Aartiifi Aadaa: 'Haalli Weellisaa Ibraahim Adam keessa jiru calaqqee gadadoo aartistoonni Oromoo keessa jiran'

Aartiin 'meeshaa' qabsoo ummanni Oromoo hacuuccaa siyaasaafi diinagdee keessa jiru keessaa bahuuf dhaloota dhufaa darbaan itti fayyadamaa as gahedha.

Keessumaa walleen qabsoo kana keessatti bakka ol-aanaa akka qabu beektonni aartiifi siyaasa qoratan ni himu.

Weellistoonni sagalee guddistuu qabsoo ta'uun ummanni akka dammaqu, aadaa isaa akka cimsu, duudhaa isaa akka jabeeffatuufi seenaa isaa akka yaadatu hojjetaniiru, hojjechaas jiru.

Yeroo kana hojjetanitti ammoo qaama hojii isaanii kanaan kanneen hin gammanneen yeroo rakkoo hamaa hanga lubbuu dhabuutti yeroo saaxilaman mul'ata.

Hacuuccaa afaaniifi aadaa Oromoorra tureenis artistoonni gama dinagdeetiinis hedduu hubamoodha.

Durattuus artitstoonni Oromoo maallaqa argatan jiraateef osoo hin taane karaa ittiin gahee isaanii bahatan akka ta'etti dubbatu.

Waloo beekamaa Simee Tufaan, "Weellistootni keenya weellistoota qofa miti, qabsoodha gaggeessu," jedha yeroo isaan ibsu.

Kitaabni 'Qaalii' jedhamu waa'ee seenaa artistoota Oromoo ajjeefamanii himu Gaazexeessaa Obsii Fileefi Barsiisaa Baqqalaa Lataan barreeffame maal keessa akka darbaniifi hanga wareegama lubbuutti haarsaa akka kaffalan addeessa.

Eebbisaa Addunyaa, Usmaayyoo Muusaa, Yooseef Gammachuu, Daadhii Galaaniifi Haacaaluu Hundeessaa warra dirree aartii kana keessatti wareegama lubbuu kanfalanii darban keessaa muraasa.

Kanneen lubbuu dhabaniin alattis dirree aartii Oromoo hadhooftuu kana keessatti kanneen dararaafi baqaa, hiyyummaa fi rakkoon itti marmartes laayyoo miti.

Gaafa dhibaman wallaansaafillee maallaqa waan hin qabneef, artistoonni gaafa rakkoon itti hammaatte ummatatti bahanii deeggarsa gaafatanii yaala fayyaa argatanis hedduudha.

Tibba kanas weellisaa Gameessi Ibraahim Adam dhukkubsatee yaala dhabuun harka lammii gaafachaa jira.

Waggoota jahan darban kana dhukkubsachaan ture. ''Dhukkuba hedduutu harkaa naqaba. Waanin ittiin yaala argadhu homaa hin qabu. Harkatu harka dhiqaa lammiin tiyya akka nagargaaranin gaafadha," jechuun BBC'tti dubbate.

Weellisaan kun erga bara 1970 hanga yeroo dhihootti dirree aartii kana keessa ture. Sirboota 40 tahan akka hojjetes ni dubbata.

Sirboonni isaa 'Faffacaaneefi Damma Daamuu' jedhan warra inni ittiin beekamu keessaa muraasa.

Artistoonni Oromoo maalif dinagdeen of dadhabu?

Dura taa'aa Waldaa Muuziqaa Oromoo kan ta'e artist Tsaggaayee Dandanaa (Sayyoo)n rakkoon dinagdee artistoota Oromoo gadhiisuu didde rakkoo hojmaata muuziqaa biyyattii keessa jirurraa madda jedha.

"Erga bara ce'umsaa 1983 asitti aartii kana dhaabbata isaa jalaa jiksan. Akkaataan muuziqaa itti qopheessanii fi itti gurguratan hin jiru. Hojmaatatu jalaa bade. Hojmaatichi garee wayiitin dhuunfatame. Kan kalaqus, kan pirodaakshinii hojjetus isaanuma," jedha.

Artistoonni bu'aa hojii isaanii kana gurgurtaa isaa irratti kallattiidhaan waan hin hirmaanneef waan argachuu malan dhabaa turani jedha.

"Uummanni aartii kana tola itti tajaajilama. Maallaqaan bittaafi gurgurtaa hin qabu. Bakkiifi akki itti gurguranis hin jiru. Rakkoon kun sirna aartii biyyattiin hordoftu irraa maddas," jedha Tsaggaayeen.

Namoonni aartii keessa jiran kanneen qabeenya horatanii jireenya fooyyee jiraatanis nijiru. Iccitiin warren kanaas jedha Sayyoon, "Warri dargaggoonni kun namarra yookan dhaabileerra deemanii fiffiiganii hojjetu.

Artistii inni bubbuleeyyiin ammoo namarra deemee hin kadhadhu jedhee ofqabeetuma dhiisa. Saniin ala sirba qabsoos sirbi, kaleessas ta'u dur sirba jalqabi, aartii irraa galiin argamu sanuma," jedha.

Haalli Weellisaa Ibraahim Adam keessa jirus calaqqee gadadoo aartistoonni Oromoo keessa jiran kana agarsiisa.

Furmaannisaa maal?

Rakkoo dinagdee artistoota mudatu kanaaf furmaata ta'uu kan danda'u karaa ittiin aartiin maallaqa maddisiisuu danda'u gara kaampaaniitti guddisuu barbaachisa jedha Tsaggaayeen.

"Akkuma investimantii kaaniitti aartiirratti qaama investi godhee gara kaampaaniitti guddisu barbaachisa. Yaadni akkanaa ammoo karaa mootummaatis, karaa nama dhuunfaas hin jiru," jedha.

Hojimaanni kun hamma hojiirra hin oolletti ammoo artistoonni hojii galii ittiin argatan biraa barbaaduu akka qabanis dhaama.

"Aartiin yoo bade uummatatu bada malee artistii sana qofa miti. Artistoonni kan beekuu qaban waan inni itti dadhabee hojjete sana uummanni tola itti fayyadama taanaan aartii kana hojjechuu hin qaban," jedha.

Hanga ammaattis rakkatanii uummataaf jecha hojjetu malee artistoonni galii achirraa argamuun of jiraachisuuf qofa miti jechuun dubbata.

Waldaan Muuziqaa Oromoo hojiilee ogummaa irratti waldeeggaruuf hundaa'e kan jedhu Tsaggaayeen, Waldichi hojimaatas ta'e dandeettii artistoota rakkoof saaxilaman itti gargaaruu akka hin qabne hima.

Namoonni aartii rakkoof saaxilamanii uummata gargaarsa gaafatan dabalaa dhufuu isaatiin artistoonni waldaa walgargaarsaa hundeefachuu akka qabanis dhaama.