa afaanota adda addaa torbaan weelliseera. Afaan Sudaanii fi Somaalee isaan keessaa tokko.
Artist Alii Mohaammad Birraa waa'ee uumaa fi uumamaa, nagaa fi jaalalaa, tokkummaa fi barnootaa, duudhaa fi siyaasa Oromoo irratti waggoota 50 oliif weellisaa ture.
Dr Abiy Ahimadis sirboota Alii yoo ibsan, ''sirboonni isaa warra hardha dhaggeeffatamanii boru nuffaman osoo hin taane, Walleelee bara ce'anii jiraatan warra kaleessaas turanii, hardhas jiraatanii, boruuf ammoo galaa ta'aniitu baay'atu,'' jedhan.
Alii Birraa “Ibsaa hin dhaamnedha.” Isatu nurraa boqote malee Hojiin inni nuuf gumaache bara baraan jiraatu jedhan.
Dabalataan kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee boqachuu artist Alii Birraan gadda isaanitti dhagahame ibsaniiru.
Artist Alii Birraa waggoota 50 oliif erga muuziqaa keessa turanii kaleessa Sadaasa 6/2022 umurii isaanii ganna 75niin adunyaa irraa du'aan kan boqatan.