Singaapooritti waraqaan ragaa abbummaa konkolaataa birrii miiliyoona ja'a gahe

Konkolaataawwan daandii Singaapoor irraa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Singaapooritti abbaa konkolaataa guddaa tokkoo tahuuf waraqaa ragaa abbummaa doolaara 106,619 ykn birrii miiliyoona jahaan gurguramaa jira.

Bulchiinsi magaalaa Singaapoor waraqaa ragaa abbummaa baay'ina konkolaataan daandiin dhiphachuu hir'isuuf jecha ture waggaa 10 dura bara 1990tti kan jalqabsiiste.

Namoonni fuulduratti konkolaataa dhuunfachuu barbaadan dursanii waraqaa ragaa kana argachuun irra jiraata.

Waraqaan ragaa kuni torbee lama lamaan caal-baasiidhaan yoo tahu kan gurguramu hamma waraqaa ragaa gurguramus mootummaan ni to'ata,

Gibiraafi qaraxni konkolaataa alaa yeroo galu dabalamuun Singaapoor biyya konkolaataa gatii qaaliin itti gurguramu ishee taasisa.

Fakkeenyaaf konkolaataan Toyota Camry Hybrid jedhamu birrii miiliyoona 14tti siqu baasa. Kunis gatii konkolaataan kuni Ameerikaatti gurguramu harka jahaan caala.

Konkolaataawwan xixiqqoo, doqdoqqee fi konkolaataa daldalaaf waraqaa ragaa garagaraatu jira.

Gatiin waraqaa ragaa konkolaataa weerara koovidiin booda fedhiin konkolaataa bitachuu waan dabalaa dhufeef akkaan dabale, mootummaan immoo isa gatii cabsaa ture dhaabuuf jira.

Waraqaan ragaa inni gatii xiqqaa doolaara 104,000'n gurgurama, kunis bara 2020 irraa qabee dachaa sadiin kan dabale yoo tahu, yeroo weerara kooviid fedhiin konkolaataa bitachuu akkaan hir'isee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraqaan ragaa biraan immoo gosa konkolaataa hojii kamiifuu oolu haa tahu gatiinsaa hamma doolaara 152,000 gahuu danda'a.

Aliis Chaang dhaabbata konkolaataa Toyota Borneo Motors keessaa kan hojjettu yoo tahu, konkolaataa haaraa bitachuuf fedhiin guddaan waan jiruuf gatiin waraqaa ragaa akkaan dabalee jette.

''Yeroo konkolaataa qananii tahe galchinu namni bitachuuf hiriira qabata,'' jetti.

Singaapoor biyya xiqqoo taatullee miiliyenaroota baayyee qabaachuun biyyoota maqaan dhahaman keessaati.

Haa tahu malee nama Singaapoor tokko galiinsaa doolaara 70,000 taheef gatiin waraqaa ragaa kuni konkolaataa bitachuu ulfaataa jalaa godha jedhameera.

Mootummaan jiraattonni geejiba uummataaf qophaa'e akka fayyadaman jajjabeessa. Sirni geejibaa biyyattis kanneen akka addunyaatti gaariifi filatamoo jedhaman keessaati.

Bara darbe doolaariin Singaapoor biiliyoona 60 tahu waggoota kudhan dhufanitti geejiba biyyattii fooyyessuuf ramadamera.

Biyyi bulchiinsa magaalaa uummata miiliyoona 5.5 qabdu konkolaataa bara darbe dhuunfaa miiliyoona tokko qabdi.

Waraqaan ragaa haaraa kennamu konkolaataa durii hangamtu daandiirra maqfama jedhu irratti hundaa'a.